Dhimma ijoo ta'etti seeni

Waaqayyo Dhiifama Naa Godhaa?

Waaqayyo Dhiifama Naa Godhaa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Eeyyeen, tarkaanfiiwwan sirrii taʼan yoo fudhatte Waaqayyo dhiifama sii godha. Kitaabni Qulqulluun, Waaqayyo “isa cubbuu namaaf dhiisuudhaaf qophaa’ee” fi “araarri isaa guddaa ta’e” akka taʼe dubbata. (Nahimiyaa 9:17; Faarfannaa 86:5; Isaayaas 55:7) Yeroo dhiifama nuuf godhu guutummaatti nuu dhiisa. Cubbuun keenya ‘ni haqama.’ (Hojii Ergamootaa 3:19) Waaqayyo, “Cubbuu isaaniis deebi’ee isaanitti hin lakkaa’u” waan jedheef, dhiifama kan nuuf godhu yeroo hundaafi. (Ermiyaas 31:34) Takkaa dhiifama erga nuu godhee booda, cubbuu keenya deebisee yaaduudhaan ittiin nu hin adabu.

 Haa taʼu malee, Waaqayyo dhiifama kan godhu humna waan hin qabneef ykn miiraan kakaʼee miti. Ulaagaalee isaa qajeelummaa irratti hundaaʼan gonkumaa hin jalʼisu. Kanaan kan kaʼes, cubbuuwwan tokko tokkoof dhiifama hin godhu.—Isaayaas 24:19, 20.

Dhiifama Waaqayyoo Argachuuf Tarkaanfiiwwan Akkamii Fudhachuu Qabna?

  1.   Cubbuu hojjechuu keetiin ulaagaa Waaqayyoo akka cabsite amanii fudhadhu. Wanta hojjetteen warri kaanis miidhamanii taʼuu dandaʼus, cubbuu hojjetteen hunda caalaa kan gaddisiiste Waaqayyoon akka taʼe hubachuu qabda.—Faarfannaa 51:1, 4; Hojii Ergamootaa 24:16.

  2.   Cubbuu kee kadhannaadhaan Waaqayyotti himadhu.—Faarfannaa 32:5; 1 Yohaannis 1:9.

  3.   Cubbuu hojjechuu keetiif garaadhaa gaddi. “Karaa Waaqayyoon gammachiisuun gadduun” cubbuu irraa deebiʼuu fi yaada jijjiirrachuuf si kakaasa. (2 Qorontos 7:10) Kun immoo tarkaanfiiwwan gara cubbuutti nu geessan sanatti gaabbuu dabalata.—Maatewos 5:27, 28.

  4.   Wanta hojjettu sana dhiisi, jechuunis irraa ‘deebiʼi.’ (Hojii Ergamootaa 3:19) Kana jechuun, dogoggora hojjettu tokko irraa fagaachuu ykn karaa itti yaadduu fi wanta tokko raawwattu hunda irratti jijjiirama gochuu jechuu taʼuu dandaʼa.—Efesoon 4:23, 24.

  5.   Dogoggora sana sirreessuuf ykn wanta bade sana qajeelchuuf tarkaanfii fudhadhu. (Maatewos 5:23, 24; 2 Qorontos 7:11) Namoota wanta ati raawwatteen ykn raawwachuu dhiiste sanaan miidhaman dhiifama gaafadhu; akkasumas hamma dandeesse wanta balleessite sana bakka buusuuf yaali.—Luqaas 19:7-10.

  6.   Furii Yesuus irratti hundaaʼuudhaan dhiifama akka sii godhu kadhannaadhaan Waaqayyoon gaafadhu. (Efesoon 1:7) Kadhannaan kee deebii akka argatuuf, namooa cubbuu si irratti hojjetaniif dhiifama gochuu qabda.—Maatewos 6:14, 15.

  7.   Cubbuun kee guddaa yoo taʼe, nama karaa hafuuraa si gargaaruuf gaʼumsa qabuu fi siif kadhachuu dandaʼu tokkotti himi.—Yaaqoob 5:14-16.

Dhiifama Waaqayyoo argachuu ilaalchisee yaada dogoggoraa jiru

 “Cubbuun koo guddaa waan taʼeef dhiifama hin argadhu.”

Waaqayyo ejjaa fi ajjeechaa Daawit raawwateef dhiifama isaaf godheera

 Dandeettiin Waaqayyo dhiifama gochuuf qabu cubbuu keenya irra waan caaluuf, tarkaanfiiwwan inni Kitaaba Qulqulluu keessa kaaʼe yoo fudhanne dhiifama ni arganna. Waaqayyo, cubbuuwwan guguddaas taʼe cubbuuwwan irra deddeebinee hojjenne nuuf dhiisuu ni dandaʼa.—Fakkeenya 24:16; Isaayaas 1:18.

 Fakkeenyaaf, mootii Israaʼel kan ture Daawiit ejja kan raawwatee fi lubbuu namaa kan balleesse taʼus dhiifamni isaaf godhameera. (2 Saamuʼel 12:7-13) Phaawulos ergamaan inni eenyu iyyuu caalaa cubbammaa akka taʼe itti dhagaʼamee tures dhiifama argateera. (1 Ximotewos 1:15, 16) Yihudoonni jaarraa jalqabaa Yesuusiin ajjeesuu isaaniitiin Waaqayyo biratti itti gaafataman illee, karaa isaanii jijjiirrataniiru taanaan dhiifama argataniiru.—Hojii Ergamootaa 3:15, 19.

 “Qeesiitti ykn tajaajilaa amantii tokkotti yoon himadhe cubbuun koo naaf haqama.”

 Cubbuu namni tokko Waaqayyo irratti hojjeteef dhiifama gochuuf namni aangoo qabu hin jiru. Namni tokko cubbuu isaa nama kan biraatti himachuun isaa akka bayyanatu kan godhu taʼu illee, dhiifama isaaf gochuu kan dandaʼu Waaqayyo qofa dha.—Efesoon 4:32; 1 Yohaannis 1:7, 9.

 Erga akkas taʼee, Yesuus ergamoota isaatiin, “Isin cubbuu nama kamii iyyuu yoo isaaf dhiistan ni dhiifamaaf; cubbuu isaa yoo dhiisuufii baattan garuu, cubbuun isaa isumaa wajjin jiraata” yeroo jedhu maal jechuu isaa ture ree? (Yohaannis 20:23) Aangoo addaa yeroo ergamoonni isaa hafuura qulqulluu argatanitti isaaniif kennu ibsaa ture.—Yohaannis 20:22.

 Ergamoonni isaa akkuma waadaan isaaniif galame, Dh.K.B. bara 33tti hafuurri qulqulluun yeroo isaan irratti dhangalaʼetti kennaa kana argataniiru. (Hojii Ergamootaa 2:1-4) Pheexiros ergamaan, Hanaaniyaa fi Saphiiraatti kan murteesse angoo kanatti fayyadamee ti. Pheexiros gowwoomsaa isaanii karaa dinqii taʼeen kan beeke yommuu taʼu, murtoon inni kenne cubbuun isaanii akka isaaniif hin dhiifamne argisiiseera.—Hojii Ergamootaa 5:1-11.

 Akkuma kennaawwan fayyisuu fi qooqa hin beekne dubbachuu, kennaan hafuura qulqulluu dinqiidhaan argame kunis erga ergamoonni duʼanii booda hafeera. (1 Qorontos 13:8-10) Kanaafuu, yeroo harʼaatti namni kam iyyuu cubbuu nama kan biraa haquufii hin dandaʼu.