Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

DAMMAQINAAN EEGAA!

Lafti Mancaʼaa Jirti—Kana Ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Lafti Mancaʼaa Jirti—Kana Ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

 “Ilmaan namootaa lafti saffisaan akka mancaatuuf wantoota hedduu gochaa jiru. Magaalwwan guguddaan bishaaniin liqmfamu. Dambaliin qilleensa hoʼaa hangana hin jedhamne ni gaʼa. Obomboleettiiwwan baayʼee nama sodaachisan ni uumamu. Hanqinni bishaanii garmalee baayʼata. Akaakuun biqilootaa fi bineensotaa miliyoonaan lakkaaʼaman ni badu. Kun sheekkoo ykn kan arbeeffame miti. Kun akkaataa itti fayyadama aannisaa mootummonni toʼachuu dhiisuu isaaniitiin akka gaʼu saayinsiin mirkaneessu dha.”—Haasaa Antooniyoo Guutareez, warri barreessaa ol aanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii taʼan, waaʼee gabaasa Maree Jijjiirama Qilleensaa Biyyoolessaa (Intergovernmental Panel on Climate Change) Ebla 4, 2022 irratti dubbatani dha.

 “Saayintistoonni dhiheenyatti paarkiiwwan biyyoolessaa gara 423 taʼanii fi Yuunaayitid Isteetis keessatti argaman hoʼi dabaluu isaatiin balaadhaaf waan saaxilamaniif jijjiirama qileensaatiin salphaatti miidhaamuu akka danda‵an akeekkachiisaa jiru. Wantoonni hamoon akka gaʼan Kitaaba Qulqulluu irraa dubbisnee taʼuu dandaʼa: ibiddaa fi lolaa cimaa, cabbii baqu, galaanawwanii fi dambaliin hoʼaa dabalaa jiru.”—“Miidhaa Guddaa Lolaan Paarkii Yeloostoonitti Geessise, Mallattoo Wanta Dhufuuf Jiru Argisiisu Dha (Flooding Chaos in Yellowstone, a Sign of Crises to Come)” barruu The New York Times, Waxabajjii 15, 2022.

 Rakkinni haala qilleensa lafaa wajjin wal qabate furamuu ni dandaʼa? Taanaan eenyuutu fura? Mee wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu haa qorru.

Qilleensi naannoo akka mancaʼu raajiin dubbatameera

 Kitaabni Qulqlluun, Waaqayyo ‘warra lafa mancaasan akka balleessu’ dubbata. (Mulʼata 11:18) Caqasni Kitaaba Qulqulluu kun wantoota sadii nu barsiisa:

  1.  1. Gochawwan ilmaan namootaa lafa irratti miidhaa guddaa geessisa.

  2.  2. Lafti akkuma mancaatetti hin haftu.

  3.  3. Rakkoowwan qilleensa naannoo lafaa wajjin wal qabateef furmaata kan kennu namoota utuu hin taʼin Waaqayyo dha.

Egereen pilaanetii keenya amansiisaa dha

 Kitaabni Qulqulluun, “Lafti . . . bara baraaf jiraatti” jedha. (Lallaba 1:4) Namoonni yeroo hundumaa ishii irra jiraatu.

  •   “Qajeelonni lafa ni dhaalu, bara baraafis ishii irra ni jiraatu.”—Faarfannaa 37:29.

 Pilaaneetiin keenya guutummaatti haala jalqaba irra turtetti deebiti.

  •   “Lafti onaanii fi lafti waxalamaan ni gammadu, gammoojjiin ni gammada, akkuma saafronittis ni daraara.”—Isaayyaas 35:1.