Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu

Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu

Kitaabni Qulqulluun raajiiwwan hedduu kan qabate taʼuun isaa maal argisiisa?

Kitaabni Qulqulluun Wantoota Bara Keenyatti Raawwataman Kan Ibsu Maaliifi?—Luqaas 21:10, 11.

Kitaaba Qulqulluu keessatti raajiiwwan balʼinaan ibsaman hedduun ni argamu. Namni waaʼee yeroo gara fuulduraa balʼinaan dubbachuu dandaʼu hin jiru. Kanaaf, raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu keessa jiran raawwatamuun isaanii, Kitaabni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo taʼuu isaatiif ragaa amansiisaa taʼa.—Iyaasuu 23:14; 2 Phexros 1:20, 21 dubbisi.

Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu kanaan dura raawwataman Waaqayyotti amanuuf ragaa amansiisaa nuuf taʼu. (Ibroota 11:1) Akkasumas abdiiwwan gara fuulduraatti yeroo gaariin akka dhufu Waaqayyo kenne akka raawwataman amanannaa akka qabaannu godhu. Kanaaf, raajiin Kitaaba Qulqulluu keessa jiru abdii mirkanaaʼaa akka qabaannu godha.—Faarfannaa 37:29; Roomaa 15:4 dubbisi.

Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu kan nu fayyadan akkamitti?

Raajiiwwan tokko tokko tajaajiltoonni Waaqayyoo tarkaanfii akka fudhatan akeekkachiisu. Fakkeenyaaf, Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa raajiiwwan tokko tokko raawwatamaa akka jiran yommuu argan Yerusaalemiin gadhiisanii baʼaniiru. Namoonni hedduun Yesusitti amanuu waan didaniif yeroo booda yommuu magaalattiin balleeffamte, Kiristiyaanonni bakka fagoo nagaa qabu jiraachaa turan.—Luqaas 21:20-22 dubbisi.

Yeroo harʼaatti, raajiiwwan raawwataman Mootummaan Waaqayyoo yeroo dhihootti mootummootaa fi bulchiinsota namootaa akka balleessu argisiisu. (Daaniʼel 2:44; Luqaas 21:31) Kanaaf, namoonni hundi amma Mooticha Yesus Kiristos isa Waaqayyo muude duratti fudhatama argachuuf tarkaanfii fudhachuun isaanii ariifachiisaa dha.—Luqaas 21:34-36 dubbisi.