Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

JW LIBRARY

Kutaa “History” Jedhutti Fayyadamaa—Andirooyidii

Kutaa “History” Jedhutti Fayyadamaa—Andirooyidii

JW Libraryiin mata dureewwan ykn boqonnaawwan Kitaaba Qulqulluu dubbistan galmeessee kaaʼa. Kun fakkeenyaaf caqasa kanaan dura dubbiste deebistee ilaaluuf si fayyada.

Kutaa “History” jedhutti fayyadamuuf qajeelfamoota armaan gadii hordofi:

 Wanta banamee ture “History” keessaa ilaaluu

Caqasoota ykn mata dureewwan dhiheenyatti dubbiste ilaaluuf mallattoo wantoota bantee turte argisiisu tuqi. Irra deebitee ilaaluuf caqasa ykn mata duree achi keessatti tarreeffamee keessaa isa barbaaddu tuqi.

 Wanta banamee ture “History” keessaa balleessu

Wantoota banamanii turan ilaaluuf mallattoo wantoota bantee turte sitti argisiisu tuqi. Wantoota tarreeffaman balleessuuf Clear isa jedhu tuqi.

Qabiyyeewwan kun Caamsaa 2014 JW Library 1.2f kan qophaaʼan siʼa taʼu, lakkoofsa Andirooyidii 2.3 ykn isaa ol taʼeef hojjetu. Qabiyyeewwan kana arguu yoo dadhabde, mata duree “‘JW Library’ Fayyadamuu Jalqabaa—Andirooyidii,” jedhu jalaa, qajeelfama mata duree xiqqaa Wantoota Haaraa Argadhu jedhu jala jiru ilaali.