Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhugaa Baatonni Yihowaa Namoonni Amantii Isaanii Akka Jijjiiran Ni Dirqisiisuu?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Namoonni Amantii Isaanii Akka Jijjiiran Ni Dirqisiisuu?

 Lakki! Akkas hin goonu. Barruu keenya Masaraa Eegumsaa jedhamu irratti yaada akkas jedhu baasnee turre: “Namoonni amantii isaanii akka jijjiiran dirqisiisuun dogoggora dha.” a Namoota dirqisiisuu irraa kan of eeggannu sababiiwwan armaan gadiitiin kan kaʼe dha:

  •   Yesuus barumsa isaa akka fudhataniif namoota dirqisiisee hin beeku. Ergaa isaa kan fudhatan namoota muraasa qofa akka taʼan beeka ture. (Maatewos 7:13, 14) Barattoonni isaa tokko tokko waan inni jedhetti yeroo gufatanitti, isaa wajjin akka turan dirqisiisuu mannaa, akka deeman isaaniif heyyameera.—Yohaannis 6:60-62, 66-68.

  •   Yesuus barattoonni isaa namoonni amantii isaanii akka jijjiiraniif isaan dirqisiisuu akka hin qabne barsiiseera. Barattoonni isaa fedhii isaanii ala misiraachicha akka fudhataniif namoota dirqisiisuu mannaa, namoota dhaggeeffachuu fedhan barbaaduu qabu turan.—Maatewos 10:7, 11-14.

  •   Waaqeffannaan Waaqayyo duratti fudhatama qabu waaqeffannaa garaadhaa madde qofa waan taʼeef, namni tokko dirqamee amantii isaa jijjiiruun isaa faayidaa hin qabu.—Keessa Deebii 6:4, 5; Maatewos 22:37, 38.

Hojiin keenya amantii jijjiirsisuu dhaa?

 Ajaja Kitaaba Qulqulluu keessatti kenname irratti hundoofnee, “bakka namoonni itti walgaʼanii fi manaa gara manaatti” lallabuudhaan, ergaa Kitaaba Qulqulluu, “hanga andaara lafaatti” ni babalʼisna. (Hojii Ergamootaa 1:8; 10:42; 20:20, NW) Haa taʼu malee, al tokko tokko akkuma Kiristiyaanota durii, karaa seeraan ala taʼeen amantii jijjiirsisu jedhamnee ni komatamna. (Hojii Ergamootaa 18:12, 13) Taʼus, komiin kun soba dha. Amantii keenya akka fudhatuuf eenyuun iyyuu dirqisiisuuf hin yaallu. Kanaa mannaa, namoonni filannaa odeeffannoo irratti hundaaʼe gochuu akka dandaʼaniif beekumsa argachuu qabu jennee amanna.

 Namoonni amantii isaanii akka jijjiiran hin dirqisiisnu, amantiidhaan sababeeffannee sochiiwwan siyaasaa hin raawwannu, akkasumas deeggartoota haaraa argachuuf jecha faayidaawwan garaa garaa hin kenninu. Kun namoota Kiristiyaanota ofiin jedhan, garuu immoo wantoota akkasii raawwachuudhaan Kiristosiin salphisan irraa adda nu taasisa. b

Namni tokko amantii isaa jijjiiruuf mirga qabaa?

Abrahaam raajichi amantii firoota isaa dhiiseera

 Eeyyee, Kitaabni Qulqulluun namoonni amantii isaanii jijjiiruuf mirga akka qaban nu hubachiisa. Namoonni amantii firoonni isaanii hordofan dhiisuuf filatanii fi Waaqa isa Dhugaa waaqeffachuuf fedhii isaaniitiin murteessan hedduun Kitaaba Qulqulluu keessatti galmeeffamaniiru. Abrahaam, Ruut, Namoonni Ateenaa tokko tokkoo fi Phaawulos isaan keessaa muraasa dha. (Iyaasuu 24:2; Ruut 1:14-16; Hojii Ergamootaa 17:22, 30-34; Galaatiyaa 1:14, 23) Kana malees, Kitaabni Qulqulluun namni tokko waaqeffannaa Waaqayyo biratti fudhatama qabu dhiisuuf illee mirga akka qabu dubbata.—1 Yohaannis 2:19.

