Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Comstock Images/Stockbyte via Getty Images

Namoota Siyaasaa Ofittoo Taʼan—Mootummaan Waaqayyoo Maal Raawwata?

Namoota Siyaasaa Ofittoo Taʼan—Mootummaan Waaqayyoo Maal Raawwata?

 Namoonni bulchitoota amanamoo taʼan qabaachuu barbaadu; namoota siyaasaa ofittoo taʼaniin buluu nuffaniiru. Qorannaan addunyaa maratti godhamee fi bara 2023​tti maxxanfame tokko, namoonni hundumaa caalaa geggeessitoota siyaasaa amanuun akka isaanitti ulfaatu gabaaseera. a

 Kitaabni Qulqulluun bulchiinsi, Geggeessaa amanamaa malaanmaltummaa irraa guutummaatti walaba taʼe qabu tokko akka jiru nutti hima. Bulchiinsi kun Mootummaa Waaqayyoo yeroo taʼu, Geggeessaan isaa immoo Yesuus Kiristoosi.—Isaayyaas 9:7.

 Yesuus namootaaf garaadhaa akka yaadu argisiiseera. (Maatewos 9:35, 36) Mootii Mootummaa Waaqayyoo waan taʼeef, namoota bulchiinsa isaa fudhatan hundaaf haqaa fi nagaa argamsiisa.—Faarfannaa 72:12-14.

a 2023 Edelman Trust Barometer Global Report.