Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 69

Abbaan Isaanii Abrahaami Moo Diyaabilosi?

Abbaan Isaanii Abrahaami Moo Diyaabilosi?

YOHAANNIS 8:37-59

  • YIHUDOONNI ABRAHAAM ABBAA ISAANII AKKA TAʼE DUBBATAN

  • YESUUS ABRAHAAM DHALACHUU ISAA DURA JIRA TURE

Yesuus amma iyyuu Ayyaana Daasii (ykn Gordommaatiif) Yerusaalem keessa jira; dhugaawwan barbaachisoo taʼan barsiisuu isaa itti fufe. Yihudoota achitti argaman keessaa tokko tokko, “Nuti ilmaan Abrahaami, eenyuuf iyyuu matumaa garboota taanee hin beeknu” isaan jedhan. Yesuusis akkana jedhe: “Ani isin sanyii Abrahaam akka taatan beeka. Haa taʼu malee, dubbii koo waan hin fudhanneef na ajjeesuu barbaaddu. Ani wantoota yommuun Abbaa koo wajjin turetti argen dubbadha; isin garuu wantoota abbaa keessan irraa dhageessan hojjettu.”—Yohaannis 8:33, 37, 38.

Wanti Yesuus jechuu barbaade ifa dha. Abbaan isaa kan isaanii irraa adda dha. Wanti inni jedhe waan isaaniif hin galleef, ammas irra deebiʼanii, “Abbaan keenya Abrahaami” jedhan. (Yohaannis 8:39; Isaayaas 41:8) Sanyii Abrahaam akka taʼan beekamaa dha. Kanaaf, amantiin isaanii amantii Abrahaam isa michuu Waaqayyoo taʼee wajjin tokko akka taʼe isaanitti dhagaʼameera.

Deebiin Yesuus kenne garuu kan nama naasisu dha. “Isin ijoollee Abrahaam utuu taatanii, hojii Abrahaam hojjettu turtan” jedheen. Eeyyee, ilmi dhugaa fakkeenya abbaa isaa hordofa. Achiis Yesuus, “Amma garuu ana isa nama dhugaa Waaqayyo irraa dhagaʼe isinitti hime ajjeesuu barbaaddu. Abrahaam kana hin goone” isaaniin jedhe. Itti dabalees, “Isin hojii abbaa keessanii hojjechaa jirtu” jechuudhaan yaada dalga isaanitti taʼu dubbate.—Yohaannis 8:39-41.

Yesuus waaʼee eenyuu dubbachaa akka jiru amma iyyuu isaaniif hin galle. “Nuti halalummaadhaan hin dhalanne; nuti Abbaa tokko qabna, innis Waaqayyo dha” jechuudhaan seeraan kan dhalatan akka taʼan dubbatan. Maarree Waaqayyo dhuguma abbaa isaanii tii? Yesuus akkana isaaniin jedhe: “Ani bakka kana kanan dhufe isa biraa waan taʼeef, Waaqayyo utuu Abbaa keessan taʼee na jaallattu turtan. Isatu na erge malee, ani ofii kootiin kakaʼee hin dhufne.” Yesuus gaaffii gaafateef ofuma isaatiin deebii kenne. Akkana jedhe: “Wanta ani dubbachaa jiru maaliif hin hubattan? Dubbii koo fudhachuu waan hin dandeenyeefi.”—Yohaannis 8:41-43.

Isa mormuun miidhaa akkamii akka geessisu isaaniif ibsuu yaalee ture. Amma garuu ifatti akkana isaaniin jedhe: “Isin kan abbaa keessan kan Diyaabilosi, fedha abbaa keessaniis raawwachuu barbaaddu.” Abbaan isaanii kun kan akkamii ti? Yesuus, “Inni jalqabumaa kaasee kan nama ajjeesu ture; dhugaan isa keessa waan hin jirreefis dhugaatti jabaatee hin dhaabanne” jechuudhaan eenyummaa isaa ifatti dubbate. Itti fufees, “Inni Waaqayyo biraa taʼe, dubbii Waaqayyoo ni dhagaʼa. Isin garuu Waaqayyo biraa waan hin taaneef hin dhageessan” isaaniin jedhe.—Yohaannis 8:44, 47.

