Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 139

Addunyaa Haaraa Keessatti Of Ilaali

Addunyaa Haaraa Keessatti Of Ilaali

(Mulʼata 21:1-5)

  1. 1. Sirna haaraa keessa galtee

    Sittʼ haa mulʼatu nu waliin taatee.

    Yeroo nagaadhaan jiraattu,

    Yaadi miira ati qabaattu.

    Hin geessisu hamaan miidhaa;

    Bittaan Waaqaa amansiisaa dha.

    Yeroon lafti haareffamtu dhihoo dha,

    Faarfannaa galataa

    faarfanna garaadhaa:

    (BUUSAA)

    “Yaa Yihowaa galatoomi guddaa.

    Ilmi kee haaraa godha waa hunda.

    Miira garaa keenyaa faarfannaan ibsina;

    Argachuun siif mala galataaf ulfina.”

  2. 2. Ofis anas ilaali mee;

    Addunyaa haaraa keessatt’ argamnee.

    Waan naasisaa, sodaachisaa

    Hin dhageenyuʼn arginu tasa.

    Akka jedhe duraan dursee

    Dunkaanasaa nurra diriirse.

    Kan duʼan kaasuudhaan dinqii raawwata;

    Nuu wajjin faarfatu

    faarfannaa galataa:

    (BUUSAA)

    “Yaa Yihowaa galatoomi guddaa.

    Ilmi kee haaraa godha waa hunda.

    Miira garaa keenyaa faarfannaan ibsina;

    Argachuun siif mala galataaf ulfina.”