Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa

Kitaabni Qulqulluun dhugaawwan buʼuuraa kan qabate yeroo taʼu, ulaagaalee naamusaa jaalala Waaqayyoo keessa jiraachuuf nu gargaaran qabateera.

Xalayaa Qaama Ol Aanaa Irraa Ergame

Qaamni Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaa, namoonni Yihowaa jaallatan hundi dhugaa Dubbii isaa Kitaaba Qulqulluu keessatti argamuun akkamitti akka jiraatan akka baratan isaan jajjabeessa.

BOQONNAA 1

Jaalalli Waaqayyoo Bara Baraaf Jiraata

Michummaan Waaqayyoo wajjin qabnu cimaa taʼee akka itti fufu gochuun carraaqqii cimaa gaafata. Kana gochuu irratti milkaaʼina argachuu kan dandeenyu akkamitti?

BOQONNAA 2

Waaqayyo Duratti Qalbii Gaarii Qabaachuu

Waaqayyo jireenya keenya keessatti kallattii kam irra deemuu akka qabnu nu qajeelchuuf tokkoon tokkoon keenyaaf qalbii kenneera.

BOQONNAA 3

Michoota Waaqayyoon Jaallatan Filadhu

Michoonni keenya dhiibbaa gaarii ykn gaarii hin taane nu irratti gochuu dandaʼu. Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu michoota gaarii filachuuf nu gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?

BOQONNAA 4

Aangoo Kabajuu kan Qabnu Maaliifi?

Maatii keessatti, gumii keessattii fi hawaasa keessatti aangoo kabajuuf sababii gaʼaa qabna.

BOQONNAA 5

Addunyaa Irraa Adda Taʼuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

Yesuus barattoota isaatiin, ‘Isin kutaa addunyaa miti’ jedheera. ‘Addunyaan’ inni caqase maali dha? Kiristiyaanonni isa irraa adda taʼuu kan qaban maaliifi?

BOQONNAA 6

Bashannana Filachuu kan Dandeenyu Akkamitti?

Bashannanni addunyaa kanaa muduraa karaa tokkoon gaarii taʼee fi karaa tokko tortoree wajjin wal fakkaata. Isa gaarii filachuu fi isa gadhee irraa fagaachuuf maaltu si gargaara?

BOQONNAA 7

Akkuma Waaqayyoo Jireenyaaf Bakka Guddaa ni Kennitaa?

Jireenyaa fi dhiiga ilaalchisee murtoo gaarii gochuuf dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu kamfaatu nu gargaara?

BOQONNAA 8

Yihowaan Sabni Isaa Qulqulluu Akka Taʼan Barbaada

Ulaagaan Waaqayyo qulqullinaaf baase qaama, uffataa fi mana keenya caalaa waan dabalatu qaba. Waaqeffannaa keenya, amala keenyaa fi yaada keenya irratti dhiibbaa godhu.

BOQONNAA 9

“Halalummaa Irraa Baqadhaa!”

Halalummaan maali dha? Irraa baqachuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

BOQONNAA 10

Gaaʼelli Kennaa Waaqayyo Biraa Argame Dha

Faayidaawwan gaaʼelli argamsiisu tokko tokko kamfaʼi? Hiriyaa gaaʼelaa gaarii filachuu kan dandeessu akkamitti? Gaaʼelli akka itti fufu maaltu gargaaruu dandaʼa?

BOQONNAA 11

Guyyaa Cidhaa Booda

Gaaʼelli hundi wanta gaariis taʼe gaarii hin taane qaba. Taʼus hiriyoonni gaaʼelaa rakkina cimaa qaban illee gaaʼelli isaanii cimaa akka taʼu gochuu ni dandaʼu.

BOQONNAA 12

“Dubbii Gaarii Ijaaruuf Gargaaru” Dubbadhaa

Dubbiin wanta gaarii hedduu raawwachuu dandaʼa, garuu miidhaa guddaa geessisuus ni dandaʼa. Yihowaan kennaa kana akkamitti akka gaariitti akka itti fayyadamnu nu barsiisa.

BOQONNAA 13

Ayyaanonni Hundi Waaqayyoon ni Gammachiisuu?

Ayyaanonni jireenya namootaa keessatti iddoo guddaa qabu. Waaʼee isaanii Yihowaan maal akka itti dhagaʼamu hubachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

BOQONNAA 14

Waan Hundumaa Irratti Amanamaa Taʼi

Kallattiiwwan jireenyaa amanamaa taʼuun rakkisaa taʼuu itti dandaʼu afurii fi faayidaa haala rakkisaa kana moʼuun argamsiisu ilaali.

BOQONNAA 15

Hojii Keetti Gammadi

Uumaan keenya wanta hojjennuuf miirri gaariin akka nutti dhagaʼamu barbaada. Maarree, hojii keenyatti caalaatti gammaduuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Hojiin Kiristiyaanonni hojjechuu hin qabne jiraa?

BOQONNAA 16

Diyaabilosiin Mormi

Addunyaa Seexanni toʼatu keessa jiraanna. Waaqayyotti dhihaannee jiraachuu fi diina isaa irraa of eeguu kan dandeenyu akkamitti?

BOQONNAA 17

Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhu

Barreessaan Kitaaba Qulqulluu tokko, “Amantii keessan isa hundumaa caalaa qulqulluu taʼe irratti of ijaaraa” jedhee Kiristiyaanota jajjabeesseera. Kana gochuu kan dandeessu akkamitti?

Ibsa Dabalataa

Hiika jechootaa fi gaaleewwan kitaaba Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa jedhu keessa jiranii.