Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFANNOO | RAAKEL HAAL

Dubartiin Yihudii Takka Sababii Itti Amantii Ishii Irra Deebitee Qorte Ibsiteetti

Dubartiin Yihudii Takka Sababii Itti Amantii Ishii Irra Deebitee Qorte Ibsiteetti

Raakel Haal haadha Yihudii lammii Israaʼel taatee fi abbaa lammii Awustiraaliyaa amantii Yihudiitti jijjiirame irraa dhalatte. Warri haadha ishii Xiyoonota bara 1948tti yeroo Israaʼel biyya bilisoomte taatetti gara Israaʼel godaanan turan. Barruun Dammaqaa! wanti amantii Yihudii caalaatti akka qortu ishii kakaase maal akka taʼe Raakeliin gaafateera.

Mee waaʼee akkaataa guddinaa kee nutti himi.

Bara 1979 Yunaayitid Isteetis keessattan dhaladhe. Umuriin koo waggaa sadii yommuu taʼu warri koo wal hiikan. Haati tiyya aadaa Yihudootaatiin na guddiste; akkasumas yeshiivaas ykn mana barumsaa Yihudootaa na galchite. Yeroo umuriin koo torba taʼu immoo gara Israaʼel deemnee waggaa tokkoof achi turre; anis mana barumsaa waldaa hojii gamtaa keessatti argamuu fi kiibuutiz jedhamu keessatti barachuun jalqabe. Achiis anii fi haati tiyya gara Meeksikoo deemne.

Naannoo keenya manni sagadaa jiraachuu baatus barsiifata Yihudii hordofuu koo ittan fufe. Guyyaa Sanbataa dungoo nan ibsa, Tooraa nan dubbisa, akkasumas siidaar ykn kitaaba kadhannaatti fayyadameen kadhannaa dhiheessa. Mana barumsaatti yeroo baayʼee ijoollee daree kootti amantiin koo amantii jalqabaa akka taʼen isaanitti hima ture. Kitaaba barsiifataan Kakuu Haaraa jedhamuu fi tajaajilaa fi barumsawwan Yesuus Kiristoos irratti xiyyeeffatu matumaa dubbisee hin beeku. Inumaa iyyuu haati tiyya barumsa isaatiin akkan hin faalamne waan sodaattuuf kitaabicha akkan hin dubbisne na akeekkachiistee turte.

Maarree Kakuu Haaraa dubbisuuf kan murteessite maaliifi?

Umuriin koo waggaa 17 yommuu taʼu barumsa koo xumuruuf gara Yunaayitid Isteetisittin deebiʼe. Achittis namnin ani beekuu fi Kiristiyaana akka taʼe dubbatu tokko Yesuus malee jireenyi koo guutuu akka hin taane natti hime.

Anis “Namoonni Yesuusitti amanan gowwoomfamaniiru” jedheen deebiseef.

Innis “Kakuu Haaraa dubbistee beektaa?” jedhee na gaafate.

“Lakki” jedheen deebiseef.

Innis “Wanta hin beekne irratti yaada kennuun wallaalummaa sitti hin taʼuu ree?” naan jedhe.

Yeroo hunda wanta hin beekne tokko irratti akkasumaan yaada kennuun gowwummaa akka taʼetti waanan ilaaluuf wanti inni dubbate baayʼee na tuqe. Sirreeffama isaa fudhachuudhaan Kitaaba Qulqulluu isaa ergifadheen Kakuu Haaraa dubbisuu jalqabe.

Wanti dubbiste dhiibbaa akkamii si irratti godhe?

Namoonni Kakuu Haaraa barreessan Yihudoota akka taʼan yommuun beeku baayʼeen dinqisiifame. Caalaatti dubbisuu koo yommuun itti fufu Yesuus Yihudii garraamii, kan gad of qabuu fi namoota saamuu utuu hin taʼin gargaaruu barbaadu taʼuu isaan hubadhe. Kitaabota waaʼee isaa ibsan ergifachuuf gara mana kitaabaa deemeen ture. Kitaabonni sun hundi garuu Yesuus Masiihicha taʼuu isaa na hin amansiisne. Kitaabota sana keessaa tokko tokko Waaqa akka taʼe kan ibsan turan; kun immoo yaada naaf liqimfamu hin turre. Yesuus kadhannaa dhiheessaa kan ture eenyutti? Ofii isaattii? Kana malees Yesuus duʼeera. Taʼus Kitaabni Qulqulluun Waaqayyoon ilaalchisee, “Ati hin duutu” jedha. *

Gaaffiiwwan kanneeniif deebii kan argatte akkamitti?

