Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BUUSIIN GOOTAN HOJII IRRA OOLAA KAN JIRU AKKAMITTI?

Naannichatti Mirga Amantii Kabachiisuu

Naannichatti Mirga Amantii Kabachiisuu

CAAMSAA 1, 2021

 Namoota miliyoona dhibbaa hedduutti lakkaaʼamanii fi Laatiin Ameerikaa keessaa jiraatan hundi afaanii fi barsiifata mataa isaanii qabu. Namoota kanneen keessaa hedduun isaanii obbolootaa fi obboleettota hidhata amantii keenyaa aadaa isaaniitiif kabaja guddaa kan qabani dha. Obboloonni kunneenis namoonni Kitaaba Qulqulluu irraa dhugaa akka baratan gargaaruuf, barreeffamoota Dhugaa Baatota Yihowaa afaan biyyoota Laatiin Ameerikaa garaa garaatti dubbatamanii fi 130 ol taʼaniin hiikuudhaan raabsu. a Isaan keessaa tokko tokko Yihowaa tajaajiluu filachuu isaaniitiin kan kaʼe, akkasumas barsiifatawwan Kitaabni Qulqulluun hin deggerree fi naannoo isaaniitti fudhatama qaban irratti hirmaachuu diduu isaaniitiin kan kaʼe ariʼatamni isaan irra gaʼeera. Maarree buusiin gootan obboloota kana gargaaruuf tajaajila irra kan oole akkamitti?

Gara Qeʼee Isaanitti Isaan Deebisuuf Gargaareera

 Obboloonnii fi obboleettonni keenya Meeksikoo Bulchiinsa Haaliiskoo hawaasa Huuchool gidduu jiraatan, ayyaana amantii qalbii isaanii akka kabajan isaaniif hin heyyamne irratti akka hin hirmaanne kabajaan ibsan. b Kun garuu namoota hawaasicha keessa jiran tokko tokko aarseera. Kanaan kan kaʼes Muddee 4, 2017, tuutni badii uumu tokko garee Dhugaa Baatota Yihowaa tokkoo fi namoota hedduu isaanii wajjin turan irratti miidhaa geessiseera. Gareen badii uumu kun hawaasicha keessaa humnaan erga isaan baasee booda qabeenya isaanii barbadeesse; namni gara qeʼee isaatti deebiʼuuf yaalu kam iyyuu akka ajjeefamu isaan doorsise.

 Dhugaa Baatonni magaalaa sanatti dhihoo taʼan keessa jiraatan wantoota obbolootaa fi obboleettota kanaaf yeroodhaaf barbaachisan isaaniif geessan. Taʼus, gara qeʼee isaaniitti akka deebiʼan gochuuf maaltu godhamuu qaba? Obboleessi Aguustiin jedhamu, “Abukaatoo dhaabbachuuf qarshii gaʼaa taʼe hin qabnu; gama seeraatiinis eenyuun gorsa gaafachuu akka qabnu hin beeknu turre” jedheera.

 Waajjirri damee Giddu Galeessaa Ameerikaa mirga waaqeffannaa obboloota keenyaa waan sarbameef yeruma sana sochii gochuu jalqabe. Jalqaba, yakka raawwatame sana akka qoratan abbootii taayitaa biyyichaa gaafatan. Achiis waaʼee dhimma kanaa Dippaartimantii Seeraa waajjira muummee wajjin hojjechuuf Koree Qindeessitoota Qaama Ol Aanaa biraa heyyama argatan. Sana booda obbolootaa fi obboleettota Huuchool bakka buʼanii himata banan. Dhimmi kun yeroo booda Mana Murtii Ol Aanaa Haqaa Biyyichaa, jechuunis Meeksikootti mana murtii ol aanaa gaʼeera.

 Tuutni abbootii seeraa biyyoolessaa qabxii marii namoonni kaan akkuma isaan aadaa biyyichaa kabajuun isaan irraa eegamu, hawaasichis mirgawwan miseensota isaanii hunda kabajuu fi eegsisuun isaan irra jiru ibsu qopheessan. Ilmaan namootaa eessa iyyuu yoo jiraatan mirgoonni namummaa isaanii kabajamuu qaba.

 Adoolessa 8, 2020, Manni Murtii Ol Aanaa Haqaa sagalee tokkoon Dhugaa Baatota Yihowaatiif murteesse. Namoonni naannichaa ariʼaman hundi gara qeʼee isaaniitti akka deebiʼan akka isaaniif heyyamamu ajaja dabarsan. Aguustiin inni olitti ibsame ture galateeffannaa innii fi warri kaan qaban akkas jechuudhaan ibseera: “Wanta obboloonni keenya nuuf godhaniif guddaa galateeffannaa, akkasumas gammachuu guddaatu nutti dhagaʼama. Utuu isaan nu hin gargaarre taʼee, ofii keenyaan waan tokko illee gochuu hin dandeenyu ture.”

