Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kun Hubannoo Dogoggoraa Taʼe Xinnoo Qofa Dhaa?

Kun Hubannoo Dogoggoraa Taʼe Xinnoo Qofa Dhaa?

Intalli xinnoon tokko aarri warshaa keessaa karaa ujummoo aaraatiin utuu baʼuu fi babalʼatee akka duumessa guddaa utuu taʼuu argite. Intalli kun kaayyoon warshaa kanaa duumessa oomishuu akka taʼe gootee yaadde. Dogoggorri mucaa xinnoo tokko irratti mulʼatu akkanaa kan nama kofalchiisu taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, wanta iddoo guddaa qabu tokko dogoggoraan hubachuun jireenya keenya irratti dhiibbaa geessisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, qajeelfama miʼa qorichaa irratti barreeffame tokko karaa dogoggora taʼeen dubbisuun miidhaa guddaa geessisuu dandaʼa.

Wantoota hafuuraa dogoggoraan hubachuun immoo kana caalaa miidhaa guddaa geessisa. Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko barumsawwan Yesuus karaa dogoggora taʼeen hubatanii turan. (Yohaannis 6:48-68) Namoonni kun caalaatti barachuu mannaa, wanta Yesuus barsiise hundumaa fudhachuu didaniiru. Kun miidhaa guddaa dha!

Qajeelfama argachuuf Kitaaba Qulqulluu ni dubbistaa? Kana gochuun wanta dinqisiifamu dha. Haa taʼu malee, wanta dubbiste tokko dogoggoraan hubachuun kee miidhaa qabaachuu dandaʼaa? Wanti akkanaa namoota hedduu irra gaʼeera. Yaadawwan yeroo baayʼee dogoggoraan hubataman sadii ilaali.

  •  Namoonni tokko tokko ajaja Kitaaba Qulqulluu, “Waaqayyoon sodaadhu” jedhu karaa dogoggora taʼeen hubatu. Yaanni kun Waaqayyoon sodaatanii romʼuu kan argisiisu akka taʼe godhanii yaadu. (Lallaba 12:13) Haa taʼu malee, Waaqayyo namoonni isa waaqeffatan waaʼee isaa akkana akka isaanitti dhagaʼamu hin barbaadu. Waaqayyo, “Egaa ani sii wajjin waanan jiruuf hin sodaatin! Ani Waaqayyo kee ti hin naʼin! Ani sin jabeessa, ani sin gargaaras” jedheera. (Isaayaas 41:10) Waaqayyoon sodaachuu jechuun, isa dinqisiifachuu fi ulfina guddaa isaaf qabaachuu jechuu dha.

  • Lafti ibiddaan ni gubattii?

     Namoonni tokko tokko, yaada geggeessaa hafuuraatiin barreeffamee fi “Wanti hundinuu yeroo qaba, . . . dhalachuun yeroo qaba; duʼuunis yeroo qaba” jedhu dogoggoraan hubatu. Waaqayyo namni kam iyyuu yeroo itti duʼu dursee akka murteesse yaadu. (Lallaba 3:1, 2) Haa taʼu malee, himni kun duuni hiree hunda keenyaa taʼuu isaa kan argisiisu utuu hin taʼin, waaʼee marsaa jireenyaa kan ibsu dha. Kana malees, Dubbiin Waaqayyoo murtoon nuti goonu umurii keenya irratti dhiibbaa geessisuu akka dandaʼu ni barsiisa. Fakkeenyaaf yaada, “Waaqayyoon sodaachuun bara jireenyaa in dheeressa” jedhu ni dubbisna. (Fakkeenya 10:27; Faarfannaa 90:10; Isaayaas 55:3) Akkamitti? Fakkeenyaaf, Dubbii Waaqayyoo kabajuun gochawwan dogoggoraa kan akka machii fi ejjaa jiran irraa fagaachuuf nu kakaasa.—1 Qorontos 6:9, 10.

