Dhimma ijoo ta'etti seeni

RAASHIYAA

Sababii Amantii Isaaniitiin Hidhamaniiru—Raashiyaa

Sababii Amantii Isaaniitiin Hidhamaniiru—Raashiyaa

Seenaan ammayyaa Dhugaa Baatota Yihowaa Raashiyaa cunqursaa fi ariʼatamaan kan guutamedha. Dhugaa Baatonni Yihowaa lammiilee naga qabeeyyii fi seera mootummaa eeguudhaan beekaman taʼanis jaarraa 20​ffaa keessatti abbootiin taayitaa Raashiyaa miidhaa isaanirraan geessisaa turaniiru. Kaayyoon mootummaa Tokkummaa Sooviyeet humnaan falaasama isaanii akka fudhatan gochuu ture. Kitaaba Qulqulluu ykn barreeffamoota amantaa akka hin qabanne dhorkamanii turan. Yeroo hunda kaameeraadhaan ni hordofamu, walgaʼiiwwan isaaniis iccitiidhaan geggeeffatu turan. Yoo qabaman ni reebamu, akkasumas hidhaan yeroo dheeraa isaanitti murteeffama ture. Dhugaa Baatonni kumaan lakkaaʼamanis gara Saayibeeriyaatti geeffamaniiru.

Bara 1991​tti mootummaan Raashiyaa Dhugaa Baatota Yihowaatiif beekamtii yeroo kennettii fi dhiibbaa abbootii taayitaarraa bilisa taʼanii waaqeffannaa isaanii akka geggeeffatan yeroo heyyametti haallisaa jijjiiramuu jalqabe. Haa taʼu malee, yeroon nagaa sun yeroo dheeraadhaaf hin turre.

Bara 2009​tti Manni Murtii Olaanaa Raashiyaa murtoo manni murtii gad aanaan tokko gumiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa finxaaleyyii akka taʼan dabarse yeroo deeggaretti mormii fi dhorkaan tokko tokko dabaluu jalqabe. Falmii seeraa waggoota hedduu booda Ebla 2017 Manni Murtii Olaanaa Raashiyaa gocha finxaalessummaa irratti hirmaataniiru jechuudhaan hojiin dhaabbata Dhugaa Baatota Yihowaa akka dhorkamu murteesse. Achiis yeruma sana abbootiin taayitaa Raashiyaa qabeenya isaanii fudhachuu, bakkawwan waaqeffannaa isaanii cufuu, akkasumas barreeffamoonni amantaa isaanii finxaaleyyii akka taʼan beeksisuu jalqaban.

Abbootiin taayitaa Raashiyaa dhaabbilee seeraa Dhugaa Baatota Yihowaarratti haleellaa banuun isaanii hanqatee dhuunfaatti Dhugaa Baatota Yihowaarratti ariʼatama geessisuu jalqaban. Kanarra darbees waaqeffannaa Dhugaa Baatonni dhuunfaatti geggeeffatan dhaabbata dhorkame wajjin wal qabsiisu. Poolisoonni manneen Dhugaa Baatotaa sakattaʼuudhaan miidhaa isaanirraan geessisaa fi qorannoo gara jabinaa isaanirratti geggeessaa jiru. Dhiirotaa fi dubartoota dabalatee Dhugaa Baatonni umurii hundarratti argaman qabamaniiru, yakkamtoota akka taʼan itti murtaaʼeera, akkasumas mana hidhaa galaniiru ykn manaa akka hin baane dhorkamaniiru.

Ebla 2017 erga hojiin keenya dhorkamee kaasee Dhugaa Baatonni dhibbaan lakkaaʼaman mana hidhaa hanga murtiitti itti tursiisan galaniiru ykn finxaaleyyii akka taʼan himatamanii hidhamaniiru. Hanga Ebla 17, 2024​tti walumaa galatti Dhugaa Baatonni Yihowaa 123 hidhamaniiru.

Namoonni Miidhaa Raashiyaan Dhugaa Baatota Yihowaarra Geessistu Balaaleffataniiru

Dhaabbileen idil addunyaa Raashiyaan ariʼatama walirraa hin cinne kana akka dhaabdu kan gaafatan taʼus abbootiin taayitaa Dhugaa Baatonni yakkamtoota akka taʼan murteessuu isaanii itti fufaniiru. Qaamoleenii fi manneen murtii Raashiyaadhaa ala jiran cunqursaa walirraa hin cinnee fi mootummaan Raashiyaa Dhugaa Baatota Yihowaa irraan geessisaa jirtu balaaleffataniiru.

