Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA 9

Masiihicha Isa Geggeessaa Taʼe Irraa Barachuu

Masiihicha Isa Geggeessaa Taʼe Irraa Barachuu

WAAQAYYO, Masiihicha geggeessaa namoota hundumaa godhee akka muudu dursee dubbateera. Waaqayyo geggeessaan akkamii akka nu barbaachisu kan beeku yeroo taʼu, Geggeessaa hunda caalus filateera. Masiihichi geggeessaa akkamii taʼuu isaa argisiiseera? Geggeessaa waraanaa cimaa? Nama gama siyaasaatiin dandeettii qabuu? Moo falaasaa ogeessa taʼe? Kitaabni Qulqulluun akka jedhutti Masiihichi raajii addaa ture; raajiin kunis Yesuus Kiristoosi.—Maatewos 23:10.

Waaqayyo Yesuus cubbuu irraa bilisa akka taʼuu fi qulqulluu taʼee akka dhalatu godheera. Kana malees, Yesuus carraaqqii Seexanni isa dogoggorsuuf godhe hunda mormeera. Yesuus dubbii isaatiinis taʼe gocha isaatiin humna isaa akkuma Waaqayyoo karaa sirrii taʼeen itti fayyadameera, akkasumas haqa, ogummaa fi jaalala Waaqayyoo calaqqisiiseera. Mee fakkeenya Yesuus irraa wanta barachuu dandeenyu haa ilaallu.

Yesuus arjummaadhaan namoota gargaareera

Humna Waaqayyo isaaf kenne namoota gargaaruuf itti fayyadameera. Yesuus namootaaf garaadhaa ni yaada ture; humna isaatti fayyadamees arjummaadhaan wanta isaan barbaachisu isaaniif godheera. “Namoonni kun . . . wanta nyaatan waan hin qabneef ani isaaniif nan gadda” jedheera. (Maarqos 8:2) Achiis namoota yeroo inni barsiisu isa dhagaʼuu dhufan hedduu dinqiidhaan nyaachiseera.

Yesuus bakka garaa garaa deemee barsiisaa, akkasumas “dhukkuba gosa hundumaa fi dhibee gosa hundumaa namoonni sun qaban fayyisaa” ture. (Maatewos 4:23) Kanaan kan kaʼes, namoonni hedduun isa duukaa ni buʼan; “Humni isa keessaa baʼee hunda isaanii fayyisaa waan tureef, namoonni sun hundi isa tuquu barbaadu turan.” (Luqaas 6:19) Dhuguma iyyuu Yesuus, “kan dhufe warra kaan tajaajiluu fi lubbuu isaa bakka namoota hedduu furii godhee kennuufi malee, akka isa tajaajilaniif miti.” (Maatewos 20:28) a Namoota geggeessitoota taʼan keessaa akkasitti fedhii ofii aarsaa kan godhan namoota hammamiiti?

Yesuus ijoollee ni jaallata ture

Yesuus haqa Waaqayyoo calaqqisiiseera. Yesuus wantoota seera Waaqayyoo irratti barreeffamanii fi seerawwan buʼuuraa isaanii sirriitti hordofeera. Akkuma Kitaabni Qulqulluun dursee ibsetti, “Yaa Waaqa koo, fedhii kee raawwachuun na gammachiisa. Seerri kees garaa koo keessa jira” jechuudhaan gocha isaatiin ilaalcha akka Daawit akka qabu argisiiseera. (Faarfannaa 40:8) Yesuus akkuma Waaqayyoo sooressa, hiyyeessa, dhiira, dubartii, ijoollee fi gaʼeessa osoo hin jedhin namoota hundumaa kabajaa fi ulfinaan akkasumas karaa loogii irraa bilisa taʼeen qabeera. Yeroo tokko barattoonni Yesuus warra ijoollee isaanii gara Yesuusitti fidan ifatanii turan. Yesuus garuu, “Mootummaan Waaqayyoo warra akkanaatiif waan taʼeef, ijoollee xixinnoon gara koo haa dhufan, isaan dhowwuuf hin yaalinaa” jedhe.—Maarqos 10:14.

Waaqayyo biraa ogummaa akka argate argisiiseera. Yesuus namoota sirriitti hubata ture. ‘Wanta nama keessa jiru beeka ture.’ (Yohaannis 2:25) Yeroo diinonni Yesuus akka isa qabaniif namoota isatti ergan, namoonni ergaman sun, “Eenyu iyyuu akka nama kanaatti matumaa dubbatee hin beeku” jedhan. Yesuus ogummaa kana eessaa argate? Yesuus, “Wanti ani barsiisu, kan isa na erge sanaa ti malee kan koo miti” jedheera.—Yohaannis 7:16, 46.

Yesuus gara laafinaan kakaʼee warra dhukkubsatan fayyiseera

Jaalala Waaqayyoo Calaqqisiiseera. Yesuus namootaafis garaa ni laafa ture. Namichi “guutummaan qaama isaa dhukkuba nadaayii qabu” tokko “Yaa Gooftaa, yoo fedhii kee taʼe na fayyisuu dandeessa” jedhee Yesuusiin kadhate. Yeroo kanatti Yesuus isaaf gaddee, “harka isaa diriirsee isa qaqqabee, ‘Nan fedha! Fayyi!’ isaan jedhe. Yeruma sanas dhukkubni nadaayii sun isa irraa bade.” (Luqaas 5:12, 13; Maarqos 1:41, 42) Yesuus namicha rakkate sana dhiphina isaa irraa isa furuu barbaadee ture.

Yesuus waaʼee kee hoo ni yaadaa? Innumti iyyuu, “Isin warri dadhabdanii fi baʼaan isinitti ulfaate hundi gara koo kottaa, ani boqonnaa isiniif nan kenna. Waanjoo koo baadhaa, ana irraas baradhaa; sababiin isaas, ani garraamii fi kanan gad of qabu dha; ofii keessaniifis boqonnaa ni argattu” jechuudhaan deebii kenneera.—Maatewos 11:28, 29.

Yesuus Geggeessaa gaarii hunda caalu dha. Kanaan kan kaʼes, ‘ana irraa baradhaa’ jechuudhaan nu jajjabeesseera. Afeerraa nama gammachiisu kana ni fudhattaa? Afeerraa kana fudhachuun kee jireenya gammachiisaa siif argamsiisa.

a Aarsaa furii Yesuus ilaalchisee ibsa dabalataa argachuuf kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamurraa barumsa 27ffaa ilaali.