Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dhiphina Toʼachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

Dhiphina Toʼachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

 Garmalee dhiphachuun qaama kee fi miira kee irratti miidhaa geessisa. Tarii immoo rakkina jalqaba si dhiphise caalaa rakkina cimaa sitti fiduu dandaʼa.

Yaada dhiphina hirʼisuuf si gargaaru

  •  Odeeffannoo gaarii hin taane ilaaluu, dubbisuu fi dhaggeeffachuu hirʼisi. Rakkina jiru ilaalchisee waan hundumaa beekuun si hin barbaachisu. Rakkina ilaalchisee gabaasa hedduu yoo ilaalte, yoo dubbiste ykn yoo dhaggeeffatte caalaatti sodaatta, akkasumas abdii dhabda.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Hafuurri cabe . . . humna namaa laaffisa.”—Fakkeenya 17:22.

     “Odeeffannoo haaraa fi nama naasisu ilaaluu barsiifata godhachuun salphaa dha, taʼus barsiifata gaarii miti. Odeeffannoon hordofu yommuun hirʼisu dhiphinni koo baayʼee hirʼata.”—Joon.

     Wanta irratti yaadamuu qabu: Oduu haaraa hordofuuf yeroo hammamii ramaduu qabda?

  •  Barsiifata kee hordofi. Saʼaatii dhaabbataa taʼetti hirribaa kaʼuuf, nyaata nyaachuuf, hojii manaa hojjechuu fi rafuuf yaali. Sagantaa dhaabbataa taʼeen jireenya kee kan geggeessitu yoo taʼe dhiphina sitti dhagaʼamu hirʼisuu dandeessa.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Karoorri nama dhimmee hojjetuu gara milkaaʼinaatti geessa.”—Fakkeenya 21:5.

     “Yeroo dhibee daddarbaan COVID-19 jalqabetti sagantaa koo isa dhaabbataa ture guutummaatti dhiiseen bashannana irratti yeroo dheeraa dabarsuu jalqabe. Garuu yeroo koo ogummaadhaan itti fayyadamuu waanan barbaadeef, wantan guyyaa guyyaadhaan raawwachuu qabuuf karooran baafadhe.”—Joseef.

     Wanta irratti yaadamuu qabu: Hojiiwwan guyyaa guyyaan hojjechuudhaan xumura guyyaatti itti gammaddu qabdaa?

  •  Wanta gaarii taʼe irratti xiyyeeffadhu. Wanta kanaan dura raawwatte karaa adda taʼeen utuun raawwadheera taʼee jettee yaadda yoo taʼe ykn wanta gaarii hin taanee fi gara fuulduraatti si mudachuu dandaʼu yaadda yoo taʼe caalaatti dhiphatta. Kanaa mannaa wantoota akka galateeffattu si taasisan lama ykn sadii irratti yaadii.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Kan galateeffattan taʼuu keessan argisiisaa.”—Qolosaayis 3:15.

     “Kitaaba Qulqulluu dubbisuun koo odeeffannoo gaarii hin taane irraa akkan fagaadhuu fi yaada gaarii taʼe irratti akkan xiyyeeffadhu na gargaareera. Kun waan salphaa fakkaatus jijjiirama fida!”—Liisaa.

     Wanta irratti yaadamuu qabu: Yeroo baayʼee wanta gaarii jireenya kee keessatti si mudate irraanfattee waaʼee wanta gaarii hin taanee fi si mudate irratti xiyyeeffattaa?

  •  Warra kaaniif yaadi. Yeroo hundumaa dhiphatta taanaan warra kaan irraa adda of baasuu filachuu dandeessa. Warra kaan irraa adda of baasuu mannaa warra gargaarsi barbaachisu akkamitti gargaaruu akka dandeessu yaadi.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Faayidaa warra kaaniis yaadaa malee, faayidaa ofii keessanii qofa hin yaadinaa.”—Filiphisiyus 2:4.

     “Wanta warra kaan fayyadu gochuun na gammachiisa. Gochi koo kun namootan gargaares ni gammachiisa, akkasumas dhiphina koo hirʼisa. Warra kaan gargaaruu irratti xiyyeeffachuun koo dhiphachuuf yeroo akkan hin arganne godha.”—Maariyaa.

     Wanta irratti yaadamuu qabu: Namoota beektu keessaa namni gargaarsi guddaan isa barbaachisuu dandaʼu eenyu dha? Isa gargaaruuf hoo maal gochuu dandeessa?

  •  Fayyummaa kee kunuunsi. Sochii qaamaa gaʼaa godhi, akkasumas sirriitti boqodhu. Nyaata madaalamaa nyaadhu. Qaama keetiif kunuunsa gochuun kee ilaalcha ati jireenyaaf qabdu sii fooyyessa, akkasumas akka hin dhiphanne si gargaara.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: ‘Sochiin qaamaa ni fayyada.’—1 Ximotewos 4:8, miiljalee.

     “Ilmi koo fi ani ala baanee akka barbaanne sochii qaamaa gochuu hin dandeenyu. Haa taʼu malee mana keessatti sochii gochuu jalqabne. Kunis gammachuu akka argannuu fi gaarummaa fi obsa walitti argisiisuuf nu gargaareera.”—Kaatriin.

     Wanta irratti yaadamuu qabu: Fayya buleessa taʼuuf nyaata madaalamaa nyaachuu fi sochii qaamaa dabalataa gochuun si barbaachisaa?

 Namoonni hedduun dhiphina hirʼisuuf yaadawwan kana hojii irra oolchuu malees abdii amansiisaa Kitaabni Qulqulluun waaʼee gara fuulduraa dubbatu barachuudhaan fayyadamaniiru. Mata duree “Mootummaan Waaqayyoo Maal Raawwata?” jedhu ilaali.