Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Addunyaa Maratti Rakkoo Bishaan Qulqulluu Dhabuu Ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Addunyaa Maratti Rakkoo Bishaan Qulqulluu Dhabuu Ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

 Hundi keenya iyyuu lubbuudhaan jiraachuuf bishaan qulqulluun nu barbaachisa. Haa taʼu malee, Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kan taʼan Antooniyoo Guuterez, “addunyaa maratti barbaachisummaan bishaanii caalaatti dabalaa deemuun isaa, rakkoon bishaanii guddaan akka nu mudatu” akeekkachiisaniiru. Ammuma iyyuu addunyaa maratti namoonni biliyoonaan lakkaaʼaman bishaan qulqulluu dhugamu argachuun baayʼee ulfaataa isaanitti taʼeera.

Strdel/AFP via Getty Images

 Bishaan namoota hundumaaf gaʼaa taʼe argachuu dandeenyaa laata? Moo yeroo hundumaa rakkina bishaanii wajjin qabsoo gochuu keenya itti fufnaa? Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

Dhiheessii bishaanii ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

 Kitaabni Qulqulluun gaaf tokko rakkinni bishaanii akka dhabamsiifamu dubbata. Bishaan qulqulluu hedduun akka jiraatu ibsa.

 “Lafa onaa keessatti bishaanonni ni burqu. Gammoojjii keessattis lageen ni yaaʼu. Lafti waxalamaan bishaan kuufamaa biqiltuudhaan guutame, lafti dheebotaanis burqaawwan bishaanii ni taʼa.”—Isaayyaas 35:6, 7.

 Abdii Kitaaba Qulqulluu kanatti kan amannu maaliifi? Mee akkaataa lafti itti uumamte ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu tokko qofa haa ilaallu.

Kitaabni Qulqulluun waaʼee lafaa fi marsaa bishaanii ishii maal jedha?

 “[Waaqayyo] bakka jireenyaa akka taatuuf malee akkanumaan [lafa] hin uumne.”—Isaayyaas 45:18.

 Waaqayyo lafti jireenyaaf mijattuu akka taatu godhee waan uumeef, sirnoota uumamaa bishaan qulqulluu hedduu maddisiisuu dandaʼan tolcheera.

 “[Waaqayyo] coccopha bishaanii ol ni harkisa;hurriin isaas gara bokkaatti ni jijjiirama; achiis duumessi gad isa roobsa; innis ilmaan namaa irratti gad ni dhangalaʼa.”—Iyyoob 36:27, 28.

 Caqasoonni kun Waaqayyo marsaa bishaanii fi sirna dhiheessii uumamaa fi amanamuu dandaʼuu akka uume ibsu. Bishaan lafaa fi galaana irraa hurkee, duumessa uumuudhaan bokkaa taʼee roobu, namoonnis taʼan bineensonni utuu wal irraa hin citin bishaan qulqulluu akka argatan taasisa.—Lallaba 1:7; Amoos 5:8.

 “Ani yeroo isaatti bokkaa isiniif nan roobsa; lafattiinis firii ishii ni kenniti; mukeetiin dirree keessaas firii isaanii ni kennu.”—Leewwota 26:4.

 Waaqayyoo Israaʼelota durii qonnaan bultoota taʼan yeroo hunda dhiheessii bishaanii gaarii akka argatan gochuudhaan oomisha gaarii isaanii kennuudhaan akka isaan eebbisu waadaa galee ture. Inni midhaan facaasuuf yeroo sirrii taʼetti bokkaa gaʼaa argachuun akka nu barbaachisu beeka.

 Wanti Waaqayyo Israaʼel duriitiif godhe dhiheenyatti guutummaa lafaatiif ni raawwata. (Isaayyaas 30:23) Amma garuu kutaalee addunyaa hedduuti rakkinni bishaanii dabalaa jira, bokkaan roobuu dhiisuun isaa rakkinni isaa akka itti caalu godheera. Furmaata rakkoo bishaanii yeroo ammaatti jiru ilaalchisee kan biraa hoo Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

Rakkoon bishaanii kan furamuu akkamitti?

 Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo Mootummaa isaatti fayyadamee rakkoo bishaanii yeroo ammaatti jiru dabalatee rakkoowwan lafa keenya dararaa jiraniif furmaata akka kennu dubbata. (Maatewos 6:9, 10) Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa samii irraa lafa bulchudha. (Daaniʼel 2:44; Mulʼata 11:15) Kana malees, Mootummaan Waaqayyoo wanta bulchitoonni ilmaan namootaa gochuu hin dandeenye, jechuunis wantoota rakkoo bishaaniitiif buʼuura taʼan hunda ni dhabamsiisa.

