Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE FUULA JALQABAA

Humna Kee Ol Hojjechaa Jirtaa?

Humna Kee Ol Hojjechaa Jirtaa?

Gar malee hojiin akka sitti baayʼatu sitti dhagaʼamaa? Taanaan, akkas kan itti dhagaʼamu si qofa miti. Barruun The Economist jedhamu, “Namni hundi iddoo kamitti iyyuu hojiin kan isatti baayʼatu fakkaata” jedhee gabaaseera.

QORANNAA bara 2015⁠tti namoota guyyaa guutuu hojjetanii fi biyyoota saddeet keessatti argaman irratti godhameen, baayʼeen isaanii bakka hojii fi mana isaaniitti waan irraa eegamu guutuun akka isaanitti ulfaate dubbataniiru. Wantoonni kanaaf sababii taʼan, itti gaafatamummaan manaa fi iddoo hojiitti qaban dabaluu isaa, jireenyi ulfaachaa dhufuu isaa fi saʼaatii dheeraa hojjechuu kan dabalatu dha. Fakkeenyaaf, Yunaayitid Isteetis keessatti hojjetaan guyyaa guutuu hojjetu tokko, giddu galeessaan torban tokko keessatti saʼaatii 47 akka hojjetu gabaasameera. Yoo xinnaate nama 5 keessaa namni 1 saʼaatii 60 ykn isaa ol akka hojjetu dubbatama!

Qorannaan kan biraa biyyoota 36 keessatti godhame immoo, namoota gaafannoon godhameef keessaa harka afur keessaa tokko yeroo boqonnaa isaaniitti illee yeroo baayʼee akka ariifatan akka isaanitti dhagaʼamu dubbataniiru. Warri sagantaan isaanii wantoota hedduudhaan kan qabame taʼuun isaa ijoollee irrattis miidhaa geessisuu dandaʼa.

Yeroo hunda, wanta yeroon nuuf heyyamu caalaa hojjechuuf yaaluun akka dhiphannu godha; kun immoo nu miidhuu dandaʼa. Haa taʼu malee, madaallii keenya eegnee jiraachuu ni dandeenyaa? Gama kanaan amantaan, filannoo fi galmi keenya shoora akkamii qabu? Mee jalqaba sababiiwwan namoonni gar malee akka hojjetan godhan afur haa ilaalu.

HAWWII WANTA MAATIIDHAAF BARBAACHISU HUNDA GUUTUUF QABAN

Abbaan Geerii jedhamu tokko akkana jedheera: “Torban guutuun hojjechaa ture. Kana kanan godhe, yeroo hunda waan caalaatti gaarii taʼe ijoollee kootiif kennuu waanan barbaaduufi. Ijoolleen koo wantoota ani argadhee hin beekne akka argatan nan barbaada.” Kun fedhii gaarii taʼus, warri wanta dursa kennaafii jiran qoruu qabu. Qorannaawwan tokko tokko akka mulʼisanitti, ijoolleenis taʼan gaʼeessonni qarshii fi qabeenyaaf xiyyeeffannaa guddaa hin kennine, warra wantoota kanaaf xiyyeeffannaa guddaa kennan caalaa gammachuu kan qabanii fi fayya buleeyyii taʼu.

Ijoolleen maatii qabeenyaaf xiyyeeffannaa guddaa kennu keessatti guddatan gammachuu baayʼee hin qaban

Warri tokko tokko ijoolleen isaanii gara fulduraatti jireenya milkaaʼina qabu akka argataniif, isaanis taʼan ijoolleen isaanii hojiiwwan garaa garaatiin akka muddaman taasisu. Kanaan kan kaʼes, warris taʼan ijoolleen baayʼee miidhamu.

“WANTA BAAYʼEE QABAACHUUN GAARII DHA” JEDHANII AMANUU

Namoonni hojii beeksisaa hojjetan yoo meeshaa ammayyaa bitachuu baanne, wanti nutti hafe akka jiru akka yaannu gochuuf yaalu. Barruun The Economist jedhamu, namoonni yeroo muraasa qaban keessatti ‘maal bituu ykn ilaaluu ykn nyaachuu akka qabanii fi akka hin qabne murteessuun waan isaan rakkisuuf, meeshaaleen gabaa irratti argaman baayʼachuun isaanii, namoonni yeroo gaʼaa akka dhaban akka isaanitti dhagaʼamu’ taasiseera.