Isaan balaaleffachuun isaa waan isaan aarseef, “‘Ati nama Samaariyaa ti, jinniin si keessa jira’ jechuun keenya sirrii mitii?” jedhan. “Nama Samaariyaa” isaan jechuudhaan Yesuusiin akka tuffatan argisiisan. Taʼus Yesuus, “Jinniin na keessa hin jiru; garuu ani Abbaa kootiif ulfina nan kenna, isin garuu na salphistu” jechuudhaan arrabsoo isaaniitiif iddoo akka hin kennine argisiise. Abdii dinqisiisaan Yesuus itti aansee dubbate dhimmi kun dhimma cimaa akka taʼe argisiisa. “Namni dubbii koo eegu hundi matumaa hin duʼu” jedhe. Yesuus yeroo akkas jedhu, ergamoonni fi namoonni isa duukaa buʼan kaan matumaa hin duʼan jechuu isaa miti. Kanaa mannaa, ‘duuti inni lammaffaan,’ jechuunis badiisni bara baraa inni abdii duʼaa kaʼuu hin qabne isaan irra hin gaʼu jechuu isaa ti.—Yohaannis 8:48-51; Mulʼata 21:8.

Yihudoonni kun garuu yaada isaa kallattiidhaan waan hubataniif, akkana isaan jedhan: “Jinniin akka si keessa jiru amma beekneerra. Abrahaam duʼeera, raajonnis duʼaniiru; ati garuu, ‘Namni dubbii koo eegu kam iyyuu matumaa hin duʼu’ jetta. Ati abbaa keenya Abrahaam isa duʼe irra ni caaltaa? . . . Ani eenyu ofiin jetta?”—Yohaannis 8:52, 53.

Yesuus, Masiihicha akka taʼe dubbachaa akka jiru ifa dha. Taʼus, eenyummaa isaa ilaalchisee gaaffii isaan isa gaafataniif kallattiidhaan deebii kennuu mannaa akkana jedhe: “Ani yoon ulfina ofiif kenne, ulfinni koo gatii hin qabu. Inni ulfina anaaf kennu, Abbaa koo isa isin Waaqa keenya jettan sana dha. Taʼus isin isa hin beekne, ani garuu isa beeka. Ani isa hin beeku yoon jedhe, akkuma keessan sobduun taʼa.”—Yohaannis 8:54, 55.

Achiis Yesuus fakkeenya abbaa isaanii Abrahaam isa amanamaa taʼee dubbate. Akkana jedhe: “Abrahaam abbaan keessan guyyaa koo arguuf gammachuu guddaadhaan eeggachaa ture, guyyaa koo argees gammadeera.” Eeyyee, Abrahaam abdii Waaqayyo kenne amanee, dhufaatii Masiihichaa eeggachaa ture. Yihudoonni garuu, “Ati umuriin kee waggaa 50 illee hin guunne, akkamitti Abrahaamiin argeera jetta?” jechuudhaan dubbii isaa akka hin amanne ibsan. Yesuusis, “Dhuguma dhuguman isiniin jedha, Abrahaam dhalachuu isaa dura ani jiran ture” jedhee deebiseef. Yesuus waaʼee yeroo uumama hafuuraa taʼee samii keessa jiraachaa turee dubbachuu isaa ti.—Yohaannis 8:56-58.

Yihudoonni kun yaada Yesuus Abrahaam jiraachuu isaa dura akka ture dubbatetti aaranii dhagaadhaan isa rukutuuf kaʼan. Yesuus garuu isaan jalaa miliqe.