Dhimma ijoo ta'etti seeni

Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Dhugaatii Alkoolii Maal Jedha? Dhugaatii Alkoolii Dhuguun Cubbuu Dhaa?

Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Dhugaatii Alkoolii Maal Jedha? Dhugaatii Alkoolii Dhuguun Cubbuu Dhaa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Dhugaatii alkoolii daangaa isaa utuu hin darbin dhuguun cubbuu miti. Kitaabni Qulqulluun wayiniin kennaa Waaqayyoo akka taʼee fi gammachuu akka argamsiisu ibsa. (Faarfannaa 104:14, 15; Lallaba 3:13; 9:7) Kana malees, Kitaabni Qulqulluun wayiniin akka qorichaattis tajaajiluu akka dandaʼu dubbata.—1 Ximotewos 5:23.

 Yesuus yeroo lafa irra turetti wayinii dhugeera. (Maatewos 26:29; Luqaas 7:34) Yesuus cidha gaaʼelaa tokko irratti bishaan gara daadhii wayiniitti jijjiiruudhaan dinqii beekamaa tokko raawwatee arjummaa argisiiseera.—Yohaannis 2:1-10.

Garmalee dhuguun miidhaa akkamii qaba?

 Kitaabni Qulqulluun wayiniin faayidaa akka qabu kan dubbatu taʼus, garmalee dhuguu fi machaaʼuu ni balaaleffata. Kanaafuu, Kiristiyaanni dhugaatii alkoolii dhuguu barbaadu tokko, daangaa isaa utuu hin darbin dhuguu qaba. (1 Ximotewos 3:8; Tiitoo 2:2, 3) Kitaabni Qulqulluun garmalee dhuguu irraa fagaachuu kan qabnu maaliif akka taʼe dubbata.

  •   Dandeettii yaaduu keenya dadhabsiisa. (Fakkeenya 23:29-35) Namni machaaʼu tokko ajaja Kitaaba Qulqulluu akkana jedhu hojii irra oolchuu hin dandaʼu; ‘Qaama keessan aarsaa jiraataa, qulqulluu fi Waaqayyo biratti fudhatama qabu godhaatii dhiheessaa; kunis tajaajila qulqulluu dandeettii yaaduu keessanitti fayyadamtanii dhiheessitani dha.’—Roomaa 12:1.

  •   Garmalee dhuguun qaanii kan hin qabne akka taanu godha; kana malees yaada keenya fudhachuu, jechuunis wanta gaarii gochuuf kakaʼumsa akka dhaabnu gochuu dandaʼa.—Hoseʼaa 4:11; Efesoon 5:18.

  •   Hiyyummaa fi dhibee fayyaa cimaa namatti fiduu dandaʼa.—Fakkeenya 23:21, 31, 32.

  •   Humnaa ol dhuguu fi machiin Yihowaa gaddisiisa.—Fakkeenya 23:20; Galaatiyaa 5:19-21.

Garmalee dhugame kan jedhamu yoomi?

 Namni tokko garmalee dhuge kan jedhamu, dhuguun isaa isa ykn namoota kaan miidhuu yommuu jalqabutti dha. Akka Kitaabni Qulqulluun jedhutti, namni tokko machaaʼee kan jedhamu, yeroo of wallaalu utuu hin taʼin, fakkeenyaaf yeroo joonjaʼuu, gatantaruu, nama wajjin falmuu ykn giingaʼuu jalqabutti dha. (Iyoob 12:25; Faarfannaa 107:27; Fakkeenya 23:29, 30, 33) Namoonni machii irraa fagaatan illee, ‘akka malee dhuguun isaanii, garaa isaaniitti baʼaan akka ulfaatuu’ fi miidhaa guddaan akka isaan irra gaʼu gochuu dandaʼa.—Luqaas 21:34, 35.

Guutummaatti irraa fagaachuu

 Kitaabni Qulqulluun Kiristiyaanonni dhugaatii alkoolii dhuguu irraa guutummaatti yeroon itti fagaachuu qaban akka jirus ni ibsa:

  •   Warra kaan kan gufachiisu yoo taʼe.—Roomaa 14:21.

  •   Seerri biyyichaa dhugaatii alkoolii dhuguu kan dhowwu yoo taʼe.—Roomaa 13:1.

  •   Namni tokko hamma dhugu toʼachuu yoo dadhabe. Namoonni araada dhugaatii qabanii fi dhugaatii alkooliitti karaa sirrii hin taaneen fayyadaman tarkaanfii cimaa fudhachuun isaan barbaachisa.—Maatewos 5:29, 30.