“Namoota Wayittuu hin Lakkaaʼamneef Wanta Guddaa kan Raawwatu”

 Yeruma sanattis obboloota keenya Ikuwaador araddaa San Huwaan dii Ilumaan jedhamtuu fi namoonni Otaavaaloo Vaalii jedhamanii beekaman hedduun keessa jiraatan irra ariʼatamni gaʼee ture. Bara 2014, heyyama barbaachisu hunda erga argatanii booda Galma Walgaʼii ijaaruu jalqaban. Haa taʼu malee, qeesiin tokko namoota 100 ol taʼan geggeessuudhaan humnaan ijaarsichi akka dhaabbatu godhe. Achiis hawaasichi Dhugaa Baatonni Yihowaa waaqeffannaadhaaf walitti qabamuu isaanii akka dhaaban ajaje.

 Dippaartimentiin seeraa waajjira damee Ikuwaadorii fi waajjira muummeetti argamu waliin taʼuudhaan mirga waaqeffannaa gumichaa sarbameef falmuuf dhaabbatan. Obboloonni keenya dhimma kana mana murtiitti dhiheessan. Kunis hawaasichi mormii obboloota keenya irra geessisu akka dhaabu, akkasumas gumichi walgaʼii godhachuu isaa akka itti fufuu fi Galma Walgaʼii ijaaruu jalqabe akka xumuramu godheera. Gara fuulduraattis mirga obboloota keenyaa kabachiisuuf bakka buutonni keenya gaaffii baayʼee barbaachisaa taʼe tokkoof murtii akka dabarsu mana murtii ol aanaa sana gaafatan. Gaaffichis, “Hawaasni biyyichaa mirgoota namummaa biyyoolessaa kabajuu hin qabuu?” kan jedhu dha.

 Adoolessa 16, 2020, Manni Murtii Seeraa Ikuwaador inni biyyichatti mana murtii ol aanaa taʼe dhimmicha ilaale. Obboloonni abbootii seeraa taʼanii fi Ikuwaador jiraatan gumicha bakka buʼanii dhihaatan. Kana malees, obboloonni keenya afur gama seera biyyoolessaatiin muuxannoo qaban dhimmicha mana murtichaatiif ibsan. Sababa dhorkaa dhukkuba COVID-19tiin kan kaʼe biyyoota garagaraatii karaa viidiyookonfiransii himata isaanii dhiheessan. Dhaddachi kun dhaddacha yeroo jalqabaatiif gareen seeraa addunyaa maraa Dhugaa Baatota Yihowaa bakka buʼe tokko haala kanaan himata isaa akka dhiheessu heyyame dha. c Gareen seeraa kun namoonni hawaasa tokko keessa jiraatan hundi isaanis miseensa hawaasichaa waan taʼaniif, mirgoonni namummaa isaanii salphaatti sarbamuu akka hin qabne qaamolee seeraa biyyoolessaa irraa akka mirkaneessan caqasan.

Gareen abukaatoo biyyoolessaa karaa viidiyookonfiransii mirga obboloota keenyaatiif falmaniiru

 Obboloonni keenya Otaavaaloo Vaalii jiraatan murtii qaamni Dhaddachi Seeraa kun dabarsu hawwiidhaan eeggachaa jiru. Gargaarsa hanga ammaatti isaanii godhameefis guddaa galateeffataniiru. Siisaar inni Gumii Ilumaan Kiichuuwaa keessatti jaarsa gumii taʼee tajaajilu, “Jaarmiyaa isaatti fayyadamee namoota wayittuu hin lakkaaʼamneef wanta guddaa kan raawwatu Yihowaa qofa dha” jedheera.

 Abukaatoowwan dhimma seeraa kana irratti hirmaatan hundi Dhugaa Baatota Yihowaa ti, beekumsa gama seeraatiin qabaniin kaffaltii malee tajaajiluu isaaniitiin gammachuu guddaatu isaanitti dhagaʼama. Himatawwan kana banuun, himatawwan kanaaf qophaaʼuunii fi mana murtiitti dhihaatanii falmii gochuun yeroo fi qarshii akka gaafatu beekamaa dha. Abukaatoowwanii fi obboloonni keenya kaan falmiiwwan seeraa kanaaf qophaaʼuuf saʼaatii 380 ol dabarsaniiru, mana murtii Meeksikoottiif dookmantiiwwan kanneen hiikuufis saʼaatii dabalataa 240 dabarsaniiru. Himata Ikuwaador ilaalchisee abukaatoowwan gara 40 taʼan addunyaa mara irraa saʼaatii dhibbaan lakkaaʼamu dabarsaniiru. Obboloota keenyaaf falmuu wajjin haala wal qabateen baasiin barbaachisu eessaa argama? Buusii isin malawwan garagaraa karaa donate.isa4310.com irratti ibsameen gootan irraa argameeni. Arjummaa keessaniif guddaa isin galateeffanna.

a Kana malees Dhugaa Baatonni Yihowaa afaanota Laatiin Ameerikaatti dubbataman hedduu, akkasumas afaanota mallattoo adda taʼanii fi biyyaa sana keessatti qofa argaman hedduutti ni hiiku.

b Sabni Huuchool Wiihaaretaaree jedhamaniis waamamu, afaan isaanii yeroo baayʼee Wiihaarekaa jedhama.

c Jaarmiyaan keenya inni addunyaa maraa kallattiidhaan dhimmicha keessa jiraachuu baatus, abbootiin murtii obboloonni keenya “michuu dhaddachichaa” taʼanii akka dhihaatan heyyameera.”