Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kana Beektaa?

Kana Beektaa?

Magaalaan Nanawwee “mandara dhiiga namaa dhangalaaftu” kan jedhamte maaliifi?

Siidaa Dallaarratti Bocameefi Loltoonni Mataa Boojiʼamtootasaanii Baatanii Deemuudhaan Kuusaa Mataarratti Ennaa Darbatan Argisiisu

Nanawween magaalaa guddittii Asor durii turte. Manneen mootummaafi manneen sagadaa dinqisiisoo daandiiwwan babalʼaa, akkasumas dallaawwan gurguddaa qabdi turte. Naahom raajichi, magaalaan kun “Mandara dhiiga namaa dhangalaaftu” akka taate ibseera.—Naahom 3:1.

Siidaawwan mana mootummaa Senaaheriib isa Nanawweetti argamu keessa dhaabatanii jiran Asoronni gara jabeeyyii akka turan waan mirkaneessaniif, magaalattiin mandara dhiiga namaa dhangalaaftu jedhamuunshee sirriidha. Siidaan inni tokko, loltuun tokko boojiʼamaa ciqileensaa lamaan walitti hidhameefi lafatti gad qabame arrabasaa butee ennaa keessaa baasu argisiisa. Barreeffamoonni supheerratti barreeffaman, boojiʼamtoonni funyaan ykn hidhiinsaanii uramee hokkoodhaan harkifamaa akka turan ibsu. Qondaaltonni boojiʼaman mataa moototasaanii akka faayaatti mormatti akka fannifatan godhama ture.

Hayyuun Arkiibaaldi Heenrii Seeyis jedhamu, gara jabina boojiʼamtootarratti raawwatamu ilaalchisee akkas jedheera: “Bakka injifataan jiru hundatti tuullaan mataa namootaa hin dhabamu; ijoollee dhiiraafi durbaa lubbuudhaan ni gubu ykn hammina kana caalu irratti raawwachuuf isaan tursu turan; dhiironni ni fannifamu, lubbuudhaan utuu jiranii gogaansaanii irraa baafama, ijisaanii ni balleeffama ykn harkiifi miillisaanii akkasumas gurriifi funyaansaanii irraa murama ture.”

Yihudoonni durii manasaaniitti ittisa kan ijaaran maaliifi?

Waaqayyo, “Ati mana haaraa yeroo ijaarrattu, namni bantii isaa irraa kufe dhiiga dhangalaʼuu fi gumaa mana kee irratti akka hin fidnetti, qarqara bantii mana keetti naannessii ittisa itti hojjedhu!” jedhee Yihudoota ajajee ture. (Keessa Deebii 22:8) Maatiin Yihudootaa bantii manaatti yeroo baayʼee waan fayyadamaniif, balaan akka hin geenyeef ittisa ijaaruun barbaachisaa ture.

Manni Israaʼelootaa hedduun baaxii diriiraa qaba ture. Bantiin manaa, aduu qaqqaammachuuf, qilleensa fudhachuuf ykn hojii mana keessaa hojjechuuf iddoo mijaaʼaa ture. Iddoon kun, tibba bonaatti ciisichaaf mijaaʼaa ture. (1 Saamuʼel 9:26) Qotee bulaan tokko midhaan daakamuusaa dura gogsuuf, akkasumas ija harbuufi zabiiba gogsuuf bantii manaarratti afa ture.—Iyaasuu 2:6.

Bantiin manaa waaqeffannaa dhugaadhaafis taʼe sobaatiif ni oola ture. (Nahimiyaa 8:16-18; Ermiyaas 19:13) Yeroo tokko Phexros ergamaan kadhannaa dhiheessuuf guyyaadhaan gara bantiitti baʼee ture. (Hojii Ergamootaa 10:9-16) Bantiin manaa hidda wayniitiin ykn baala meexxiitiin yoo uwwifamemmoo caalaatti iddoo namatti tolu taʼa.

Barreeffamni Za Laand eend za Buuk jedhamu, manneen Israaʼelootaa “manaa alatti, garuu mooraa keessa” darajaa ykn yaabbannoo gara bantiitti geessu akka qaban ibsa. Kanaafuu, namni tokko utuu mana keessa hin seenin banticharraa buʼuu dandaʼa ture. Yaanni kun, akeekkachiisni Yesus magaalaa badiisni itti murteeffame keessaa baʼuun ariifachiisaa taʼuusaa ilaalchisee, “Namni bantii mana isaa irra jiru, waan manicha keessa jiru fudhachuudhaaf gad hin buʼin!” jechuudhaan kenne ifa akka nuu taʼu godha.—Maatewos 24:17.