Dhugaan wal hin faallessu; kanaafuu dhugaa argachuufan murteesse. Yeroo jalqabaatiif siidaaritti utuu hin fayyadamin garaadhaa imimmaan koo dhangalaasaan Waaqayyo kadhadhe. Kadhannaa koo akkuman xumureen balballi koo ni rurrukutame. Dhugaa Baatota Yihowaa lama turan. Isaanis barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf gargaaran keessaa tokko naa kennan. Barreeffamni kunii fi mariin walitti aansuudhaan Dhugaa Baatota kanaa wajjin godhe amantiin isaanii Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe taʼuu isaa na amansiiseera. Fakkeenyaaf, Dhugaa Baatonni Yihowaa Yesuus kutaa Sillaasee utuu hin taʼin, “Ilma Waaqayyoo” * akka taʼee fi “uumama Waaqayyoo keessaa isa jalqabaa” * akka taʼe amanu.

Sana booda utuma baayʼee hin turin gara Meeksikootti deebiʼeen Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin raajiiwwan waaʼee Masiihichaa dubbataman qoʼachuu koo itti fufe. Raajiiwwan hedduun akka jiran beekuun koo baayʼee na dinqisiise. Taʼus, shakkiin koo guutummaatti na keessaa hin banne. ‘Raajiiwwan kun Yesuus qofa irratti raawwatamanii? Nama Masiihicha fakkaatee jiraachuuf yaale yoo taʼe hoo?’ jedheen yaada ture.

Maaltu si amansiise ree?

Dhugaa Baatonni Yihowaa raajiiwwan namni kam iyyuu fakkeessee raawwachuu hin dandeenye natti argisiisan. Fakkeenyaaf, Miikiyaas raajichi Masiihichi Beetaliheem ishii Yihudaa * keessatti argamtutti akka dhalatu waggoota 700 ol dursee dubbateera. Namni bakka itti dhalatu murteessuu dandaʼu jiraa? Isaayyaas Masiihichi akka yakkamaatti lakkaaʼamee akka ajjeefamu, taʼus warra sooreyyii wajjin * akka awwaalamu barreesseera. Raajiiwwan kun hundi Yesuus irratti raawwatamaniiru.

Ragaan inni dhumaa hidda dhalootaa Yesuus kan dabalatu dha. Kitaabni Qulqulluun Masiihichi sanyii Daawit Mootichaa * akka taʼu dubbateera. Yihudoonni durii hidda dhalootaa uummataa fi dhuunfaa waan galmeessaniif Yesuus maatii Daawit keessaa utuu dhufuu baatee diinonni isaa ifatti isa saaxilu turan. Haa taʼu malee, Yesuus sanyii Daawit taʼuun isaa kan hin haalamne waan taʼeef akkas gochuu hin dandeenye. Namoonni iyyuu “Ilma Daawit” * jedhanii isa waamu turan.

Dhaloota Kiristoos Booda bara 70⁠tti, jechuunis Yesuus erga duʼee waggaa 37 booda loltoonni Roomaa Yerusaalemiin yeroo balleessanitti galmeen hidda dhalootaa badeera ykn balleeffameera. Kanaafuu galmee hidda dhalootaatti fayyadamanii Masiihicha beekuuf, Masiihichi Dh.K.B. bara 70 dura mulʼachuu qaba.

Kana beekuun kee maal gochuuf si kakaase?

Keessa Deebii 18:18, 19 irratti Waaqayyo Israaʼel keessatti raajii akka Musee akka kaasu dursee dubbateera. Waaqayyo, “Nama dubbii koo isa inni maqaa kootiin dubbatu hin dhageenye [kam iyyuu] nan adaba” jedheera. Guutummaa Kitaaba Qulqulluu gadi fageenyaan qoʼachuun koo Yesuus inni nama Naazireet taʼe raajii sana akka taʼe na amansiiseera.