 Labsiin Mirga Namummaa Addunyaa Maraa, inni dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii “buʼuura seera mirga namummaa addunyaa maraa” jechuudhaan waamu mirga amantii jijjiiruu ni deggera. Labsiin kun namni tokko ‘amantii isaa jijjiiruuf’ akkasumas ‘odeeffannoo fi yaadawwan barbaaduuf, fudhachuuf akkasumas warra kaanitti himuuf bilisummaa’ akka qabu dubbata. c Mirga namoonni amantii isaaniitiin itti fufuuf, akkasumas yaada irratti walii hin galle fudhachuu dhiisuuf qaban kabajuun dirqama akka taʼes ibsameera.

Amantii jijjiiruun aadaa maatii tokkoo ni salphisaa?

 Akkas taʼuu hin qabu. Kitaabni Qulqulluun namoota amantii akkamii iyyuu hordofan kabajuu akka qabnu dubbata. (1 Pheexiros 2:17) Kana malees, Dhugaa Baatonni Yihowaa ajaja Kitaabni Qulqulluun warra isaanii akka kabajaniif isaanii kenneef ni ajajamu. Amantii garaa garaa kan hordofan yoo taʼe iyyuu akkas ni godhu.—Efesoon 6:2, 3.

 Haa taʼu malee, yaada Kitaaba Qulqulluu kana irratti kan walii galu nama hunda miti. Dubartiin Zaambiyaa keessatti guddatte tokko, ‘Hawaasa keenya keessatti amantii ofii jijjiiruun, amanamaa taʼuu dhiisuu, maatii fi hawaasa ofii ganuu akka taʼetti ilaalama ture’ jetteetti. Dubartiin kun umurii waggoota kurnanii keessa utuu jirtuu Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin qayyabachuu yeroo jalqabdetti akkasumas yeroo booda amantii ishee jijjiiruuf yeroo murteessitetti dhimmi kun kallattiidhaan ishee mudateera. Akkas jetteetti: “Warri koo baayʼee akka natti gaddanii fi akkan isaan dhiise irra deddeebiʼanii natti himu turan. Ilaalchi warri koo anaaf qaban anaaf iddoo guddaa waan qabuuf, haalli kun natti ulfaatee ture. . . . Aadaawwan amantiitiif utuu hin taʼin Yihowaadhaaf amanamtuu taʼuuf filachuun koo, maatii kootiif amanamtuu hin taane jechuu miti.” d

a Masaraa Eegumsaa 1, 2002 (Amaariffa), fuula 12, keeyyata 15 ilaali.

b Fakkeenyaaf, Dh.K.B. bara 785tti Shaarlman labsii namoonni Saaksoonii keessa jiran Kiristiyaanota taʼanii cuuphamuu yoo baatan akka ajjeefaman ajaju baasee ture. Akkasumas, Nagaan Oogisbarg inni Dh.K.B. bara 1555tti gareewwan Bulchiinsa Roomaa Qulqulluu keessa turanii fi wal lolaa turan mallatteessan, geggeessitoonni garee hundaa amantii Kaatolikii Roomaa ykn Luutaraanii hordofuu akka qabanii fi warri isaan jalatti bulan amantii nama isaan bulchuu akka hordofan kan ajaju ture. Warri amantii geggeessaa isaanii hordofuu didan biyyicha gadhiisanii deemuu qabu turan.

c Mirgawwan akkasii labsiiwwan armaan gadii irrattis ni argamu. Labsii Mirga Namummaa Fi Uummataa Afriikaa, Labsii Mirgaa Fi Itti Gaafatamummaa Namaa Ameerikaa, Labsii Mirga Namummaa Arabaa bara 2004, Labsii Mirga Namummaa ASEAN (Association of Southeast Asian Nations ykn Waldaa Saba Kibba Baha Eeshiyaa), Walii galtee Mirga Namummaa Awurooppaa, Waliigaltee Biyyoolessaa Mirga Siiviilii Fi Siyaasaa. Haa taʼu malee, biyyoonni mirgoota kana akka kennan dubbatan illee hammi isaan mirga kana itti raawwatan garaa garummaa qaba.

d Kitaabni Qulqulluun maqaan Waaqayyoo Yihowaa akka taʼe dubbata.