Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Hiiktota Lamaan Maqaa Waaqayyoo Kakuu Haaraa Keessatti Iddoosaatti Deebisan

Hiiktota Lamaan Maqaa Waaqayyoo Kakuu Haaraa Keessatti Iddoosaatti Deebisan

 Kadhannaan namoonni baayʼeen jalqaba baratan Kadhannaa Gooftaa isa Yesuus duuka buutotasaa barsiisedha. Kadhannaan kun Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii isa yeroo baayʼee Kakuu Haaraa jedhamee beekamu keessatti argama. Kadhannichi, “Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu, maqaan kee haa qulqullaaʼu” jechuudhaan jalqaba. (Maatewos 6:9) Haa taʼu malee, maqaan Waaqayyoo inni Afaan Ingiliffaan “Jehovah” ykn yeroo tokko tokkommoo “Yahweh” jedhamu hiikawwan Kitaaba Qulqulluu Kakuu Haaraa Afaan Ingiliffaa keessatti baayʼee hin argamu. Haa taʼu malee, hiikawwan kun maqaa waaqolii sobaa kanneen akka Zuus, Hermeesii fi Arxemiis jedhamanii qabataniiru. Maarree Maqaa Waaqa dhugaa isa Kitaaba Qulqulluu nuuf barreessiseehoo caqasuu hin qaban turanii?Hojii Ergamootaa 14:12; 19:35; 2 Ximotewos 3:16.

Kakuu Haaraan maqaa waaqolii sobaa hedduu kan qabate erga taʼee, maqaa Waaqa isa dhugaa qabaachuu qaba jedhanii eeguun sirrii sitti hin fakkaatu?

 Hiiktota Kitaaba Qulqulluu Afaan Ingiliffaa kan taʼan Laanseloot Shaadweelii fi Fireederiik Paarkar, Maqaan Waaqayyoo Kakuu Haaraa keessatti iddoosaatti deebiʼuu akka qabu amanu turan. Jecha “iddoosaatti deebisuu” jedhutti kan fayyadaman maaliifi? Maqaan Waaqayyoo Kakuu Haaraa isa jalqabaa keessa kan ture taʼus yeroo booda akka keessaa baafame waan amananiifi. Xumura kanarra kan gaʼan maaliifi?

 Shaadweelii fi Paarkar, Kutaa Kitaaba Qulqulluu isa yeroo baayʼee Kakuu Moofaa jedhamuu fi harki caalaansaa Afaan Ibrootaatiin barreeffamerra, maqaan Waaqayyoo inni dhuunfaan iddoowwan kumaan lakkaaʼamanitti akka argamu hubatanii turan. Kanaaf Kakuu Haaraan inni harkaan barreeffamee fi of harkaa qaban maqaa dhuunfaa Waaqayyo ittiin waamamuu fi Yihowaa jedhamu kan hin qabaanne maaliif akka taʼe gaaffii isaanitti uume. a Kana malees, Shaadweel garagalchitoonni Kakuu Haaraa isa harkaan barreeffamerratti yaadawwan Kakuu Moofaarraa fudhataman, fakkeenyaaf yaada “maleekaan Yihowaa” jedhu maqaa Waaqayyoo jecha Kyʹri·os jedhuu fi hiika “Gooftaa” jedhu qabuun akka bakka buusan hubateera.—2 Mootota 1:3, 15; Hojii Ergamootaa 12:23.

Fuula jalqabaa hiikkaa Paarkar isa bara 1864tti qophaa‵e

 Hiiktonni kan biroonis, Shaadweelii fi Paarkar Kitaaba Qulqulluu isa gara Afaan Ingiliffaatti hiikan maxxansuu isaanii durallee, hiika Kakuu Haaraa Afaan Ingiliffaa isaanii keessatti iddoowwan muraasatti maqaa Waaqayyoo deebisaniiru. b Bara 1863 dura, hamma Paarkar Kakuu Haaraa A Literal Translation of the New Testament jedhamu maxxansetti, namni maqaa Waaqayyoo Kakuu Haaraa Afaan Ingiliffaa keessatti bakka hedduutti deebisuudhaan beekame hin jiru ture. Haa taʼu malee, Laanseloot Shaadweelii fi Fireederiik Paarkar eenyufaʼi?

