Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BUUSIIN KEESSAN HOJII IRRA KAN OOLU AKKAMITTI?

Mana Kitaaba Harka Keessan Irra Jiru

Mana Kitaaba Harka Keessan Irra Jiru

FULBAANA 1, 2021

 “Yeroo muraasa dura, nyaata hafuuraa bifa dijitaalaatiin akka nuuf dhihaatu yaaduun illee baayʼee ulfaataa ture.” Isinoo yaada kana irratti walii hin galtanii? Obboleessi keenya Jeefrii Jaaksan Gabaasa Qaama Ol Aanaa 2020 Lakk. 6 irratti haasaa nama jajjabeessu yeroo kennetti yaada kana dubbatee ture. Itti fufees akkana jedheera: “Amma garuu yeroo weerara dhibee kanatti ‘JW Library utuu hin jiru taʼee akkamitti dabarsina laata?’ jennee yaanna taʼa. Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Yihowaan waggoota darbanitti haala amma keessa jirruuf nu qopheessaa ture.”

 Yihowaan nu qopheessaa kan ture akkamitti? Appilikeeshinii JW Library qopheessuuf maalfaatu hojjetame? Itti fufsiisuu fi fooyyessaa deemuuf hoo maaltu barbaachisa?

Yeroo Jalqabaatiif kan Qophaaʼe Dha

 Caamsaa 2013, Qaamni Ol Aanaan kutaa waajjira muummee MEPS Programming jedhamu appilikeeshinii Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa fooyyaʼee qophaaʼe qabate akka qopheessu gaafate. Pool Wiilis inni kutaa MEPS Programming keessa hojjetu akkana jedheera: “Hanga yeroo sanaatti, namoonni akka itti fayyadamaniif appilikeeshinii moobaayilii tokko illee qopheessine hin beeknu turre. Taʼus, garee qindeessine, hojiilee tokko tokkos yeroodhaaf addaan kunne; akkasumas diizaayinii fi qabiyyee appilikeeshinichaa qopheessuu irratti hojjechuuf kutaalee kan biroo wajjin hojjechuu eegalle. Yeroo hunda Yihowaa kadhanna turre; kanaafuu gargaarsa Yihowaatiin appilikeeshinichi jiʼa shan gidduutti walgaʼii waggaa irratti baʼuu dandaʼeera!”

 Itti aansuudhaan wanti ulfaataan akka hojjetamu barbaadame appilikeeshinichi laayibrarii kitaabota hedduu afaan adda addaatiin qophaaʼan akka qabaatu taasisuu ture. Amajjii 2015, barreeffamoonni Afaan Ingiliffaatiin qophaaʼan hedduun appilikeeshinicha irratti akka baʼan taasifame; jiʼoota jaʼa booda immoo namoonni itti fayyadaman afaanota dhibbaan lakkaaʼaman kaaniin barreeffamoota buufachuu akka dandaʼan taasifamaniiru.

 Yeroo sanaa kaasee, obboloonni keenya karaa garaa garaatiin appilikeeshinicha fooyyessaniiru; viidiyoowwan itti dabalaniiru, barreeffamoonni, viidiyoo fi faarfannaan walgaʼiiwwan gumiitiif qophaaʼan bakkuma tokkotti akka argaman taasisaniiru. Kana malees, namoonni itti fayyadaman Barreeffama Qoʼannaa Dhugaa Baatota Yihowaa Gargaaruuf Qophaaʼe kallattiidhaan lakkoofsa caqasoota Kitaaba Qulqulluu irratti akka argatan gochuun dandaʼameera.

