Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 28

Michuu Yihowaa Taʼuu

Michuu Yihowaa Taʼuu

(Faarfannaa 15)

  1. 1. Yihowaa michuun kee

    Kan si beeku eenyu?

    Godoo kee keessa kan buufatu,

    Eenyu kan amantu?

    Kan dubbii kee eegu,

    Kan amantii qabu.

    Amanamaa, qajeelaa hunda

    Siif kan ajajamu.

  2. 2. Michuun kee eenyu dha?

    Kan ati simattu?

    Kan si gammachiisu eenyu dha?

    Kan maqaadhaan beektu?

    Kan maqaa kee faarsan,

    Kan siif ajajaman,

    Amanamoo kan taʼan hunda,

    Dhugaa kan dubbatan.

  3. 3. Kadhannaadhaan sitti

    Himna yaaddoo keenya,

    Akka nuuf yaaddu ni hubanna,

    Sitti ni firoomna.

    Michoota kee taʼuu,

    Baayʼisnee hawwina.

    Michuun akka keetii hin jiru,

    Hin argamu beekna.

(Dabalataan, Far. 139:1; 1 Phe. 5:6, 7 ilaali.)