Laanseloot Shaadweel

 Laanseloot Shaadweel (1808-1861) abukaatoo olaanaa yommuu taʼu, ilma Obbo Laanseloot Shaadweel isa ittaanaa qondaalaa Ingilaandi taʼeeti. Ilmi isaanii inni Laanseloot Shaadweel jedhamu kun miseensa Waldaa Ingilaandi ture. Barumsa Sadan Waaqa Tokkootti kan amanu taʼus, “maqaa YIHOWAA isa ulfina qabeessa taʼe” jechuudhaan maqaa Waaqayyootiif kabaja guddaa akka qabu argisiiseera. Hiikkaasaa isa The Gospels of Matthew, and of Mark jedhamurratti maqaa “Yihowaa” jedhu siʼa 28 fayyadameera, akkasumas yaadannoo dabalataa kitaabota kanaarratti immoo siʼa 465 fayyadameera.

 Shaadweel maqaa Waaqayyoo kan bare Kakuu Moofaa isa Afaan Ibrootaan barreeffamerratti argee taʼuu dandaʼa. Hiiktonni hiikkaa Kakuu Moofaa Afaan Giriikii irratti maqaa Waaqayyoo maqaa ulfinaa Kyʹri·os jedhamuun bakka buusan “hiiktota amanamoo miti” jedheera.

The Gospel according to Matthew rendered into English with notes, by L. Shadwell (1859), provided by the Bodleian Libraries. Licensed under CC BY-NC-SA 2.0 UK. Modified: Text highlighted

Hiika Shaadweel yaada Maatewos 1:20​rra jiru argisiisu

 Shaadweel hiikkaasaa irratti maqaa Waaqayyoo isa “Jehovah” jedhamu yeroo jalqabaatiif kan fayyadame Maatewos 1:20 irrattidha. Ibsi inni caqasa kanarratti kennee akkana jedha: “Jechi caqasa kanaa fi caqasoota Kakuu Haaraa kan biroo hedduu keessatti galee fi [Kyʹri·os] jedhu, YIHOWAA jechuu yommuu taʼu, maqaan kun maqaa dhuunfaa Waaqayyooti; maqaa kana hiikkaa Ingiliffaa keessatti iddoosaatti deebisuun baayʼee barbaachisaadha.” Itti dabaluudhaanis akkana jedheera: “Waaqayyoof ulfina kennuuf akkas gochuu qabna. Maqaansaa YIHOWAA akka taʼe nutti himeera: Yeroo waaʼeesaa haasofnu maqaa kanatti fayyadamuun keenya dirqamadha.” Achiis akkana jedheera: “Hiikkaa Kitaaba Qulqulluu E.V. [Established, Authorized ykn King James Version] irratti maqaan YIHOWAA jedhu kan argamu iddoo baayʼeetti miti . . . Achirratti maqaa dhuunfaa Waaqayyoo mannaa jecha Gooftaa jedhu argina.” Shaadweel innumtiyyuu biyyasaatti “Gooftaa” akka jedhamu caqasuudhaan, “maqaa Waaqayyoo jecha ‘Gooftaa’ . . . jedhuun bakka buusuun sirrii miti” jedheera.

“[Waaqayyo] maqaansaa YIHOWAA akka taʼe nutti himeera: Yeroo waaʼeesaa haasofnu maqaa kanatti fayyadamuun keenya dirqamadha.”—Laanseloot Shaadweel

 Shaadweel Kitaaba Maatewos isa ofumasaa hiike bara 1859​tti maxxansiise, Kitaaba Maatewosii fi Maarqosiin immoo jildiima tokkoon bara 1861​tti maxxansiise. Kana booda garuu hojiinsaa ni dhaabate. Amajjii 11, 1861​tti umuriisaa waggaa 52​tti duʼaan boqote. Taʼus, carraaqqiinsaa akkasumaan lafatti hin hafne.