Laayibiraricha Itti Fufsiisuu

 Appilikeeshiniin JW Library guyyaa guyyaadhaan meeshaalee elektirooniksii miliyoona 8, jiʼatti immoo meeshaalee miliyoona 15 ol taʼan irratti ni banama! Appilikeeshinichi meeshaalee kana irratti sirriitti hojjechuu isaa akka itti fufu gochuuf maaltu barbaachisa? Obboleessi keenya Wiilis akkana jedheera: “Hojiin appilikeeshinii irratti hojjetamu matumaa hin xumuramu. Wanta haaraa itti dabaluu fi namoota itti fayyadamaniif caalaatti salphaa taasisuuf itti fufiinsaan hojjechaa jirra. Qaamonni daldalaa sirna meeshaalee elektirooniksii yeroo yerootti waan fooyyessaniif, appilikeeshiniin keenya sirnawwan kanaa wajjin akka walsimu taasisuuf itti fufiinsaan jijjiiramuu qaba. JW Library irratti barreeffamoonnii fi wantoonni sagaleedhaan qophaaʼan lakkoofsi isaanii dabalaa waan jiruuf, nutis sooftiweerii keenya fooyyessuuf hojjechuu qabna.” Wantoota JW Library irratti afaan hundumaatiin qophaaʼan yoo lakkoofne, yeroo ammaatti barreeffamoonni 200,000 fi wantoonni sagaleedhaan waraabamanii fi viidiyoodhaan qophaaʼan 600,000tu argama!

 Wanti itti fufiinsaan appilikeeshinii kana fooyyessuuf barbaachisu meeshaalee kompiitaraa qofa miti. Heyyamawwan sooftiweerota gara garaa bitamuu qabu. Heyyamni tokko qofti gatiin isaa waggaatti doolaara Ameerikaa 1,500 (tilmaamaan qarshii 67,526) dha. Kana malees, kutaan MEPS Programming jedhamu appilikeeshinichi kompiitarota, taableetotaa fi bilbiloota haaraa irratti salphaatti akka hojjetan taasisuuf waggaatti oomishtoota irraa meeshaalee gatiin isaanii doolaara Ameerikaa 10,000 (tilmaamaan qarshii 450,178) taʼu ni bita.

Barreeffamoonni Daawunloodii kan Godhaman Taʼuun Isaa Maallaqa Qusachuuf Gargaareera

 Appilikeeshiniin JW Library qophaaʼuun isaa baasiin maxxansaaf, jildiidhaan qopheessuu fi geejjibaaf baʼu baayʼee akka hirʼatu taasiseera. Fakkeenyaaf, buukleetii Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu jedhamu haa ilaallu. Buukleetii Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2013 koppii gara miliyoona 12 maxxansinee turre. Bara 2020⁠tti addunyaa maraatti babalʼistoota 700,000 dabalataan kan arganne taʼus, buukleetii miliyoona shan qofa maxxansine. Jijjiiramni kun kan dhufe akkamitti? Yeroo ammaatti obboloonnii fi obboleettonni keenya hedduun caqasa guyyaa JW Library irraa dubbisu. a

“Faayidaan Isaa Gatiidhaan kan Shallagamu Miti”

 Appilikeeshiniin JW Library namoota itti fayyadamaniif karaawwan hedduudhaan faayidaa guddaa qaba. Jeneviiv ishiin Kaanaadaa jiraattu, appilikeeshinichi sagantaan qoʼannaa ishii dhaabbataa akka taʼu akka ishii gargaare ishiitti dhagaʼama. Akkana jetteetti: “Dhugaa dubbachuuf, qoʼachuuf kitaabota hedduu fayyadamuu kanan qabu utuu taʼee, yeroo hundaa ganama ganama qoʼachuu waanan dandaʼu natti hin fakkaatu. Appilikeeshiniin kun jiraachuu isaatiin garuu, taableetii kootti fayyadamee wantan barbaadu hunda salphaatti argachuu nan dandaʼa. Haala dhaabbataa taʼeen akkanatti qoʼachuun koo amantii koo naaf cimseera, caalaattis Yihowaatti na dhiheesseera.”

Jeneviiv

 Appilikeeshinichi keessattuu yeroo weerarri dhibee KOOVIID-19 jiru kanatti faayida qabeessa taʼuun isaa ifatti mulʼateera. Shaarliin isheen Yuunaayitid Isteetis jiraattu akkana jetteetti: “Yeroo KOOVIID-19 addunyaa dararaa turetti, waggaa tokkoo oliif barreeffamoota maxxanfaman argachuu hin dandaʼun ture. Haataʼu malee, appilikeeshiniin JW Library wanta karaa hafuuraa nu barbaachisu akka argannu taasiseera; Yihowaan wanta amantii keenya cimsachuuf nu barbaachisu nuu kennuu isaatti guddaan isa galateeffadha.”

