Dhimma ijoo ta'etti seeni

Gaariiwwan barreeffamaa bakkawwan adda addaa Laas Veegas, Baliivardii fi Laas Veegas Neevaadaa, Ameerikaatti argamanitti qopheeffaman

BITOOTESSA 5, 2024
YUNAAYITID ISTEETIS

Ergaan Kitaaba Qulqulluu Yeroo Tapha Kubbaa Miillaa Torban Suuppar Bool 2024 Geggeeffamutti Balʼinaan Lallabameera

Ergaan Kitaaba Qulqulluu Yeroo Tapha Kubbaa Miillaa Torban Suuppar Bool 2024 Geggeeffamutti Balʼinaan Lallabameera

Guraandhala 11, 2024, qophii beekamaan kubbaa miillaa Ameerikaa Suuppar Bool 2024 Laas Veegas, Neevaadaa, Ameerikaatti taasifameera. Torban taphichi itti geggeeffamutti tilmaamaan namoonnii 300,000 taʼan naannoo kana daawwataniiru. Magaalaa Laas Veegas, Baliivardi bakkawwan namoonni itti baayʼatan keessaa tokko taatetti, gaariiwwan barreeffamaa bakkawwan namoonni itti baayʼatan 50​tti qopheeffamanii turan. Barreeffamoonni Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan afaan sagaliin argamu turan. Obboloonnii fi obboleettonni gara 1,500 taʼan duula lallaba addaa kana irratti hirmaataniiru. Muuxannoowwan obboloonnii fi obboleettonni keenya argatan hedduu keessaa muraasni isaanii armaan gaditti ibsamaniiru.

Namichi tokko gaarii barreeffamaa gaaffii “Lafti Badiisarraa ni Ooltii?” jedhu qabu argisiisu bira darbaa ture. Achiis saffisaan Dhugaa Baatota Yihowaa gaarii sana bira dhaabbatanii jiranitti goree isaan haasofsiisuu jalqabe. Haalli addunyaa amma jiru baayʼee isa yaaddessaa akka jiruu fi waadaa Kitaabni Qulqulluun Ermiyaas 29:11 irratti nagaa akka dhufu dubbatu dhagaʼuu isaatti baayʼee akka gammade isaanitti hime. Obboloota kanaa wajjin gara saʼaatii tokkoo oliif waliin haasaʼan. Deemuu isaa dura walgaʼii irratti argamuufis fedhii akka qabu isaanitti hime.

Obboleettonni maatii gara gaarii barreeffamaa dhufe tokko haasofsiisaa jiru

Bakka istaadiyomii ispoortiitti dhihoo jiru kan biraa irrattis, waardiyyaan tokko mallattoo gaaffiidhuma walfakkaataa, “Lafti Badiisarraa ni Ooltii?” jedhu qabu arge. Yeroo sanatti hojii irra waan tureef, dabareen isaa yommuu xumuramu deebiʼee akka dhufu isaanitti hime. Yeroo gabaabaa booda deebiʼee dhufee, dhiheenya kana dhuunfaa isaatti Kitaaba Qulqulluu dubbisuu akka jalqabe isaanitti hime. Obboloonni keenya sagantaa qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu keenya erga isatti himanii booda, caalaatti barachuuf fedhii qabaate. Namni kan biraa akka isa haasofsiisu qophiin ni godhame.

Guyyaa qophiin kubbaa miillaa Suuppar Bool itti godhamu dura jirutti, obboloonni tajaajila manaa gara manaa raawwachaa turanirratti dubartii tokko argatanii turan. Televizyinii irratti gabaasa oduu waaʼee gaarii keenya ibsu dhageessee akka turte dubbatte. Akkana jette: “Hojii gaarii hojjechaa jirtu. Yeroo baayʼee rakkisaa taʼe kanatti wanti abdii akka qabaannu nu gargaaru nu barbaachisa.” Achiis Dhugaa Baatonni naannoo sana jiran waaqeffannaaf eessattii fi yoom akka walitti qabaman gaafatte.

Namoonni duula lallaba addaa bakka namoonni itti baayʼatanitti taasifamaa jiru kanaan, karaa Waaqa keenya Yihowaadhaaf ulfina fiduun ‘ogummaa iyyaa’ jirtuuf deebii kennuu isaanii akka itti fufaan dhagaʼuu keenyatti baayʼee gammanneerra.—Fakkeenya 1:20, 21.