Fireederiik Paarkar

 Hiikkaan Shaadweel xiyyeeffannaa daldalaa Landan sooressa taʼee fi Fireederiik Paarkar (1804-1888) jedhamuu kan harkise yeroo taʼu, innis umuriisaa gara waggaa 20​tti Kakuu Haaraa hiikuu jalqabe. Paarkar Shaadweelirraa haala adda taʼeen, barumsa Sadan Waaqa Tokkootti hin amanu ture. “Guutummaan Waldaa Ilma Waaqayyoo isa jaalatamaa . . . wanta dhugaa taʼe fudhachuudhaan . . . Yihowaa isa hundumaa dandaʼu haa waaqeffatan” jechuudhaan barreesseera. Kana malees, Paarkar Kakuu Haaraan harkaan barreeffame, Waaqayyoonis taʼe Yesuusiin argisiisuuf jecha Kyʹri·os jedhutti fayyadamuunsaa garaa garummaan lamaansaanii gidduu jiru akka dhokatu akka godhu isaatti dhagaʼama ture. Kanaaf, Shadweel hiikkaasaa irratti bakka tokko tokkotti jecha Kyʹri·os jedhu isa “Yihowaa” jedhuun bakka buusuun isaa xiyyeffannaasaa harkisee ture.

 Paarkar dhimmoota akkasii hubachuu kan dandaʼe akkamitti? Paarkar Afaan Giriikii barateera, akkasumas seerluga afaan kanaa eegee kitaabotaa fi tiraaktotaa garaa garaa barreesseera. Kana malees, miseensa dhaabata Anglo-Biblical Institute jedhamuu ture; dhaabbanni kun Kitaaba Qulqulluu Ingiliffaa gaarii taʼe qopheessuuf Kitaabota Qulqulluu durii harkaan barreeffamanirratti qorannoo godha. Bara 1842​tti, Paarkar hiikkaa Kakuu Haaraa isaa isa jalqabaa kutaa garaa garaatti hiree, maxxansa garaa garaatiin baasuu jalqabe. c

Hiika Kakuu Haaraa Paarkar (Haayinfeetar) qopheesse

Carraaqqii Paarkar Maqaa Waaqayyoo Iddoosaatti Deebisuuf Godhe

 Paarkar waggoota muraasaaf deebii gaaffiiwwan armaan gadii barreessaa tureera: “Jechi Kyʹri·os jedhu Yesuusiin kan argisiisu iddoo kamitti? Waaqayyoon kan argisiisuhoo?” “Jechi Kyʹri·os jedhu yeroo baayʼee akka maqaa ulfinaatti utuu hin taʼin akka maqaa dhuunfaatti faayidaarra kan oolu maaliifi?”

 Paarkar hiikkaa kitaaba Maatewos isa Shaadweel bara 1859​tti qopheessee fi ibsa inni jecha Kyʹri·os jedhu irratti kenne qabate yeroo argu, Kyʹri·os bakka tokko tokkotti “Yihowaa jedhamee hiikamuu akka qabu” mirkanaaʼaa taʼe. Kanaaf, yaada naannoosaa jiru ykn seerluga Afaan Giriikii irratti hundaaʼuudhaan bakka maqaan Yihowaa galuu qaba jedhee amanu hundatti deebisuuf hiikkaa Kakuu Haaraa qopheessee ture haaressee maxxanse. Kanaaf, hiikkaan Paarkar A Literal Translation of the New Testament jedhamuu fi bara 1863​tti maxxanfamee fi jildii tokkoon baʼe maqaa Waaqayyoo siʼa 187 qabateera. Hiikkaansaa kun, Kitaaba Qulqulluu Afaan Ingiliffaa Maatewosii hanga Mulʼataa irratti Maqaa Waaqayyoo deebisee galchuudhaan isa jalqabaa taʼuu hin oolu. d

Maqaa Waaqayyoo, hiikkaa Paarkar isa bara 1864 qophaaʼe irratti

 Paarkar bara 1864​ttis hiikkaa A Collation of an English Version of the New Testament . . . jedhamuu fi Authorized English Version jedhamu walitti makee jildii tokkoon maxxanseera. Hiika Kakuu Haaraa lama walitti dabaluudhaan jildii tokko godhee bakka tokkotti kan maxxanse, hiikni inni kansaatii kan warra kaaniirraa garaagara kan taʼe eessattii fi akkamitti akka taʼe argisiisuufi. e

