Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 23

Barreeffamoonni Keenya Kan Qophaaʼaniifi Kan Hiikaman Akkamitti?

Barreeffamoonni Keenya Kan Qophaaʼaniifi Kan Hiikaman Akkamitti?

Kutaa Barreeffamoota Qopheessu, Yu.Essi.Ee.

Kooriyaa Kibbaa

Armeeniyaa

Buruundii

Sirii Laankaa

“Saba hundumaa, gosa hundumaa, afaan dubbatamu hundumaafi nama hundumaatti” hamma nuu dandaʼame misiraachoo labsuudhaaf gara afaan 750 oliin barreeffamoota qopheessina. (Mulʼata 14:6) Hojii ulfaataa taʼe kana kan hojjennu akkamitti? Kana kan hojjennu gargaarsa namoota kutaa barreeffamaa addunyaa maraa taʼaniin, akkasumas namoota amanamoo hojii hiikaa hojjetaniin yommuu taʼu, hundisaanii Dhugaa Baatota Yihowaadha.

Barreeffamni hiikamu tokko jalqaba afaan Ingiliffaatiin qophaaʼa. Kutaan Barreeffama Qopheessu waajjira muummee kan jiru siʼa taʼu, Qaamni Olaanaan hojicha olaantummaadhaan toʼata. Kutaan kun obboloota waajjira muummee ykn waajjira damee tokko tokko keessa taʼuudhaan barreeffamoota qopheessaniif qajeelfama kenna. Kutaa kana keessatti obboloota biyyoota addaddaa keessatti hojjetan qabaachuun keenya, barreeffamoota garaa namoota aadaa garaagaraa qabanii tuquu dandaʼan qopheessuuf kan nu dandeessise taʼuusaarrayyuu, barreeffamoonni keenya miira namoota hundumaa akka hawwatan godheera.

Barreeffamni qophaaʼe obboloota afaan addaddaatti hiikaniif ergama. Barreeffamni qophaaʼe ilaalamee erga mirkaneeffamee booda, faayilli elektroonikiisaa tuuta hiikaa addunyaa maratti argamuufi barreeffamicha hiiku, isa hiikame ilaaluufi dubbisee dogoggora sirreessuuf ergama. Hundumtisaanii “dubbii dhugaa” afaan Ingiliffaatiin jiru afaansaaniitti sirriitti dabarsuuf carraaqqii godhu.—Lallaba 12:10.

Kompiitarri hojichi saffisaan akka hojjetamu godha. Kompiitarri qopheessitootaafi namoota isa barreeffame hiikan bakka buʼuu hin dandaʼu. Haataʼu malee, kompiitara galmee jechootaafi wantoota qorannoof gargaaran qabutti fayyadamuunsaanii hojiisaanii saffisiisuu dandaʼa. Dhugaa Baatonni Yihowaa, meeshaa Maltiilaanguweej Elektirooniik Paabliishiing Siistem (MEPS) jedhamuufi barreeffamoota fakkii babbareedoo qaban, akkasumas afaan dhibba baayʼeetti lakkaaʼaman maxxansuuf gargaaru qopheessuu dandaʼaniiru.

Barreeffamoota kana afaan hundumaatti, keessumaammoo afaan namoota kuma muraasa qofaan dubbatamutti hiikuuf carraaqqii hedduu kan goonu maaliifi? Yihowaan ‘namni hundi akka fayyuufi dhugaa beekuu bira akka gaʼu waan fedhuufidha.’—1 Ximotewos 2:3, 4.

  • Barreeffamoonni keenya kan qophaaʼan akkamitti?

  • Barreeffamoota keenya afaan baayʼeetti kan hiiknu maaliifi?