  •  Namoonni tokko tokko yaada Kitaaba Qulqulluu isa samiinii fi lafti “ibiddaaf kaaʼamanii” akka jiran dubbatu kallattiidhaan fudhachuudhaan Waaqayyo lafa kana akka balleessu yaadu. (2 Phexros 3:7) Haa taʼu malee, Waaqayyo lafa kana matumaa akka hin balleessine waadaa galeera. Waaqayyo, ‘lafa hundee isaa irra dhaabe, innis yeroo hundumaa baruma baraan iddoo isaatii hin butatu.’ (Faarfannaa 104:5; Isaayaas 45:18) Akkuma waan ibiddaan balleeffametti bara baraaf kan badu lafa utuu hin taʼin, sirna mancaʼaa kana dha. Samii jechuun kallattiidhaan samii, hawaa urjiidhaan guutame ykn bakka Waaqayyo jiraatu argisiisuu dandaʼa. Isaan kana keessaa tokkon isaanii illee hin balleeffaman.

KITAABNI QULQULLUUN YEROO TOKKO TOKKO DOGOGGORAAN KAN HUBATAMU MAALIIFI?

Akkuma fakkeenyota kana irraa ilaaltetti, yeroo baayʼee namoonni yaada Kitaaba Qulqulluu irraa dubbisan dogoggoraan hubatu. Waaqayyo kun akka taʼu kan heyyamu maaliifi? Namoonni tokko tokko, ‘Waaqayyo hunda caalaa ogeessaa fi waan hunda kan beeku erga taʼee, kitaaba karaa ifa taʼeen barreeffamee fi namni hundi salphaatti hubatu nuu kennuu dandaʼa ture. Garuu akkana kan hin goone maaliifi?’ jedhanii yaadu. Sababii yeroo baayʼee Kitaabni Qulqulluun dogoggoraan itti hubatamu sadii ilaali.

  1. Kitaabni Qulqulluun namoonni gad of qabanii fi barachuuf fedhii qaban akka hubatan yaadamee qophaaʼe. Yesuus Abbaa isaatiin, “Gooftaa samii fi lafaa kan taate yaa Abbaa, wantoota kana ogeeyyii fi beektota jalaa dhoksitee daaʼimmanitti waan mulʼifteef uummata duratti sin jajadha” jedhee ture. (Luqaas 10:21) Kitaabni Qulqulluun namoonni ilaalcha sirrii qaban qofti ergaa isaa hubachuu akka dandaʼan godhamee barreeffame. Namoonni of tuulan, jechuunis “ogeeyyii fi beektota” akka taʼanitti beekaman Kitaaba Qulqulluu dogoggoraan hubatu. Haa taʼu malee, namoonni amala akka ‘daaʼimmanii’ qabaachuudhaan, jechuunis gad of qabuu fi barachuuf fedhii qabaachuudhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisan ergaa Waaqayyoo sirriitti hubatu. Dhuguma iyyuu Waaqayyo Kitaaba Qulqulluu ogummaa guddaadhaan qopheesse!

  2. Kitaabni Qulqulluun namoota hubachuuf garaa qulqulluudhaan gargaarsa Waaqayyoo barbaadaniif qophaaʼe. Yesuus namoonni wanta inni barsiisu guutummaatti hubachuuf gargaarsi akka isaan barbaachisu ibsee ture. Maarree gargaarsa kana kan argatan akkamitti? Yesuus, “Gargaaraan, jechuunis hafuurri qulqulluun inni Abbaan maqaa kootiin ergu sun garuu wanta hunda isin barsiisa” jechuudhaan ibseera. (Yohaannis 14:26) Kanaafuu, Waaqayyo namoonni wanta Kitaaba Qulqulluu irraa dubbisan akka hubatan gargaaruuf hafuura qulqulluu, jechuunis humna isaa isa guddaa isa hojii irra jiru isaaniif ni kenna. Haa taʼu malee, Waaqayyo warra akka inni isaan gargaaru isatti hin amanamneef hafuura isaa hin kennu; kanaafuu, yeroo baayʼee Kitaaba Qulqulluu hubachuun ulfaataa isaanitti taʼa. Kana malees hafuurri qulqulluun, Kiristiyaanonni beekumsa guddaa qaban namoota hubannaa dabalataa argachuu barbaadan akka gargaaran isaan kakaasa.—Hojii Ergamootaa 8:26-35.