Bara 1930⁠tti, Ikonomistii beekamaan tokko, ‘Guddinni teknooloojii hojjettoonni yeroo dheeraa itti boqotan akka qabaatan godha’ jedhee ture. Garuu, baayʼee dogoggoree ture! Qopheessitoota barruu New Yorker keessaa tokko kan taate Elizaabet Koolbarti, namoonni “yeroodhaan hojiidhaa baʼuu mannaa, wantoota haaraa argachuu akka barbaadan” dubbatteetti; kun immoo yeroo fi qarshii hedduu gaafata.

WANTA WARRI KAAN ISAAN IRRAA EEGAN GUUTUUF CARRAAQUU

Hojjettoonni tokko tokko namoota isaan hojjechiisan gammachiisuuf jedhanii saʼaatii dheeraadhaaf hojjetu. Namoonni isaanii wajjin hojjetanis, warra saʼaatii dheeraa hin hojjenne irratti dhiibbaa gochuudhaan akka isaan of ceephaʼan godhu. Haalli dinagdee amansiisaa taʼuu dhiisuun isaas, namoonni saʼaatii dheeraa akka hojjetan ykn yeroo waamaman hundatti hojii seenuuf fedhii akka qabaatan taasiseera.

Haaluma wal fakkaatuun, maatiiwwan tokko tokko jireenya maatiiwwan kaanii isa fiigichaan guutame hordofuuf qoramuu dandaʼu. Kana gochuu yoo dhiisan immoo, akka waan ijoollee isaanii waa dhowwatanitti of ilaalanii of ceephaʼuu dandaʼu.

ULFINAA FI GAMMACHUU ARGACHUUF HAWWUU

Tiim inni Yunaayitid Isteetis keessa jiraatu akkana jedheera: “Hojii koo nan jaalladha; yeroo hunda hamman dandaʼu hojjechaan ture. Eenyummaa koo argisiisuu akkan qabu natti dhagaʼamee ture.”

Akkuma Tiim, namoonni baayʼeen hojiin kan itti baayʼatu taʼuun isaa, ilaalcha isaan ofiif qabanii wajjin akka wal qabatu isaanitti dhagaʼama. Kun hoo maal geessisa? Elizaabet Koolbarti ishiin olitti eeramte akkana jetteetti: “Hojiin namatti baayʼachuun isaa hawaasa keessatti iddoo akka qabaannu godha. Hojiin yeroo sitti baayʼatu, caalaatti barbaachisaa akka taatetti ilaalamta.”

MADAALLII KEE EEGGACHUU BARADHU

Kitaabni Qulqulluun jabaatanii hojjechuu jajjabeessa. (Fakkeenya 13:4) Haa taʼu malee, madaallii keenya eeggachuu qabna. Lallabni 4:6, “Rakkinaan itti dadhabanii harka lama guutuu qabaachuu mannaa, gabiitti harka tokko guutuu qabaachuu wayya” jedha.

Jireenya keenya keessatti madaallii keenya eeggachuun fayyaa sammuu fi qaamaatiif barbaachisaa dha. Haa taʼu malee, hojii hirʼisuun ykn suuta hojjechuun ni dandaʼamaa? Eeyyee. Mee yaada arfan kana ilaali:

WANTOOTA SI BARBAACHISANII FI GALMAWWAN KEE ADDA BAAFADHU

Hanga tokko qarshii qabaachuuf yaaduun waanuma jiru dha. Taʼus, qarshii hammamiitu gaʼa? Milkaaʼinni maaliin madaalama? Galii ykn qabeenya qofaan madaalamaa? Mee yaadi, namni tokko yeroo qarshii isaa itti fayyadamu hin qabu taanaan, qarshii argachuun isaa faayidaa maalii qaba? Gama biraatiin immoo, boqonnaa ykn bashannana irratti yeroo dheeraa dabarsuun dhiphina fiduu dandaʼa.