 Rakkoo: Jijjiiramni haala qilleensaa marsaan bishaanii sirriitti akka hin hojjenne gumaacha godha. Miidhaan inni geessisu immoo ongee cimaa, akkasumas bokkaan garmalee cimaa taʼe akka roobu ykn bishaan galaanaa akka ol kaʼu gochuun isaa lolaa cimaan akka uumamu gochuu dabalata.

 Furmaata: Mootummaan Waaqayyoo lafti keenya akka bayyaannatu gochuuf miidhaa haala qilleensaa irra gaʼe hunda ni sirreessa. Waaqayyo waadaa, “Kunoo, ani wantoota hundumaa haaraa gochaan jira” jedhu galeera. (Mulʼata 21:5) Lafti gogaan bishaan argata, bakkawwan yeroo ammaatti lubbu qabeeyyiin irra jiraachuu hin dandeenye irratti illee jireenyi ni lalisa. (Isaayyaas 41:17-20) Kana malees, Mootummaan Waaqayyoo, harka Yesuus Kiristoos jala jiru humnoota uumamaa lafa irra jiran ni toʼata.

 Yesuus yeroo lafa irra turetti, bubbee sodaachisaa tasgabbeessuun isaa, humna Waaqayyo isaaf kennee ture hamma tokko kan argisiisudha. (Maarqos 4:39, 41) Yeroo Kiristoos Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee bulchutti balaawwan uumamaa hin jiraatan. Namoonni balaawwan akaakuu kam iyyuu sodaachuu mannaa, nagaa fi tasgabbii dhugaa argatanii jiraatu.

 Rakkoo: Korporeeshinonni ilmaan namootaa miidhaa gochi isaanii geessisu irratti hin yaannee fi sassatoo taʼan lageen, haroowwan fi kuufamawwan bishaanii lafa jalaa mancaasuun isaanii rakkoon bishaan qulqulluu dhabuu akka itti caalu taasisaniiru.

 Furmaata: Waaqayyo lafa ni qulqulleessa, akkasumas lageen, haroowwan, galaanonnii fi biyyoon miidhaa isaan irra gaʼe irraa akka bayyaannatan taasisa. Lafti jannata taati. Kitaabni Qulqulluun jechoota walalootiin akkana jedha: “Lafti onaanii fi lafti waxalamaan ni gammadu, gammoojjiin ni gammada, akkuma saafronittis ni daraara.”—Isaayyaas 35:1.

 Gara fuulduraatti namoota naannoo isaaniitiif ykn namoota kaaniif dantaa hin qabne maaltu isaan eeggata? Waaqayyo ‘warra lafa balleessan balleessuuf’ waadaa galeera.—Mulʼata 11:18, miiljalee; Fakkeenya 2:21, 22.

 Rakkoo: Ilmaan namootaa bishaanitti karaa sirrii hin taaneen fayyadamaa jiraachuun isaanii, bishaan lafti oomishuu dandeessu caalaa akka mancaʼu godheera.

 Furmaata: Mootummaan Waaqayyoo, fedhiin namoota ofittoo taʼanii utuu hin taʼin, fedhiin Waaqayyoo ‘lafa irratti akka taʼu’ taasisa. (Maatewos 6:9, 10) Mootummaan Waaqayyoo namoota isa jalatti bulaniif barumsa hunduma irra caalu kenna. Isaayyaas 11:9, “Laftis dhugumaan beekumsa Yihowaatiin a ni guutamti” jedha. Ilmaan namootaa beekumsa hunda irra caalu argachuun isaanii fi Waaqayyoofis taʼe uumamawwan isaa hundaaf jaalala guddaa qabaachuun isaanii, pilaaneetii keenya ishii bareedduu taatee fi maddawwan uumamaa ishiitiif kunuunsa guddaa akka godhan isaan taasisa.

  •    Wanta Mootummaan Waaqayyoo raawwatu ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, mata duree “Mootummaan Waaqayyoo Maal Raawwata?” jedhu akka dubbistu si affeerra.

  •    Kitaaba Isaayyaas isa kutaa Kitaaba Qulqulluu taʼe boqonnaa 35 baafachuudhaan, lafti gara jannataatti akkamitti akka jijjiiramtu ofuma keetii akka dubbistu si jajjabeessina.

  •    Kaayyoo Waaqayyo lafaa fi ilmaan namootaatiif qabu ilaalchisee caalaatti beekuuf, viidiyoo Waaqayyo Lafa kan Uume Maaliifi? jedhamu akka daawwattu si jajjabeessina.

a Yihowaan maqaa dhuunfaa Waaqayyo ittiin waamamudha. (Faarfannaa 83:18) Mata duree, “Yihowaan Eenyu Dha?” jedhu ilaali.