Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 128

Hamma Dhumaatti Jabaachuu

Hamma Dhumaatti Jabaachuu

(Maatewos 24:13)

  1. 1. Dubbiin Waaqaa fi abdiinsaa

    Akka cimnu godha.

    Wanti baratteef jaallatte

    Mirkanaaʼaaf dhugaa dha.

    Guyyicha dhiheessii ʼlaali,

    Amantiin kee haa cimu.

    Amanamummaa kee eegi;

    Si qulleessa qoramuun.

  2. 2. Jaalala kee durii eegi,

    Baduu ni dandaʼa.

    Maaliyyuu taanaan dandaʼi,

    Qorumsi sirra gaʼa.

    Hammam cimaa yoo taʼeyyuu,

    Hin shakkin, hin sodaatin.

    Badiisni sirra hin gaʼu,

    Waaqni jira sii wajjin.

  3. 3. Hamma dhumaatti kan obsan,

    Fayyina argatu.

    Kitaaba jireenyaarratti,

    Maqaa galmeessifatu.

    Hojiisaa haa baasu fiixaan

    Jabaatanii dhaabbachuun.

    Surraa Yihowaa argatta;

    Gammachuudhaan guutamta.