Dhimma ijoo ta'etti seeni

EBLA 23, 2020
IKUWAADOR

Dhugaa Baatonni Ikuwaador Mana Isaanii Taaʼanii Lallabaa Jiru

Dhugaa Baatonni Ikuwaador Mana Isaanii Taaʼanii Lallabaa Jiru

Dhibee daddarbaan COVID-19 babalʼachaa kan jiru taʼus, obboloonnii fi obboleettonni keenya addunyaa mara irra jiran akkuma haala isaatti tajaajila isaanii itti fufaniiru. Babalʼistoonni Ikuwaador jiran malawwan lallabaa adda addaatti fayyadamuudhaan misiraachoo lallabaa jiru.

Magaalaa Aambaatootti, babalʼistuun umurii waggaa torbaa haadha ishii wajjin taatee barsiisota ishiitiif ergaa gabaabaa ergite. Wanta ishiin barreessite keessaa tokko tokko akkana kan jedhani dha: “Akkam bultan, barsiistu. Yeroo rakkisaa keessa jiraannu kanaan kan kaʼe, ergaa nama jajjabeessu isinii erguufan barreesse. Kitaabni Qulqulluun Mulʼata 21:4 irratti yeroo gaariin akka dhufu nutti hima. Liinkii odeeffannoo dabalataa kennuu wajjinan isinii erge.”

Barsiistuun tokko akkana jettee deebiste: “Galatoomi, bareedduu ko. Umurii ijoollummaa kee kanatti illee jechoonni kee ogummaa guddaa kan qabani dha.” Barsiistuun kan biraa tokkos erga ishii galateeffattee booda kitaabni Kitaaba Koo Isan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu jedhu bifa elektironikiitiin qophaaʼe akka ishiidhaaf ergitu ishii gaafatte. Kitaabicha kan qabdu akka turtee fi barattuu kan biraaf akka ergiste ishiitti himte. Babalʼistuu xinnoon sunis weebsaayitii jw.org irraa kitaabicha buufachuu akka dandeessu itti himte.

Hiriyoonni gaaʼelaa magaalaa Kuuveedoo jiraatan bilbila isaanii irraa namoota Dhugaa Baatota hin taane barbaadanii ergaa gabaabaa akkana jedhu isaaniif erganii turan: “Ani Dhugaa Baatuu Yihowaa ti. Dhibee biyyaa fi guutummaa addunyaa hubaa jiru kanaan kan kaʼe, manaa gara manaa deemnee lallabuu hin dandeenye taʼus, karaa viidiyookonfiransii utuu waliin haasofnee baayʼee nutti tola.”

Harki caalaan isaanii karaa kanaan wal arguuf tole jedhaniiru. Isaan keessaa ishiin tokko, dubartii kanaan dura Dhugaa Baatonni mana ishii deemanii yommuu lallabaniif dhagaʼuu hin barbaanne turte; ishii jajjabeessuuf dursa fudhachuu isaaniitti hiriyoota gaaʼelaa sana galateeffatteetti. Dubartittiin haalli amma jiru baayʼee akka ishii dhiphise isaaniif ibsite. Hiriyoonni gaaʼelaa sunis Dammaqaa, Lakk. 1 2020, mata dureen isaa “Dhiphina Irraa Boqonnaa Argadhu” jedhu bifa elektirooniksiitiin ishiidhaaf ergan. Maree itti aansanii taasisan irratti dubartittiin dinqisiifannaa barruu sanaaf qabdu ibsuudhaan irra deddeebitee akka dubbiste isaanitti himte.

Obboleettii Johaanaan ishiin gurri ishii hin dhageenyee fi bulchiinsa Saantoo Doomingoo de los Tsáchilas keessa jiraattu, fakkiitti fayyadamtee xalayaa “barreessite.” a Achiis suuraa kaastee karaa ergaa gabaabaa namoota gurri isaanii hin dhageenyee fi lakkoofsi bilbilaa isaanii bilbila ishii irra jiran hundumaaf ergite. Haa taʼu malee, namoota ergameef keessaa ishiin tokko dhagaʼuu kan dandeessu turte. Dubartittiinis yeruma sana gaaffiiwwan ishiidhaaf ergite. Johaanaan gaaffiiwwan sana hubachuu waan hin dandeenyeef, obboleettii qajeelchituun Roondaa jedhamtu gaaffii dubartittiin sun gaafatteef deebii ishiidhaaf kenniteetti.

Dubartiin fedhii argisiiste sunis fakkiiwwan Johaanaan ishiidhaaf ergite xiyyeeffannaa ishii akka harkisan Roondaatti himte. Caqasawwan Kitaaba Qulqulluu wantoota yeroo ammaatti lafa irratti raawwatamaa jiran ibsan kan biroon yoo jiraatan ishii gaafatte. Roondaan Luqaas 21:10, 11 ishiidhaaf dubbiste; achiis liinkii viidiyoowwan Waaqayyo Rakkinni Akka Jiraatu kan Heyyame Maaliifi? akkasumas Waaqayyo Lafa kan Uume Maaliifi? jedhan ishiidhaaf ergite. Dubartiin sunis maree dabalataa gochuuf fedhii argisiisteetti.

Akkuma Phaawulos ergamaan yeroo mana hidhaa turetti ‘waaʼee Mootummaa Waaqayyoo guutummaatti dhugaa baʼuu’ isaa itti fufee ture, obboloonni keenyas mana isaaniitii baʼuu kan hin dandeenye taʼus carraa argatan hundatti fayyadamanii lallabuu isaanii itti fufaniiru.—Hojii Ergamootaa 28:23.

a Akkuma namoonni gurri isaanii hin dhageenye hedduun wanta barreeffame hubachuun waan isaanitti ulfaatuuf, babalʼistoonni bakka namoonni afaan mallattoo dubbatan jiran jechoota barreessuudhaan utuu hin taʼin fakkiiwwan kaasuudhaan yaada isaanii ibsu.