 Paarkar maqaa Waaqayyoo iddoosaatti deebisuun barbaachisaa taʼuusaa argisiisuuf hiika Authorized Version irraa caqasa hedduu fayyadameera; Fakkeenyaaf, Roomaa 10:13, “Namni maqaa Gooftaa waammatu hundinuu ni fayya” jedha. Paarkar akkana jedhee gaafate: “Namni yaada kana Authorized English Version irraa dubbisu, caqasichi Ilma jechuunis Yesuus Kiristoos isa Gooftaa keenya taʼe utuu hin taʼin Yihowaa akka argisiisu . . . hubachuun isatti ulfaataa?”

Roomaa 10:13 hiika King James Version (gubbaa) fi hiika Paarkar isa bara 1864

 Paarkar tiraaktii, waraqaa fi barreeffamoota isaa kan biroo maxxansuu fi beeksisuuf, baasii hedduu baaseera. Inumaayyuu, waggaa tokko keessatti qofa paawundii 800 jechuunis yeroo ammaatti paawundii Biritaaniyaa 100,000 (doolaara Ameerikaa 132,000) olii wajjin qixxaatu baaseera. Kana malees, barreeffamasaa hedduu namoonni inni beekuu fi qeesonni aangoo guddaa qaban akka gulaalaniif tolaan isaaniif ergeera.

 Hayyoonni tokko tokko barreeffamootaa fi hiikkaawwan Kakuu Haaraa Paarkar qopheessee fi baayʼee muraasni isaanii maxxanfaman qeeqaniiru. Akkas gochuun isaanii, carraaqqii Paarkaris taʼe Shaadweelii fi namoonni kan biroon Kakuu Haaraa Afaan Ingiliffaa keessatti maqaa Waaqayyoo isa dhuunfaa iddoosaatti deebisuuf godhaniif bakka guddaa akka hin kennine argisiiseera.

 Viidiyoo daqiiqaa kudhanii odeeffannoo dabalataa siif kennu kana daawwachuus ni barbaadda taʼa: Daawwannaa Godambaa Waarwiik: “Kitaaba Qulqulluu fi Maqaa Waaqayyoo”

a Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamudha. Jechi kun Mulʼata 19:1, 3, 4, 6 irratti jecha “Halleeluyaah” jedhuu wajjin kan gale yommuu taʼu, hiikni isaa “Yaa namootaa, Yaahiin Jajadhaa!” jechuudha.

b Shaadweel Kakuu Haaraa guutummaa isaa hin hiikne. Hiiktonni kan biroon kanneen akka Fiiliip Dodriij, Eedwaardi Haarwud, Wiiliiyaam Niiwukaam, Eedgar Teeyilarii fi Giilbarti Weekfiildis Kakuu Haaraa hiikaniiru.

c Paarkar maqaa hojii daldalaa irratti ittiin beekamu isa kan barumsa Kitaaba Qulqulluu, barreeffamoota amantii fi hojii hiikkaa Kitaaba Qulqulluu irraa adda baasuuf maqaa Heermaan Haayinfeetar jedhutti fayyadama ture. Maqaansaa kun kutaawwan dabalataa Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa irratti yeroo baayʼee caqasameera.

d Bara 1864​tti, Paarkar Kitaaba Qulqulluu An English Version of the New Testament jedhamuu fi maqaa Waaqayyoo bakka 186​tti deebisee galche maxxansiiseera.

e Hiikkaawwan Paarkar qopheesse dura, hiikkaawwan Afaan Ibrootaa hedduun, caqasoota Kakuu Haaraa adda addaa irratti maqaa Waaqayyoo galchanii turan. Kana malees, bara 1795​tti, Yoohaan Yaakoob Shitoltis hiikkaa Afaan Jarmanii Maatewosii kaasee hamma Yihudaatti, bakkawwan 90 olitti maqaa Waaqayyoo fayyadamu qopheesseera.