Mana Murtii Mirga Namummaa Awurooppaa: Waxabajjii 7, 2022​tti, Manni Murtii Mirga Namummaa Awurooppaa ariʼatama Dhugaa Baatota Yihowaarra gaʼaa jiru balaaleffachuudhaan Raashiyaarratti murtii seena qabeessa dabarseera (Taganrog LRO and Others v. Russia, nos. 32401/10 and 19 others). Manni Murtichaa dhorkaa Raashiyaan bara 2017​tti Dhugaa Baatota Yihowaarra keesse seeraan ala akka taʼe beeksiseera. Raashiyaan “himata Dhugaa Baatota Yihowaarratti banamee jiru hundumaa addaan kutuuf tarkaanfii barbaachisu hundumaa akka fudhattu . . . Akkasumas Dhugaa Baatota Yihowaa [hidhamanii jiran] hunda akka gadhiistu” ajajamteetti. Kana malees, qabeenya fudhatte hundumaa akka deebistu ykn beenyaa doolaara miliyoona 60 akka kaffaltuu fi namoota miidhaan irra gaʼeef doolaara miliyoona 3 akka kaffaltu ajaja dabarseera.

Xalayaa Barreessaa Olaanaa Mana Marii Awurooppaa: Mariiyaa Pechiinovich Buurik xalayaa Muddee 9, 2022 Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaatiif barreessanirratti akkana jedhaniiru: “Dhimma Dhugaa Baatota Yihowaa Mooskoo fi Bakkawwan kan Biroo Jiraatan, Akkasumas Dhimma Kiraapkoo fi Namoota kan Biroo wajjin walqabatee Koreen kun, dhaabbata amantaa kana diiguuf sochii isaarratti dhorkaa kaaʼuu, walgaʼii amantaa naga qabeessa taʼe jeequu fi mirgi namoota walgaʼicharratti hirmaatanii sarbamuu isaa ilaalchisee abbootiin taayitaa dhorkaa sochii dhaabbilee Dhugaa Baatota Yihowaa hundarra kaaʼan akka kaasanii fi himata yakkaa isaanirratti banan hunda akka addaan kutan cimsee gaafata.”

Murtoo Koree Ministeerotaa Mana Marii Awurooppaa: Koreen Ministeerotaa [CoM] kun walgaʼii Fulbaana 2023 geggeesseen “keessumaa . . . Dhugaa Baatota Yihowaa hidhaman hiikuu wajjin walqabatee abbootiin taayitaa Raashiyaa Walii Galtee [Mana Marii Mirga Namummaa Awurooppaa] Keeyyata 46 irratti ibsamee fi adeemsa murtii isaaniirratti taʼe jedhanii Dhaabbata Amantaa Naannoo Taagaanroogii fi Kan Birootiif (Taganrog LRO and Others) guutummaatti xiyyeeffannaa otoo hin kennin hafuunsaanii baayʼee akka isa yaaddessu” ibseera. Raashiyaan walii galtee kana hordofuu waan diddeef koreen kun (CoM) “dhimma kana gara Koree Mirga Namummaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Mana Marii Mirga Namummaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Garee Hidhaa Seeraan Alaarratti Hojjetuu fi qaamolee idil addunyaa ariʼatama Federeeshinii Raashiyaa keessatti Dhugaa Baatota Yihowaarraa gaʼaa jiruun tuqaman kan birootti geessuuf murteesseera; kaayyoonsaas murtiiwwan darban ulaagaa barbaachisu kan guutan taʼuusaanii mirkaneessuudha.”

Fakkeenyota Murtii Gara Jabinaa Argisiisan

  • Amajjii 25, 2024 dubartiin waggaa 37 Soonaa Olopoovaa jedhamtuu fi heerumte mana sirreessaa keessatti waggaa lamaaf hojii humnaa akka hojjettu itti murtaaʼeera. Hamma murtii ishii fixattutti mana sirreessaa Naannoo Samaraatti argamu keessa turuu qabdi.

  • Adoolessa 2018 poolisoonni meeshaa hidhatan mana Dimitrii fi Yeleenaan akkoo Yeleenaa itti kunuunsaa turan humnaan seenan; akkoon Yeleenaa umuriinsaanii waggaa 90 dha. Achii Dimitrii fi Yeleenaan gara magaalaa Vilaadivostook ishii bakka jireenyaa isaanii taatetti kan geeffaman yeroo taʼu, Dimitriin qabamee deeme. Waggaa ittaanutti himanni yakkaa “sochii dhaabbata finxaalessaa qindeesseera” jedhu isarratti baname. Guraandhala 6, 2024 manni murtii ol iyyannoo dhagaʼu murtii isarratti darbee ture deeggare; achiis hidhaa waggaa saddeetii isatti murtaaʼe akka xumuruuf gara mana hidhaatti geeffame. Yeleenaanis sababii amantii ishiitiin mana murtiitti dhihaatteetti.

  • Manni Murtii Godinaa Seenteraanlii inni Naannoo Samaraa magaalaa Taliyaattiitti argamu nama waggaa 53 Aleeksaandar Chaagan jedhamuu fi haadha manaa qabutti murteesseera. Aleeksaandar hidhaan waggaa saddeetii itti murtaaʼeera; kunis hidhaa yeroo dheeraa dhiirota Dhugaa Baatota Yihowaa Raashiyaatti argamanitti murtaaʼe keessaa tokkodha. Guraandhala 29, 2024 erga isatti murtaaʼee booda gara mana hidhaatti geeffameera. Yeroo ammaatti Mana Hidhaa Lakk. 4 jedhamuu fi Naannoo Samaraatti argamu keessa jira.

