Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yohaannis Cuuphaan Dhugumaan Nama Lubbuudhaan Jiraate Turee?

Yohaannis Cuuphaan Dhugumaan Nama Lubbuudhaan Jiraate Turee?

 Seenaawwan Wangeelaa namni Yohaannis Cuuphaa jedhamu tokko waaʼee Mootummaa Waaqayyoo Yihudaa keessatti akka lallabe dubbatu. Seenaa Kitaabni Qulqulluun waaʼee nama kanaa dubbatu sirrii dhaa? Dhimma kana ilaalaa:

  •   Kitaabni Qulqulluun, “Yohaannis Cuuphaan lafa onaa Yihudaa keessatti lallabaa dhufe; lallabni isaas, ‘Mootummaan samii waan dhihaateef, yaada geddaradhaa’ kan jedhu ture” jedha. (Maatewos 3:1, 2) Yaada kana seenaa addunyaa irraa mirkaneeffachuun ni dandaʼamaa? Eeyyee.

     Barreessaa seenaa jaarraa jalqabaa kan taʼe Fileeviyas Joseefas namni “Yohaannis, jedhamuu fi maqaan masoo isaa Cuuphaa jedhamu, Yihudoonni jireenya qajeelaa akka jiraatan, Waaqayyoof kan bulan akka taʼanii fi akka cuuphaman gorse tokko” akka ture ibsaniiru.—Jiwiish Antikuwitiis, Kitaaba XVIII.

  •   Kitaabni Qulqulluun Yohaannis Herodis Antiiphaas isa bulchaa koonyaa Galiilaa fi Peeriyaa taʼetti akka dheekkame/ifate dubbata. Herodis maqaadhaaf Yihudii Seericha jala jiru akka taʼe dubbata ture. Yohaannis Heroodis haadha manaa obboleessa isaa kan taate Herodiyaasiin fuudhuu isaatti isa ceephaʼeera. (Maarqos 6:18) Ibsi balʼaan kun Kitaaba Qulqulluudhaa alattis deggersa qaba.

     Barreessaa seenaa kan taʼe Joseefas akka jedhetti, Antiiphaas “jaalala Herodiyaasiin qabameera” akkasumas “qaanii tokko malee dhimma gaaʼelaa kaasee ishii wajjin mariʼateera.” Herodiyaasis yaada kana fudhattee Antiiphaas itti heerumuuf abbaa manaa ishii dhiistee deemteetti.

  •   Kitaabni Qulqulluun, “Namoonni Yerusaalem, namoonni Yihudaa hundii fi namoonni biyya naannoo Yordaanos jiran hundi gara [Yohaannis] ni dhufu turan; isaanis, . . . Laga Yordaanos keessatti harka isaatiin cuuphamu turan” jechuudhaan ibsa.—Maatewos 3:5, 6.

     Haaluma wal fakkaatuun Joseefas yaada kana deggeruudhaan, namoonni “hedduu” Yohaannisiin ilaaluu akka dhufan, akkasumas “lallaba inni kennuunis akka malee akka jajjabaatan” barreesseera.

 Kana irraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti barreessaa seenaa jaarraa jalqabaa kan ture Joseefas Yohaannis Cuuphaan nama dhuguma lubbuudhaan jiraate akka taʼetti ilaaleera. Nutis akkanuma goonee yaaduu dandeenya.