Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Anton Petrus/Moment via Getty Images

DAMMAQINAAN EEGAA!

Dhiheenyatti Waraanni Addunyaa ni Geggeeffamaa Laata?—⁠Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Dhiheenyatti Waraanni Addunyaa ni Geggeeffamaa Laata?—⁠Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

 Waggoota 30n darbanitti, namoonni hedduun hariiroon biyyoota hedduu gidduu jiru naga qabeessa akka taʼee fi caalaatti fooyyaʼaa akka deeme isaanitti dhagaʼama ture. Taateewwan dhiheenya kanatti raawwataman garuu ilaalcha isaanii kun sirrii taʼuu dhiisuu akka dandaʼu argisiisu.

  •   “Israaʼelii fi Hizboollaan daangaa Liibaanon irratti wal lolaa waan jiraniif, namoonni hedduun waraanni Gaazaa biyyoota naannoo sana jiran ni miidha jedhanii yaaddaʼaniiru.”—Rooyitarsi, Amajjii 6, 2024.

  •   “Gareewwan Iraaniin geggeeffaman naannoowwan hedduu miidhaa jiru, Iraanis akkuma tasaa Niiwkularii irra deebitee oomishuu jalqabdeetti; Akkasumas Iraan, Raashiyaa fi Chaayinaan wal faana taʼuudhaan biyyoota Lixaatti yaaddoo haaraa taʼaniiru.”—Za Niiwu Yoorki Taayimsi, Amajjii 7, 2024.

  •   “Haleellaan Raashiyaan Yuukreen irratti bante miidhaa guddaa geessisaa jira.”—Yuu Enni Niiwus, Amajjii 11, 2024.

  •   “Chaayinaan gama diinagdee fi humna waraanaatiin guddachuun ishee, carraaqqiin Taayiwaan biyya taʼuuf gochaa jirtu, akkasumas Chaayinaa fi Yuunaayitid Isteetis wal gaarreffachuun isaanii walitti buʼiinsi salphaatti akka uumamu gochuu dandaʼa.”—Za Jaappaan Taayimsi, Amajjii 9, 2024.

 Kitaabni Qulqulluun jeequmsa addunyaa irratti argaa jirru ilaalchisee wanta dubbatu qabaa? Kun waraanni addunyaa akka kaʼu godhaa laata?

Kitaabni Qulqulluun taateewwan amma raawwatamaa jiran dursee dubbateera

 Kitaabni Qulqulluun, waraana amma geggeeffamaa jiran keessaa tokko adda baasuudhaan waraanni akkasii ni geggeeffama jedhee hin dubbanne. Haataʼu malee, waaʼee waraana yeroo harʼaatti babalʼatee fi “nagaa lafa irraa” fudhachaa jiruu dursee dubbateera.—Mulʼata 6:4.

 Kitaabni Daaniʼel, “bara dhumaatti,” bulchitoonni addunyaa irratti humna guddaa qabanii fi wal morkatan, akka ‘wal dhiiban’ ykn olaantummaa argachuuf waldhaansoo akka wal qaban dursee dubbateera. Waldhaansoon isaanii, humna waraanaa isaanii argisiifachuu fi ‘qabeenya’ ykn qarshii hedduu baasii gochuu dabalata.—Daaniʼel 11:40, 42, 43.

Waraana dhiheenyatti geggeeffamu

 Kitaabni Qulqulluun, haalli addunyaa fooyyaʼuu isaa dura caalaatti akka hammaatu dubbateera. Yesuus, “rakkinni guddaan jalqaba addunyaatii kaasee hanga ammaatti taʼee hin beeknee fi lammatas hin taane ni dhufa” jedheera. (Maatewos 24:21) “Rakkinni guddaan” waraana Armaagedoon isa ‘waraana guyyaa guddaa Waaqa Hundumaa Dandaʼuu’ jedhameetti geessa.—Mulʼata 16:14, 16.

 Armaagedoon garuu ilmaan namootaa ni oolcha malee hin balleessu. Waaqayyo waraana kanatti fayyadamee bulchiinsa ilmaan namootaa isa waraanota miidhaa geessisan hedduu fide balleessa. Armaagedoon nagaa bara baraaf turu kan fidu akkamitti akka taʼe baruuf matadureewwan armaan gadii dubbisi: