Wa⁠a⁠ʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa B⁠a⁠ʼuu’

Kitaabni kun gumiin kiristiyaanaa jaarraa jalqabaa akkamitti akka hundeeffamee fi isa ha⁠⁠r⁠ʼaa wajjin kan wal fakkaatu akkamitti akka t⁠a⁠ʼe ibsa.

Kaartaawwan

Kaartaawwan iddoo yeroo harʼaatti yeroo baayʼee Biyya Qulqulluu jedhamuu fi kallattiiwwan Phaawulos irra deemee hojii misiyoonummaa isaa raawwate argisiisan.

Xalayaa Qaama Olaanaarraa Ergame

Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘guutummaatti dhugaa baʼuu’ kee yoo itti fufte gargaarsa Waaqayyoo akka qabaattu amanannaa qabaachuu kan dandeessu maaliifi?

BOQONNAA 1

‘Dhaqaatii Barattoota Godhaa’

Yesuus ergaan Mootummichaa saboota hundumaaf akka lallabamu raajii dubbateera. Raajiin kun akkamitti raawwatamaa jira?

BOQONNAA 2

“Dhugaa Baatota Koo ni Taatu”

Yesuus hojii lallabaa akka babalʼisaniif ergamootasaa kan qopheesse akkamitti?

BOQONNAA 3

“Hafuura Qulqulluudhaan Guutaman”

Hundeeffamuu gumii Kiristiyaanaa keessatti gaʼeen hafuura qulqulluu maal ture?

BOQONNAA 4

“Namoota hin Barannee fi Iddoo Guddaa hin Qabne”

Ergamoonni ija jabinaan tarkaanfii fudhatan, Yihowaanis isaan eebbiseera.

BOQONNAA 5

“Waaqayyoof Akka Bulchaa Keenyaatti Ajajamuu Qabna”

Ergamoonni tarkaanfii Kiristiyaanota hundaaf fakkeenya taʼu fudhataniiru.

BOQONNAA 6

Isxifaanos​—⁠“Gaarummaa Waaqayyoo fi Humna Isaatiin Guutame”

Isxifanos mana murtii olaanaa Yihudootaa duratti ija jabinaan dhugaa b⁠a⁠ʼuunsaa maal nu barsiisa?

BOQONNAA 7

“Misiraachoo Wa⁠a⁠ʼee Yesuus Ibsu” Labsuu

Filiphoos wangeela lallabuurratti fakkeenyaa gaarii nuuf t⁠a⁠ʼa.

BOQONNAA 8

Gumichi “Nagaa Guddaa Argate”

Saaʼol inni gara jabinaan ariʼachaa ture tajaajilaa hinaaffaa qabu taʼe.

BOQONNAA 9

‘Waaqayyo hin Loogu’

Kiristiyaanonni saboota hundaaf lallabuu jalqaban.

BOQONNAA 10

‘Dubbiin Yihowaa Guddachaa Deeme’

Pheexiros mana hidhaatii baafame, ariʼatamni misiraachichi akka hin babalʼanne gochuu hin dandeenye.

BOQONNAA 11

‘Gammachuu fi Hafuura Qulqulluudhaan Guutaman’

Phaawulos mormii fi dantaa dhabummaa namootaa dandamachuu irratti fakkeenya gaarii taʼeera.

BOQONNAA 12

‘Aangoo Yihowaa Biraa Argataniin Ija Jabinaan Dubbatan’

Phaawulosii fi Barnaabaas, gad of qabuu, obsaa fi ija jabina argisiisaniiru.

BOQONNAA 13

“Mormii . . . Guddaa Erga Godhanii Booda”

Dhimmi dhaqna qabaa qaama olaanaa duratti dhihaate.

BOQONNAA 14

“Sagalee Tokkoon Murteessine”

Qaamni olaanaan dhimmaa dhaqna qabaa ilaalchisee murtoo tokkorra kan gaʼe akkamitti akka taʼee fi murtoon kun gumiin tokkummaa akka qabaatu kan godhe akkamitti akka taʼe baradhu.

BOQONNAA 15

‘Gumiiwwan Jajjabeessuu’

Daawwattoonni olaanoo gumiiwwan amantiitti akka ciman gargaaru.

BOQONNAA 16

“Gara Maqedooniyaatti Ceʼi”

Itti gaafatamummaa fudhachuu fi ariʼatama gammachuudhaan dandamachuun eebba argamsiisa.

BOQONNAA 17

“Kitaabota Qulqulluu Irraa Dubbisee Isaanii Wajjin Mariʼate”

Phaawulos Yihudoota Tasalonqee fi Beeriyaaf guutummaatti dhugaa baʼeera.

BOQONNAA 18

“Cimsaa Waaqayyoon Barbaadaatii . . . Argadhaa”

Phaawulos yaada dhaggeeffattoota isaa wajjin irratti walii galu filachuun isaa carraa akkamii isaaf bane?

BOQONNAA 19

“Dubbachuu Kee Itti Fufi Malee Calluma hin Jedhin”

Tajaajila Phaawulos Qorontositti raawwaterraa barumsa waaʼee Mootummaa Waaqayyoo guutummaatti dhugaa baʼuuf nu gargaaru akkamii arganna?

BOQONNAA 20

Mormiin Jiraatus “Caalaatti Babalʼachaa fi Moʼaa Deeme”

Apholosii fi Phaawulos misiraachichi akka babalʼatuuf gumaacha kan godhan akkamitti akka taʼe baradhu.

BOQONNAA 21

‘Ani Dhiiga Nama Hundumaa Irraa Qulqulluudha’

Phaawulos tajaajilarratti hinaaffa qaba, jaarsoliifis gorsa kenneera.

BOQONNAA 22

“Fedhiin Yihowaa haa raawwatamu”

Phaawulos fedhii Waaqayyoo raawwachuuf waan kutatee tureef gara Yerusaalem deeme.

BOQONNAA 23

“Falmii Ani . . . Dhiheeffadhu Dhaggeeffadhaa”

Phaawulos namoota jeequmsa uumanii fi Saanhediriin dura dhaabbatee falmate.

BOQONNAA 24

“Jabaadhu!”

Phaawulos daba lubbuu isaa balleessuuf qopheeffamerraa oolee Feeliksi duratti falmachuu dandaʼeera.

BOQONNAA 25

“Ani Qeesaaritti Ol Iyyadheera!”

Phaawulos misiraachichaaf falmuurratti fakkeenya nuuf taʼeera.

BOQONNAA 26

“Isin Keessaa Namni Tokko Illee hin Badu”

Phaawulos dooniin inni ittiin deemaa ture yeroo caccabetti, amantii akka qabuu fi namoota akka jaallatu argisiiseera.

BOQONNAA 27

‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’

Phaawulos Roomaa keessatti kan hidhame taʼus, lallabuu isaa itti fufeera.

BOQONNAA 28

“Hanga Andaara Lafaatti”

Dhugaa Baatonni Yihowaa hojii barattoota gochuu isa jaarraa jalqabaatti eegalame itti fufaniiru.

Baafata Fakkii

Fakkiiwwan kitaaba kana keessatti argaman tokko tokko.