MASARAA EEGUMSAA—MAXXANSA QOʼANNAA Caamsaa 2015

Barruun kun mata dureewwan qayyabannaa Waxabajjii 29 hanga Adoolessa 26, 2015tti qayyabataman qabateera.

SEENAA JIREENYAA

Jaalala Koo Jalqabaa Yaadachuun Koo Jabaadhee Dhaabachuuf Na Gargaareera

Seenaa jireenyaa Antoonii Mooris Sadaffaa isa miseensa Qaama Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa taʼee dubbisi.

Dammaqaa—Seexanni Isin Liqimsuu Barbaada!

Amalawwan Seexanni diina hamaa taʼuu isaa argisiisan sadii.

Seexana Loluu—Fi Moʼuu Ni Dandeessu!

Koora, jaalala qabeenyaa fi halalummaa irraa fagaachuudhaan kiyyoowwan Seenaa irraa of eeguu kan dandeessu akkamitti?

Wantoota Abdachiifaman “Ilaalaniiru”

Dhiironnii fi dubartoonni amanamoon durii, eebbawwan gara fuulduraa yaadaan ilaaluudhaan fakkeenya gaarii nuu taʼu.

Fakkeenya Waaqa Isa Jireenya Bara Baraa Nu Abdachiisee Hordofaa

Haala namootaa nu irra gaʼee hin beekne dhuguma hubachuu ni dandeenyaa?

Gaaffii Dubbistootaa

Goog inni biyya Maagoog inni Macaafa Hisqiʼel keessatti ibsame eenyu?

KUUSAA KEENYA KEESSAA

Iddoo Nyaataa Sana Kan Geggeessu Jaalala

Walgaʼii gurguddaa Dhugaa Baatota Yihowaa irratti argamuu kan jalqabde bara 1990 booda yoo taʼe, qophiin nyaataa waggoota hedduudhaaf itti fayyadamaa turre si dinqisiisa taʼa.