Amantiikoo nan cimsadha
Buufadhu:
1. ‘Daandiin kun dhugaadhaa laata, maal wayya?’ jedheen yaade.
Shakkiin amantii hirʼise, addunyaan kunis
Itti hammeesse.
Yeroo ramadee dhugaa kana nan qoradhe.
Shakkii kana balleessuuf nan kutadhe,
Nan murteeffadhe:
(BUUSAA)
Amantiikoo nan cimsadha.
Yihowaanis na gargaara
Amantii koo nan cimsadha.
Waaqni na cimsa, eeyyee inni naaf jira
Amantiikoo,
Nan cimsadha,
Amantiikoo.
2. Seexanni amantiikoo balleessuuf jedhee baayʼee yaala.
Kophaa nan injifadha jedhee yaaduudhaan
of gowwoomsuu hin qabu.
Wanta amantiikoo diigurraa nan fagaadha.
Dubbii Yihowaa nan amanadha.
Abdiin koos cimaadha!
(BUUSAA)
Amantiikoo nan cimsadha.
Yihowaanis na gargaara
Amantiikoo nan cimsadha.
Waaqni na cimsa, eeyyee inni naaf jira
Amantiikoo,
Nan cimsadha,
Amantiikoo.
(CEESISA)
Dubbii Waaqaa dubbiisee, nan xiinxala,
Warra kaan faanas an nan tajaajila
Guyyaa guyyaadhaan ani nan kadhadha
Amantiikoof.
(BUUSAA)
Amantiikoo nan cimsadha.
Yihowaanis na gargaara
Amantiikoo nan cimsadha.
Waaqni koo na cimsa, eeyyee inni anaaf jira
Amantiikoo,
Nan cimsadha,
Amantiikoo,
Nan cimsadha,
Amantiikoo,
Nan cimsadha