Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Waaqayyo Eessa Jira Ture?”

“Waaqayyo Eessa Jira Ture?”

GAAFFIIN, “WAAQAYYO EESSA JIRA TURE? JEDHU YEROO HUNDA GARA SAMMUU KOOTTI DHUFA”​—Pooppi Benedikti 16⁠ffaa, yeroo mana hidhaa Oshiwiitiz, Poolaandi duraanii daawwachaa turanitti dubbatan.

YOMMUU BALAA CIMAAN GAʼU ‘WAAQAYYO EESSA JIRA TURE’ JETTEE GAAFATTEE BEEKTAA? YOOKIIN HAALLI GADDISIISAAN JIREENYA KEE KEESSATTI SI MUDATE WAAQAYYO DHUUNFAATTI SIIF YAADUU FI DHIISUU ISAA AKKA SHAKKITU SI GODHEE BEEKAA?

Tarii atis akkuma Shiilaa ishii Yunaayitid Isteetis keessa jiraattuu sitti dhagaʼama taʼa. Maatii amantii cimsee hordofu keessatti waan guddatteef, akkas jetteetti: “Inni Uumaa koo waan taʼeef, ijoollummaa kootii kaasee, Waaqayyoof ilaalcha gaarii qaban ture. Haa taʼu malee, matumaa akkan isatti dhihaadhe natti dhagaʼamee hin beeku. Inni akka na ilaalu kanan yaadu taʼus, kan na ilaalu fagoo taaʼee akka taʼe natti dhagaʼama ture. Waaqayyo akka na jibbu kan natti hin dhagaʼamne taʼus, akka na jaallatu hin amanun ture.” Shiilaan Waaqayyo akka ishii jaallatu kan shakkite maaliifi? Akkas jetteetti: “Haalli gaddisiisaan walitti aansee maatii koo irra gaʼee kan ture siʼa taʼu, Waaqayyo matumaa nu gargaaraa kan hin jirre fakkaata ture.”

Akkuma Shiilaa atis Waaqni Hundumaa Dandaʼu akka jiru ni amanta taʼa. Taʼus, dhugumaan kan siif yaadu taʼuu fi dhiisuu isaa ni shakkita taʼa. Iyoob namni qajeelaan inni humnaa fi ogummaa Uumaan qabutti amanus shakkii akkasii qaba ture. (Iyoob 2:3; 9:4) Iyoob erga haalli gaddisiisaan walitti aansee isa irra gaʼe boqonnaa isa dhabsiisee booda, “Ati maaliif fuula kee na duraa dhoksita? Akka diina keettis maaliif na lakkoofta?” jedhee Waaqayyoon gaafatee ture.—Iyoob 13:24.

Kitaabni Qulqulluun maal jedha? Balaa gaddisiisaa gaʼuuf Waaqayyotu itti gaafatamaa? Waaqayyo waaʼee namoota hundumaas taʼe waaʼee tokkoon tokkoon keenyaa dhuunfaatti akka yaadu ragaan argisiisu jiraa? Waaqayyo dhuunfaatti xiyyeeffannaa kan nuuf kennu, kan nu hubatu, kan nu jaallatu ykn rakkina keenya irratti kan nu gargaaru taʼuu fi dhiisuu isaa mirkanaaʼaa taʼuu kan dandaʼu jiraa?

Mata duree itti aanu irratti Waaqayyo kan nuuf yaadu taʼuu isaa ilaalchisee uumamni maal akka nu barsiisu qoranna. (Roomaa 1:20) Achiis, Waaqayyo kan nuuf yaadu taʼuu isaa ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun maal akka jedhu ilaalla. Karaa uumama isaa fi Dubbii isaa caalaatti ‘isa beekaa’ yommuu adeemtu, akka ‘inni siif yaadu’ caalaatti mirkanaaʼaa taʼaa deemta.—1 Yohaannis 2:3; 1 Pheexiros 5:7.