Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

DAMMAQINAAN EEGAA!

Raashiyaan Yuukreeniin Weerarte

Raashiyaan Yuukreeniin Weerarte

 Bulchitoonni biyyoota hedduu waraanni akka hin jalqabneef carraaqqii kan godhan taʼus, Guraandhala 24, 2022 Raashiyaan Yuukreeniin weerarteetti. Waraanni geggeeffamaa jiru kun addunyaa irratti dhiibbaa akkamii geessisuu dandaʼa? Barreessaa ol aanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kan taʼe Antooniyoo Gutereez akkas jedhee ture: “Walitti buʼiinsi kun rakkinaa fi badiisa guddaa geessisa, akkasumas nageenya Awurooppaa fi addunyaa irratti dhiibbaa guddaa fida.”

Akka Kitaaba Qulqulluutti taʼeewwan akkasii maal argisiisu?

  •   Yesuus Kiristoos yeroon itti ‘sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti kaʼu’ akka dhufu dubbatee ture. (Maatewos 24:7) Kitaabni Qulqulluun waraanni yeroo harʼaatti geggeeffamu raawwii raajii Yesuus dubbatee akka taʼe hubachuuf kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe beekuuf, mata duree “Mallattoon ‘Guyyoota Dhumaa’ ykn ‘Dhuma Sirnichaa’ Maali Dha?” jedhu dubbisi.

  •   Kitaabni Mulʼataa inni kutaa Kitaaba Qulqulluu taʼe, inni ‘farda diimaa’ irra taaʼee gulufu ‘nagaa lafa irraa akka fudhatu’ ibsa, kunis waraana argisiisa. (Mulʼata 6:4) Raawwiin raajii kanaa waraana kan argisiisu akkamitti akka taʼe hubachuuf, mata duree “Abbootiin Fardeenii Arfan Eenyufaʼi?” jedhu dubbisi.

  •   Kitaabni Daaniʼel ‘mootii kaabaa’ fi “mootii kibbaa” gidduu wal morkiin akka jiraatu dursee dubbateera. (Daaniʼel 11:25-45) Raashiyaa fi michoonni ishii mootii kaabaa argisiisu kan jennu maaliif akka taʼe hubachuuf viidiyoo Raajii Raawwatame—Daaniʼel Boqonnaa 11 jedhamu ilaali. a

  •   Kitaabni mulʼataa waaʼee ‘waraana isa guyyaa guddaa Waaqa Hundumaa Dandaʼuus’ ni dubbata. (Mulʼata 16:14, 16) Kun garuu waraana biyyoota gidduutti geggeeffamuu fi yeroo ammatti argaa jirru kan argisiisu miti. Taʼeewwan gara fuulduraa ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, mata duree “Waraanni Armaagedoon Maali Dha?” jedhu dubbisi.

Yeroo gara fuulduraa ilaalchisee abdii qabaachuu kan dandeessu maaliifi?

 Dhugaa Baatonni Yihowaa 129,000 ol taʼan Yuukreen keessa jiraatu. Akkuma Dhugaa Baatota biyyoota kaanitti argamanii isaanis siyaasa keessa galuu dhiisuu fi waraana irratti hirmaachuu dhiisuudhaan fakkeenya Yesuus hordofu. (Yohaannis 18:36) Addunyaa maratti Dhugaa Baatonni Yihowaa ‘misiraachoo Mootummichaa’ isa waraana dabalatee rakkina ilmaan namootaa hundaaf furmaata argamsiisu labsaa jiru. (Maatewos 24:14) Abdii Kitaaba Qulqulluu keessa jiru ilaalchisee barumsaa dabalataa argachuuf akka nuu wajjin wal qunnamtu si afeerra.

a Raajii kana ilaalchisee odeeffannoo guutuu taʼe argachuuf mata dureewwan “Bara Dhumaatti ‘Mootiin Kaabaa’ Eenyu?” jedhuu fi “Yeroo Ammaatti ‘Mootiin Kaabaa’ Eenyu?” jedhu dubbisi.