Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dhiibbaa Namoota Kaan Wajjin Walbira Akka Of Qabdu Sirra Gaʼu Moʼi

Dhiibbaa Namoota Kaan Wajjin Walbira Akka Of Qabdu Sirra Gaʼu Moʼi

Tarkaanfii 2

Dhiibbaa Namoota Kaan Wajjin Walbira Akka Of Qabdu Sirra Gaʼu Moʼi

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL BARSIISA? “Namni adduma addaan hojii ofii isaa qoree haa ilaalu! Yoos yaaduma ofii isaatii duwwaadhaan of jajuu isaa malee, namni biraa akka isa hin jajanne arguuf jira [“nama biraa wajjin walbira of hin qabin,” NW].—Galaatiyaa 6:4.

QORUMSA AKKAMIITU JIRA? Yeroo tokko tokko namoota wanta nuyi qabnuu gadi qabanii wajjin, yeroo baayʼeemmoo namoota nu caalaa jabina qaban, sooreyyii taʼan ykn dandeettii nu caalu qabanii wajjin walbira of qabna taʼa. Sababiinsaa maaliyyuu yoo taʼe, namoota kaanii wajjin walbira of qabuun gaarii miti. Namni tokko gatii qabaachuunsaa, wanta inni qabuun ykn wanta inni hojjechuu dandaʼuun madaalama jennee dogoggoraan yaaduu dandeenya. Akkasumas, ilaalcha akkasii qabaachuun keenya hinaaffaafi wal morkiin akka uumamu gochuu dandaʼa.—Lallaba 4:4.

MAAL GOCHUU DANDEESSA? Akka Waaqayyo si ilaalutti of ilaaluuf yaalii godhi. Ilaalchi Waaqayyoo, ilaalcha ati ofiif qabdurratti dhiibbaa akka godhu heyyami. ‘Namni fuula ilaala, Waaqayyo garuu garaa ilaala.’ (1 Saamuʼel 16:7) Yihowaan eenyummaakee kan madaalu, garaakee ilaaluudhaan, akkasumas yaadakee, miirakeefi ilaalchakee qoruudhaan malee, namoota kaanii wajjin walbira si qabuudhaan miti. (Ibroota 4:12, 13) Waaqayyo humnikee murtaaʼaa akka taʼe beeka; atis humnakee beektee akka jiraattu si jajjabeessa. Eenyummaakee kan madaaltu namoota kaanii wajjin walbira of qabuudhaan yoo taʼe, kan of tuultu ykn yeroo hundaa gammachuu kan hin qabne taata. Kanaaf, gad of deebisiitii wanta hundumaarratti caalmaa qabaachuu akka hin dandeenye amanii fudhadhu.—Fakkeenya 11:2.

Ija Waaqayyoo duratti gatii qabaachuuf maal gochuu qabda? Waaqayyo Miikiyaas raajichi, “Inni wanta gaarii taʼe sitti himeera. Yaa namaa! Wanta qajeelaa taʼee fudhatame hojjechuu, gaarummaa jaallachuu, gad of deebiftees Waaqayyo kee wajjin deddeebiʼuu malee, gooftichi maal si irraa barbaada ree?” jedhee akka barreessu hafuurasaatiin isa kakaaseera. (Miikiyaas 6:8) Gorsa kana kan hordoftu yoo taʼe Waaqayyo siif yaada. (1 Phexros 5:6, 7) Gammachuu argachuuf sababiin kana caalu jiraa?

[Fakkii fuula 27rra jiru]

Yihowaan eenyummaa keenya kan madaalu wanta garaa keenya keessa jirurratti hundaaʼeeti