  • Manni murtii Naannoo Iruutiski inni baha Saayibeeriyaatti argamu dhiironni Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan sagal finxaaleyyiidha jedhee murteesseera. Bitootessa 5, 2024 hidhaan hamma waggaa torbaa saglan isaaniitti murtaaʼeera; isaan keessaa tokko umuriinsaa waggaa 72 dha. Murtiin isaanirratti darbe himanni yakkaa Onkoloolessa 2021​tti mannisaanii poolisootaan erga sakattaʼamee booda jalqabe akka cufamu godheera. Yeroo isaanitti murtaaʼetti isaan keessaa tokko kan taʼe Yaaroslaav Kaalin waggaa lamaa ol hidhamee ture. “Mana hidhaa baayʼee gadhee taʼee fi haala hin mijanne” keessatti yeroo ulfaataa akka dabarse dubbateera.

Carraaqqiin Jalʼinaan Hidhamuu Hambisuuf Godhamu Ittuma Fufeera

Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti argaman gocha gara jabinaa Raashiyaan obboloota isaaniirratti raawwachaa jirtutti baayʼee gaddaniiru. Dhugaa Baatonni miliyoonaan lakkaaʼamanii fi addunyaa maratti argaman Dhugaa Baatota Yihowaa hidhamanii jiran bakka buʼuudhaan abbootii taayitaa Raashiyaatiif xalayaa barreessaniiru. Abukaatonni Dhugaa Baatota hidhamaniif falman manneen murtii Raashiyaa sadarkaa hundarra jiranii fi Mana Murtii Mirga Namummaa Awurooppaatiif ol iyyannoo dhiheessaniiru. Dhugaa Baatonni Yihowaa komii isaanii Koree Mirga Namummaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi garee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii jalatti namoota seeraan ala hidhamanirratti hojjetuufis dhiheessaniiru. Akkasumas dhaabbilee idil addunyaa mirgi namummaa sarbamuusaa qorataniif gabaasa dhiheessaniiru. Dhugaa Baatonni Yihowaa ariʼatamni amantii cimaan kun akka dhaabbatu gochuuf carraaqqii akkasii gochuusaanii fi haala rakkisaa obboloonnisaanii keessatti argaman beeksisuusaanii itti fufu.

Chaartii Yeroo

  1. Ebla 17, 2024

    Walumaa galatti Dhugaa Baatonni 123 hidhamanii jiru.

  2. Onkoloolessa 24, 2023

    Koreen Mirga Namummaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (CCPR) dhimma Eliistaa fi Dhaabbata Amantaa Naannoo Abiiniski irratti ibsa lama baaseera. Ibsa lamaanuurratti CCPR Raashiyaan Walii Galtee Idil Addunyaa Mirga Siivilii fi Siyaasaa Keeyyata 18.1 jalatti ibsamee (“mirga bilisummaa yaadaa, qalbii fi amantaa”) fi Keeyyata 22.1 jalatti ibsame (“mirga bilisummaadhaan walitti qabamuu”) Dhugaa Baatota Yihowaa akka sarbite dubbateera. Murtiin kenname barreeffamoota amantaasaanii keessaa jibba ykn jeequmsa kan babalʼisu akka hin jirre mirkaneessa.

  3. Waxabajjii 7, 2022

    ECHR murtii seena qabeessa Dhaabbata Amantaa Naannoo Taagaanroogii fi Kan Biroo fi Raashiyaa ilaalchisee dabarserratti miidhaa Raashiyaan Dhugaa Baatota Yihowaa irraan geessistu balaaleffateera.

  4. Amajjii 12, 2022

    Ministeerri Haqaa Federeeshinii Raashiyaa appilikeeshiniin JW Library Meeshaalee Finxaalessummaa Federaalaa keessatti akka dabalamu godheera. Appilikeeshiniin Raashiyaa keessatti yeroo jalqabaatiif finxaalessaa akka taʼe murtaaʼe kana qofadha.

  5. Fulbaana 27, 2021

    Manni Murtii Magaalaa Seeyint Piitisbargi ol iyyannoo murtii appilikeeshiniin JW Library finxaalessaa akka taʼee fi guutummaa Federeeshinii Raashiyaa fi Kiraayimiyaa keessatti akka dhorkame dabarse ilaalchisee dhihaate fudhachuu dide. Murtiin jalqabaa manni murtichaa dabarse yeruma sana hojiirra oole.

  6. Ebla 26, 2019

    Gareen Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii jalatti namoota mana murtiitti utuu hin dhihaatin hidhaman irratti hojjetu mirgi Dimiitrii Kaatiiroov akka sarbame beekeera, ariʼatama Raashiyaan Dhugaa Baatota Yihowaa irratti geessisaa jirtus balaaleffateera.

  7. Ebla 20, 2017

    Manni Murtii Ol Aanaa Federeeshinii Raashiyaa waajjira biyyoolessaa Dhugaa Baatota Yihowaa fi dhaabbileen amantii biyyicha keessa jiran 395 akka cufaman ajaja dabarseera.