Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhiifama Gochuu Jechuun Maal Jechuu Dha?

Dhiifama Gochuu Jechuun Maal Jechuu Dha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Dhiifama gochuun, balleessaa namni tokko nu irratti raawwate irra isaaf darbuu jechuu dha. Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi Afaan Giriikii “dhiifama gochuu” jedhamee hiikame kallattiidhaan hiika “dhiisuu” jedhu qaba; wanta namni tokko yeroo nama isa irraa liqeeffateef idaa dhiisu godhu argisiisa. Yesuus yommuu duuka buutonni isaa, “Nuti nama idaa irraa qabnu hundaaf waan dhiisneef, cubbuu keenya nuu dhiisi” jedhanii akka kadhatan barsiisetti yaada kana ifa godheera. (Luqaas 11:4, miiljalee) Kana malees, Yesuus fakkeenya waaʼee garbicha gara laafina utuu hin argisiisin hafee dubbate irratti, dhiifama gochuu idaa dhiisuu wajjin wal fakkeesseera.—Maatewos 18:23-35.

 Warra kaaniif dhiifama gooneerra kan jedhame isa isaanitti mufanne yoo dhiisnee fi miidhaa ykn kasaaraa nu irra gaʼeef kiisii yoo gaafachuu baanne dha. Kitaabni Qulqulluun garaadhaa dhiifama gochuu kan dandeenyu jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe yoo qabaanne qofa akka taʼe barsiisa; sababiin isaas, jaalalli “miidhaa isa irra gaʼe galmeessee hin qabatu.”—1 Qorontos 13:4, 5.

Dhiifama gochuu jechuun maal jechuu miti?

  •   Balleessaa raawwatame akka laayyootti ilaaluu. Kitaabni Qulqulluun, namoota gocha hamaa akka waan miidhaa hin geessisnetti ykn akka waan fudhatama qabutti ilaalan ni balaaleffata.—Isaayyaas 5:20.

  •   Balleessaan sun waan hin raawwatamnee fakkeessuu. Waaqayyo, Daawit Mooticha isa cubbuu cimaa hojjeteef dhiifama kan godhe taʼus, rakkina gochi isaa isatti fide irraa isa hin eegne. Waaqayyo cubbuun Daawit raawwate yeroo harʼaatti illee akka yaadatamuuf akka galmeeffamu godheera.—2 Saamuʼel 12:9-13.

  •   Namoonni kaan yeroo isinitti fayyadaman calʼisanii ilaaluu. Fakkeenyaaf, nama tokkoof maallaqa liqeessite haa jennu; garuu inni maallaqicha waan qisaasesseef, waadaa isaa eegee siif deebisuu hin dandeenye. Achiis baayʼee gaddee dhiifama si gaafate. Haaloo isatti qabachuu fi dhimmicha yeroo hunda isatti kaasuu irraa of qusachuudhaan balleessaa isaa isaaf dhiisuuf filachuu dandeessa; tarii immoo liqii sana guutummaatti isaaf dhiisuuf ni yaadda taʼa. Haa taʼu malee, sana booda nama sanaaf maallaqa isaaf liqeessuu irraa of qusachuuf murteessita taʼa.—Faarfannaa 37:21; Fakkeenya 14:15; 22:3; Galaatiyaa 6:7.

  •   Sababa gaʼaa utuu hin qabaatin dhiifama gochuu. Waaqayyo namoota taʼe jedhanii gara jabinaan cubbuu hojjetaniif, akkasumas dogoggora isaanii amanuu, irraa deebiʼuu fi namoota miidhan dhiifama gaafachuu didaniif dhiifama hin godhu. (Fakkeenya 28:13; Hojii Ergamootaa 26:20; Ibroota 10:26) Namoonni balleessaa isaaniitti hin gaabbine akkasii diinota Waaqayyoo taʼu; Waaqayyo immoo namoota inni dhiifama hin gooneef dhiifama akka goonu nu irraa hin eegu.—Faarfannaa 139:21, 22.

     Namni tokko gara jabinaan yakka cimaa si irratti raawwatee dhiifama si gaafachuu ykn wanta raawwate sana amanuu yoo dide hoo? Kitaabni Qulqulluun gorsa, “Dheekkamsa irraa of dhowwi, aariis dhiisi” jedhu kenna. (Faarfannaa 37:8) Nama sanaaf dhiifama gochuu baattus, garmalee aaruu irraa of qusachuu ni dandeessa. Waaqayyoo nama sana akka gaafatu amanannaa qabaadhu. (Ibroota 10:30, 31) Kana malees, Waaqayyo yeroon gaddi yookiin dhiphinni itti hin jiraanne akka fidu yaadachuun kee si jajjabeessuu dandaʼa.—Isaayyaas 65:17; Mulʼata 21:4.

  •   Wantoota xixinnoodhaaf “Dhiifama gochuu.” Yeroo tokko tokko namni tokko akka nutti balleessetti yaannee dhiifama isaaf gochuuf yaaduu mannaa, jalqabuma iyyuu sababa malee akka itti mufanne amannee fudhachuun nu barbaachisuu dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun, “Aariin mallattoo nama gowwaa waan taʼeef, aariidhaaf hin ariifatin” jedha.—Lallaba 7:9, miiljalee.

Nama tokkoof dhiifama gochuu kanan danda’u akkamitti?

  1.   Dhiifama gochuun maalfaa akka dabalatu yaadadhu. Dhiifama gochuu jechuun balleessaa si irratti raawwatame akka laayyootti ilaaluu ykn sirumaa akka waan hin raawwatamnee fakkeessuu jechuu utuu hin taʼin dhiisuu jechuu dha.

  2.   Faayidaa dhiifama gochuun qabu hubadhu. Aarii fi haaloo qabachuu dhiisuun akka tasgabbooftu, haalli fayyaa kee akka fooyyaʼuu fi gammachuun kee akka dabalu gochuuf si gargaara. (Fakkeenya 14:30; Maatewos 5:9) Hunda caalaa immoo, Waaqayyo cubbuu keenyaaf dhiifama akka nuuf godhu yoo barbaanne, warra kaaniif dhiifama gochuu qabna.—Maatewos 6:14, 15.

  3.   Miira namaa hubadhu. Hundi keenya iyyuu mudaa qabna. (Yaaqoob 3:2) Akkuma nuti warri kaan dhiifama akka nuuf godhan barbaannu, nutis dogoggora warri kaan nu irratti raawwataniif dhiifama gochuu qabna.—Maatewos 7:12.

  4.   Sababa qabeessa taʼi. Wantoota xixinnoo irratti namootaa wajjin yommuu walitti bunu gorsa Kitaaba Qulqulluu, “Wal dandaʼuu keessan . . . itti fufaa” jedhu hojii irra oolchuu dandeenya.—Qolosaayis 3:13.

  5.   Dafii tarkaanfii fudhadhu. Aariin kee caalaatti akka hammaatu gochuu mannaa, yeruma sana dhiifama gochuuf carraaqqii dhiifama godhi.—Efesoon 4:26, 27.