 Wanti Faayee ishiin Filippiinsi jiraattu dubbatte miira namoota hedduu kan ibsu dha. Akkana jetteetti: “Yihowaatti dhihaadhee jiraachuuf appilikeeshinii humna guddaa qabu kanattin fayyadama. Akkuman ganama hirribaa kaʼeen jalqaba kanan dubbisu isa dha. Hojii mana keessaa yeroon hojjedhu isan dhaggeeffadha. Gumiidhaaf qophaaʼuuf isattin fayyadama. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu geggeessuufis isattin fayyadama. Yeroo yommuun argadhu viidiyoo ittiinan ilaala. Yeroon hiriira qabadhee dabaree eeggadhutti mata dureewwan garaagaraa fi Kitaaba Qulqulluun dubbisa. Faayidaan isaa gatiidhaan kan shallagamu miti.”

 Appilikeeshinichi tajaajila irrattis faayidaa guddaa akka qabu mirkaneeffameera. Fakkeenyaaf, obboleettiin Kaameruun jiraattu tokko yeroo lallabdutti caqasa obboleettiin tokko torbeewwan muraasa dura itti fayyadamtee turte fayyadamuu barbaadde. Haataʼu malee, bakka caqasichi itti argamu yaadachuu hin dandeenye. Akkana jetteetti: “Gaarummaan isaa, caqasicha keessaa jechoota muraasa nan yaadadhan ture. Appilikeeshinicha banee Kitaaba Qulqulluu biran dhaqe, achiis jechoota sana barreesseen barbaade. Yeruma sanan caqasicha argadhe. Appilikeeshinii kanatti fayyadamuudhaan, caqasootan yeroo tokko tokko irraanfadhu hedduu argachuu dandaʼeera.”

 Malawwan donate.isa4310.com irratti ibsaman fayyadamtanii buusii gochuun keessan appilikeeshinii JW Library obbolootaa fi obboleettota keenya addunyaa mara irra jiraniif qopheessuuf, itti fufsiisuu fi fooyyessuuf nu dandeessiseera. Arjummaa keessaniif guddaa isin galateeffanna.

Wantoota Ijoo JW Library Wal Qabatee Raawwataman

  1. Onkoloolessa 2013—Appilikeeshiniin Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa fooyyaʼee dhihaate qabate ni baʼe

  2. Fulbaana 2015—Barreeffamoonni kan biroon Ingiliffaan baʼan, boodas afaanota dhibbaan lakkaaʼaman kaaniin baʼan

  3. Sadaasa 2015—Halluu dibuun akka dandaʼamu taasifame

  4. Caamsaa 2016—Kutaan Walgaʼiiwwan jedhu itti dabalame

  5. Caamsaa 2017—Yaadannoo barreeffachuun akka dandaʼamu taasifame

  6. Mudde 2017—Wantoonni Kitaaba Qulqulluu Qoʼannaa isa Ingiliffaan qophaaʼe deggaran itti dabalaman

  7. Bitootessa 2019—Wantoota sagaleedhaan waraabaman buufachuu fi viidiyoowwan tamsaasuun akka dandaʼamu taasifame, akkasumas Barreeffama Qorannaa Dhugaa Baatota Yihowaa Gargaaruuf Qophaaʼe itti dabalame

  8. Amajjii 2021—Wantoota dabalataa haaraa kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhuuf qophaaʼan itti dabalaman

a Wanta JW Library irratti baʼu qarshii xinnoodhaan buufachuun ni dandaʼama. Fakkeenyaaf, bara darbe viidiyoo fi wantoota biroo weebsaayitii jw.org fi JW Library irraa daawunloodii godhaman qopheessuuf doolaara Ameerikaa miliyoona 1.5 (tilmaamaan qarshii 67,366,800) baasii gooneerra. Taʼus, baasiin barreeffamoota dijitaalaa fi waraabaman qopheessuuf baasnu, isa barreeffamoota, CDii fi DVD qopheessuu, akkasumas geejjibaaf baasnu irra baayʼee gad aanaa dha.