Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhugaa Baatonni Yihowaa Manaa Gara Manaa Kan Deeman Maaliifi?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Manaa Gara Manaa Kan Deeman Maaliifi?

 Yesus duuka buutotasaatiin, “Saba hundumaa bartoota koo godhaa!” jedheera. (Maatewos 28:19, 20) Bartootasaa jaarraa jalqabaa yommuu ergetti, gara mana namootaa akka deeman isaan ajajeera. (Maatewos 10:7, 11-13) Erga Yesus duʼee boodas Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa, ‘waldaattis taʼe manaa gara manaatti’ deemuudhaan ergaasaanii namootatti himuu itti fufanii turan. (Hojii Ergamootaa 5:42; 20:20) Nuyis fakkeenya Kiristiyaanota kanaa kan hordofnu siʼa taʼu, namootaaf lallabuuf tajaajilli manaa gara manaa mala gaarii akka taʼe hubanneerra.