Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 66

Misiraachicha labsaa

Misiraachicha labsaa

(Mulʼata 14:6, 7)

  1. 1. Dhugaan Mootummichaa dhoksaa ta’ee ture.

    Amma Sanyicha abdachiifame barre.

    Yihowaan araara qabeessa, qajeelaa;

    Kanaaf hubate cubbuun fiduusaa balaa.

    Ilmisaa lafa akka bulchu murteesse;

    Yeroon jedhe gaʼee

    Mootummicha hundeesse.

    Misirroo ni qopheesse Ilma isaatiif,

    Ulfina kenne tuuta xinnoo filateef.

  2. 2. Misiraachoon kun duris lallabameera.

    Waaqni ammas beeksisaa nuun jechaa jira.

    Maleekonnis nuu wajjin lallabaa jiru,

    Dhugaa Mootummichaa labsuu nu gargaaru.

    Hojii fi ulfina guddaa arganneerra;

    Maqaasaa kabajuu fi

    jajuuf filamneerra.

    Misiraachoo bara baraa lallabuudhaan,

    Mirga arganne waamamuuf maqaasaatiin.

(Dabalataan, Mar. 4:11; HoE. 5:31; 1 Qor. 2:1, 7 ilaali.)