Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhugaa Baatonni Yihowaa Ijoolleen Isaanii Amantii Isaanii Akka Hordofan ni Dirqisiisuu?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Ijoolleen Isaanii Amantii Isaanii Akka Hordofan ni Dirqisiisuu?

 Waaqayyoon waaqeffachuun murtoo dhuunfaa waan taʼeef matumaa akkas hin godhan. (Roomaa 14:12) Dhugaa Baatonni Yihowaa dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu ijoollee isaanii ni barsiisu; haa taʼu malee, ijoolleen isaanii guddachaa yeroo deeman, Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu ilaalchisee murtoo dhuunfaa gochuu qabu.—Roomaa 12:2; Galaatiyaa 6:5.

 Akkuma namoota warra taʼan kaanii, Dhugaa Baatonni Yihowaas ijoollee isaaniitiif waan gaarii hawwu. Warri, ogummaa, naamusaa fi barumsawwan amantii dabalatee wanta isaan fayyada jedhanii yaadan ijoollee isaanii ni barsiisu. Dhugaa Baatonni Yihowaa Kitaabni Qulqulluun, daandii jireenyaa hunda caalaa gaarii taʼe akka barsiisu amanu. Kanaafuu, ijoollee isaanii wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu fi walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti argamuudhaan ulaagaa kitaabichaa isaan hubachiisuuf yaalu. (Keessa Deebii 6:6, 7) Sana booda, yeroo guddatanitti, amantii warra isaanii hordofuu ilaalchisee beekumsa qaban irratti hundaaʼanii murtoo gochuu dandaʼu.

 Dhugaa Baatonni Yihowaa daaʼima ni cuuphsisuu?

 Lakki. Kitaabni Qulqulluun cuuphaa daaʼimmanii hin jajjabeessu. Fakkeenyaaf, Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa cuuphamuu isaanii dura ergicha akka dhagaʼan, ‘gammachuudhaan akka fudhatanii’ fi yaada akka geddaratan ibsameera. (Hojii Ergamootaa 2:14, 22, 38, 41) Kanaafuu, namni tokko cuuphamuuf wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu hubachuu, itti amanuu, akkasumas wanta barate sana jireenya isaa keessatti hojii irra oolchuuf murteessuu qaba. Daaʼimni tokko immoo kana gochuu hin dandaʼu.

 Ijoolleen yeroo guddachaa deeman cuuphamuuf murteessuu dandaʼu. Kana gochuuf garuu, murtoon godhan maal jechuu akka taʼe hubachuu qabu.

 Dhugaa Baatonni Yihowaa, ijoollee isaanii cuuphamuu hin barbaanne irraa ni fagaatuu?

 Lakki. Dhugaa Baatonni ijoolleen isaanii amantii isaanii yoo fudhachuu didan kan gaddan taʼu illee, ilma ykn intala isaanii waan jaallataniif Dhugaa Baatuu taʼuu diduu isaaniitiin qofa walitti dhufeenya isaan wajjin qaban addaan hin kutan.

Namni tokko umuriin isaa meeqa iyyuu yoo taʼe, cuuphamuuf ykn dhiisuuf ofuma isaatiif murteessuu qaba

 Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo lallaban ijoollee isaanii qabatanii kan deeman maaliifi?

 Ijoolleen keenya hojii lallabaa irratti akka hirmaatan gochuuf sababii hedduu qabna. a

  •   Kitaabni Qulqulluun, warri ijoolleen isaanii Waaqayyoon akka waaqeffatan leenjisuudhaan karaa hafuuraa akka isaan barsiisan isaan ajaja. (Efesoon 6:4) Waaqeffannaan amantii ofii namoota duratti ibsuu waan dabalatuuf, wanti guddaan karaa hafuuraa ijoollee barsiisuuf gargaaru lallaba irratti akka hirmaatan gochuu dha.—Roomaa 10:9, 10; Ibroota 13:15.

  •   Kitaabni Qulqulluun, dargaggoonni ‘maqaa Waaqayyoo akka jajatan’ isaan jajjabeessa. (Faarfannaa 148:12, 13) Karaa Waaqayyoon itti jajannu keessaa inni guddaan waaʼee isaa warra kaanitti himuu dha. b

  •   Ijoolleen warra isaanii wajjin hojii lallabaa irratti hirmaachuun isaanii baayʼee isaan fayyada. Fakkeenyaaf, namoota adda addaa wajjin akkamitti akka walii galan baratu; kana malees, amalawwan gaggaarii akka gara laafinaa, gaarummaa, kabajaa fi ofittummaa irraa fagaachuu jiran baratu. Akkasumas yaada Kitaaba Qulqulluu amantii isaaniitiif buʼuura taʼe wajjin caalaatti wal baru.

 Dhugaa Baatonni Yihowaa ayyaana waggaa ykn ayyaanota kaan ni kabajuu?

 Dhugaa Baatonni Yihowaa, ayyaanota amantaa ykn ayyaanota Waaqayyoon hin gammachiisne kan biroo irratti hin hirmaatan. c (2 Qorontos 6:14-17; Efesoon 5:10) Fakkeenyaaf, guyyaa dhalootaas taʼe ayyaana qillee maddi isaanii Kiristiyaanummaa hin taane kabajuu irratti hin hirmaannu.

 Haa taʼu malee, maatiiwwan keenya wajjin yeroo dabarsuu fi ijoollee keenyaaf kennaa kennuun nu gammachiisa. Waggaa waggaadhaan qofa maatiidhaan walitti qabamuu fi kennaa waliif kennuu mannaa, waggaa keessatti siʼa baayʼee walitti qabamna, kennaas waliif kennina.

Kiristiyaanonni ijoollee qaban ijoollee isaaniitiif kennaa kennuun isaan gammachiisa

a Akka walii galaatti ijoolleen Dhugaa Baatota taʼan warra isaanii malee ykn immoo nama gaʼeessa itti gaafatamummaan itti dhagaʼamu kan biraa wajjin yoo taʼe malee kophaa isaanii hojii lallabaa keenya irratti hin hirmaatan.

b Kitaabni Qulqulluun, ijoollee waaʼee amantii isaanii warra kaanitti himuudhaan Waaqayyoon gammachiisan hedduu ni ibsa.—2 Mootota 5:1-3; Maatewos 21:15, 16; Luqaas 2:42, 46, 47.

d Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.