Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Manuel Reino Berengui/DeFodi Images via Getty Images

DAMMAQINAAN EEGAA!

Dhuguma Waancaan Addunyaa Tokkummaa Argamsiisuu Dandaʼaa?—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Dhuguma Waancaan Addunyaa Tokkummaa Argamsiisuu Dandaʼaa?—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

 Waancaa Addunyaa Sadaasa 20 hanga Muddee 18, 2022​tti geggeeffamaa jiru namoonni gara biliyoona shanii taʼan akka hordofan eegama. Namoonni hedduun qophiiwwan ispoortii akkasii namoonni walitti qabamanii akka ilaalan gochuu caalaa faayidaa akka qaban isaanitti dhagaʼama.

  •   “Ispoortiin addunyaa jijjiiruuf humna qaba. Miira namootaarratti dhiibbaa guddaa geessisa. Karaa adda taʼeen namoota tokko gochuu dandaʼa.”—Neelsan Maandellaa, pireezidaantii Afriikaa Kibbaa duraanii.

  •   “Kubbaan miilaa namoonni garaa garummaa utuma qabaatanii abdii, gammachuu, hawwii fi jaalalaan tokko akka taʼan godha.”—Jaanee Infaanteenoo, pireezidaantii FIFA. a

 Waancaan Addunyaa ykn qophiin ispoortii kamiyyuu wanta jedhame kana galmaan gaʼuu ni dandaʼaa? Dhuguma nagaaf tokkummaa qabaachuun ni dandaʼamaa?

Dhuguma madda tokkummaa taʼuu dandaʼaa?

 Waancaan Addunyaa waggaa kanaa tapha kubbaa miilaa qofarratti kan xiyyeeffate hin turre. Taphichi mirga namummaa, sabboonummaa fi garaagarummaa dinagdee dabalatee dhimmoota hawaasaa fi siyaasaarratti falmii kaaseera.

 Taʼus, Waancaa Addunyaa dabalatee ispoortiiwwan idil addunyaatti geggeeffaman akkasii namoota hedduudhaaf madda bashannanaa taʼaniiru. Haa taʼu malee, qophiiwwan akkasii hamma isaan yaadan tokkummaa yeroo dheeraadhaaf turu isaaniif hin argamsiisne. Kanaa mannaa, amalaa fi gocha wal qoqqoodinsa uumuu fi yeroo Kitaabni Qulqulluun “guyyoota dhumaa” jedhee waamu adda baasee beeksisu kan argisiisudha.—2 Ximotewos 3:1-5.

Abdii dhugaa addunyaadhaaf tokkummaa argamsiisu

 Kitaabni Qulqulluun abdii dhugaa addunyaaf tokkummaa argamsiisu qabateera. Namoonni lafa irra jiraatan hundi bulchiinsa samii “Mootummaa Waaqayyoo” jalatti tokkummaa akka qabaatan abdii kenna.—Luqaas 4:43; Maatewos 6:10.

 Yesuus Kiristoos inni Mootii Mootummichaa taʼe, guutummaa lafaarratti nagaan akka jiraatu godha. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha:

  •   ‘Namni qajeelaan ni lalisa, nagaanis ni baayʼata.’—Faarfannaa 72:7.

  •   “Inni hiyyeessa gargaarsa argachuuf iyyatu . . . ni oolcha. Cunqursaa fi hammina irraa isaan oolcha.”—Faarfannaa 72:12, 14.

 Barumsi Yesuus yeroo harʼaatti illee namoonni miliyoonaan lakkaaʼamanii fi biyyoota 239 keessa jiraatan tokkummaa akka qabaatan godheera. Jibba irraa fagaachuu barataniiru. Odeeffannoo dabalataa argachuuf, mata duree walitti aanee baʼuu fi “Jibba Injifachuu ni Dandeessa!” jedhu dubbisi.

a Fédération Internationale de Football Association, bulchiinsa dhaabbata kubbaa miilaa addunyaa maraa.