Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Faarfannaa 153

Miira Akkamiitu Sitti Dhagaʼama?

Miira Akkamiitu Sitti Dhagaʼama?

(Ibroota 13:15)

  1. Mee hammam gammadda?

    lallabuuf barsiisuudhaan,

    Garraamota argachuuf

    gaʼee kee raawwannaan?

    Kan humna kee goota;

    kaan Yihowaadhaaf dhiista.

    Warra garraamii taʼan

    inni ni hubata.

    (WALLEE)

    Kennuudhaan baayʼee gammanna

    sammuu, sagalee fi humna.

    Aarsaa galataa dhiheessuu

    itt’ haa fufnu yoosuu.

  2. Mee hammam gammadda?

    wanti ati dubbattu

    Warra qajeeloo hundat’

    toluu ‘saa yoo beektu?

    Kan fagaatan jiru,

    inni kaan dhugaa dhiisa.

    Taʼus baachuun maqaa ʼsaa

    nuun nu gammachiisa.

    (WALLEE)

    Kennuudhaan baayʼee gammanna

    sammuu, sagalee fi humna.

    Aarsaa galataa dhiheessuu

    itt’ haa fufnu yoosuu.

  3. Mee hammam gammadda?

    Waaqni si gargaaruu ʼsaa

    Yoo beektu si amanee

    hojii sii kennuu ʼsaa?

    Lallabatti boonnus,

    dubbiidhaan nama’n miinu,

    Qajeeloo haa barbaannu;

    hojicha ‘ttin fufnu.

    (WALLEE)

    Kennuudhaan baayʼee gammanna

    sammuu, sagalee fi humna.

    Aarsaa galataa dhiheessuu

    itt’ haa fufnu yoosuu.