  3. Kutaawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko hubatamuu kan dandaʼan yeroo sirrii taʼe qofatti dha. Fakkeenyaaf, Daaniʼel raajichi ergaa waaʼee gara fuulduraa ibsu tokko barreessee akka kaaʼu isatti himamee ture. Maleekaan tokko, “Daaniʼel, hamma bara isa dhumaa sanatti dubbicha cufii, macaafichattis mallattoo godhii kaaʼi!” isaan jedhee ture. Namoonni hedduun jaarraa hedduudhaaf kutaa Kitaaba Qulqulluu Daaniʼel kan dubbisan taʼus ergaa isaa hubachuu hin dandeenye. Daaniʼel iyyuu wantoota barreesse tokko tokko hin hubanne ture. Daaniʼel gad of qabuudhaan, “Ani kana nan dhagaʼe, garuu hin hubanne” jedheera. Dhuma irratti raajii Waaqayyoo isa Daaniʼel barreesse namoonni sirriitti kan hubatan taʼus, kun kan taʼu garuu seenaa keessatti yeroo Waaqayyo filatetti dha. Maleekaan kun, “Dubbichi hamma bara isa dhumaa sanatti cufamee waan mallatteeffameef, ati karaa kee dhaqi, yaa Daaniʼel!” jechuudhaan dubbatee ture. Ergaa Waaqayyoo kan hubatu eenyu ree? “Warra jalʼoota keessaa tokko illee kana hin hubatu; warri ogeeyyiin garuu hubachuuf jiru.” (Daaniʼel 12:4, 8-10) Kanaafuu, Waaqayyo hamma yeroon sirrii taʼe gaʼutti ergaa kutaan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko qabu ifa hin godhu.

Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo sirrii taʼe utuu hin beekin hafuun isaanii Kitaaba Qulqulluu dogoggoraan akka hubatan isaan godhee beekaa? Eeyyee. Haa taʼu malee, yeroon Waaqayyo dhimmoota sana ifa itti godhu yommuu gaʼetti, Dhugaa Baatonni kun yeruma sana dogoggora isaanii sirreessaniiru. Akka kanaan fakkeenya ergamoota Kiristoos warra yeroo Yesuus isaan sirreesse hundatti gad of qabuudhaan sirreeffama godhan sanaa akka hordofan ni amanu.—Hojii Ergamootaa 1:6, 7.

Duumessi eessaa akka dhufu ilaalchisee yaanni sirrii hin taanee fi intalli xinnoon sun qabdu hubannaa dogoggoraa xinnoo taʼe qofa dha. Haa taʼu malee, wanti Kitaabni Qulqulluun barsiisu siif baayʼee barbaachisaa dha. Ergaan Kitaaba Qulqulluu baayʼee barbaachisaa waan taʼeef, namni kam iyyuu dhuunfaatti dubbisee hubachuuf yaaluun isaa qofti gaʼaa miti. Kanaafuu, wanta dubbistu hubachuu akka dandeessuuf gargaarsa argachuuf yaali. Namoota gad of qabuudhaan Kitaaba Qulqulluu qoʼatan, namoota Kitaaba Qulqulluu hubachuuf hafuura qulqulluutti amanaman, namoota kan jiraannu yeroo Waaqayyo yoom iyyuu caalaa Kitaaba Qulqulluu akka hubannu itti barbaadu keessa akka taʼe amanan barbaaddadhu. Dhugaa Baatota Yihowaa mariisisi ykn barreeffamoota isaanii qorannoo guddaan irratti godhamanii weebsaayitii jw.org/om irratti baʼan dubbisi. Kitaabni Qulqulluun, “Hubannaa yoo waammatte . . . , beekumsa Waaqayyoo ni argatta” (NW) jechuudhaan abdii kenna.—Fakkeenya 2:3-5.