Tiim inni olitti caqasame akkana jedheera: “Anii fi haati manaa koo jireenya keenya akka gaariitti qoruudhaan, jireenya salphaa taʼe jiraachuuf murteessine. Gabatee haala amma irratti argamnuu fi galmawwan haaraa baafanne argisiisu qopheeffanne. Achiis, murtoon kanaan dura goone maal akka geessisee fi galmawwan keenya irra gaʼuuf maal gochuu akka qabnu murteessine.”

DHIIBBAA WANTA HUNDUMAA AKKA BITTUUF SI IRRA GAʼU MOʼI

Kitaabni Qulqulluun ‘hawwii ijaa’ keenya akka toʼannu nu gorsa. (1 Yohaannis 2:15-17) Beeksisni, namni tokko saʼaatii dheeraa akka hojjetu ykn bashannana akka baayʼisu ykn bashannanuuf jecha qarshii hedduu akka baasu gochuudhaan fedhiin akkanaa akka itti caalu gochuu dandaʼa. Beeksisa hunda irraa fagaachuu akka hin dandeenye beekamaa dha. Taʼus, beeksisni hundi dhiibbaa akka si irratti hin geessisne gochuu, akkasumas wanta dhuguma si barbaachisu qofa irratti xiyyeeffachuu ni dandeessa.

Dhiibbaa michoonni kee si irratti gochuu dandaʼanis yaadadhu. Qabeenya argachuuf garmalee kan carraaqan ykn milkaaʼina kan madaalan qabeenyaan yoo taʼe, hiriyoota wantoota dursi kennamuufii qabuuf dursa kennan filachuun kee gaarii dha. Kitaabni Qulqulluun, “Namni ogeessaa wajjin adeemu, ogeessa in taʼa” jedha.—Fakkeenya 13:20.

HANGAM HOJJECHUU AKKA QABDU MURTEESSI

Hojii kee fi wantoota dursa kennituuf ilaalchisee nama si hojjechiisutti himi. Akkasumas, yeroo hojii hin hojjennetti of ceephaʼuu hin qabdu. Kitaabni Work to Live jedhamu akkana jedheera: “Namoonni hojii isaanii bakkuma hojiitti hojjetan ykn boqonnaa fudhatan ilaalcha, ‘Waan ati hin jirreef rakkinni uumamu hin jiru’ jedhu qabu.”

Geeriin inni olitti caqasame, qarshii gaʼaa kan qabu waan tureef saʼaatii hojii isaa hirʼisuuf murteesse. Akkana jedheera: “Maatii koo wajjin erga irratti mariʼannee booda, jireenya salphaa jiraachuu yaanne. Achiis, suutuma suutaan tarkaanfii fudhachuu jalqabne. Akkasumas, torban keessatti guyyoota muraasaaf hojjechuu akkan yaade nama na qacarettin hime; innis tolee naaf jedhe.”

YEROO MAATII KEE WAJJIN DABARSITUUF DURSA KENNI

Abbaan manaa fi haati manaa yeroo waliin dabarsuu barbaadu; ijoolleenis warra isaanii wajjin yeroo dabarsuu qabu. Kanaaf, maatii saʼaatii dheeraadhaaf hojjetuu wajjin hin dorgomin. Geeriin, “Boqochuu fi bashannanuuf yeroo ramadaa; wantoota dursi kennamuufii hin qabne hojjechuu dhiisaa” jedheera.

Maatiidhaan yeroo waliin taatanitti televizyiniin, moobaayiliin ykn meeshaaleen kan biroon akka gargar isin baasan hin heyyaminaa. Yoo xinnaate, guyyaa keessatti yeroo tokko waliin nyaachuuf yaalaa; yeroo kanas waliin haasaʼuuf itti fayyadamaa. Warri gorsa kana yoo hojii irra oolchan, ijoollee isaaniitti nageenyi itti dhagaʼama, barumsa isaaniittis cimoo taʼu.

Yeroo nyaata waliin nyaattan waliin haasaʼaa

Xumura irratti akkana jedhii of gaafadhu: ‘Jireenya koo keessatti maal argachuun barbaada? Maatiin koo hoo maal akka qabaatanin barbaada?’ Fedhiin kee jireenya gammachiisaa fi kaayyoo qabu jiraachuu yoo taʼe, gorsa gaarii Kitaaba Qulqulluu keessatti argamuu fi hojii irra ooluu dandaʼu irratti hundaaʼuudhaan wantoota dursa kennuufii qabdu murteessi.