Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Wantan Ijoollummaakootti Filadhe

Wantan Ijoollummaakootti Filadhe

Yommuun ijoollee ture

Bara 1985⁠tti, ijoolleen Kaamboodiyaa, mana barumsaa ani itti baradhuufi Kolombos, Ohaayoo, Yuu.Eess.Eetti argamu ennaa dhufan mucaa waggaa kudhaniin ture. Ijoollee sana keessaa mucaan tokko jechoota Ingiliffaa muraasa beeka ture. Fakkiiwwanitti fayyadamee, waaʼee namoota kaan dhiphisuu, ajjeesuufi jalaa miliquu natti himaa ture. Waaʼee ijoollee kanaa yommuun yaadu halkan halkan nan booʼan ture. Waaʼee abdii Jannataafi duʼaa kaʼuu isaanitti himuu kanan barbaadu taʼus, afaan ani dubbadhu hubachuu hin dandaʼan. Xinnoo kanan ture taʼus, ijoollee naa wajjin baratanitti waaʼee Yihowaa himuuf afaan Kaamboodiyaa barachuufan murteesse. Taʼus, filannaan godhe kun jireenyakoo isa gara fuulduraarratti jijjiirama akka fidu hin yaannen ture.

Afaan Kaamboodiyaa barachuun baayʼee na rakkisee ture. Siʼa lama dhiisuuf murteessee kanan ture taʼus, Yihowaan warrakootti fayyadamee na jajjabeesseera. Barsiisonni koofi ijoolleen wajjin baradhu, hojii mindaa gaarii argamsiisu akkan hojjedhu na jajjabeessu turan. Haataʼu malee, galman qajeelchaa taʼuuf baafadherra gaʼuu akkan dandaʼuuf, barumsa yeroo gabaabaa hojii guyyaa walakkaa hojjechuuf na gargaaru barachuun jalqabe. Yeroon barumsaa galu, qajeelchitoota beellameen wajjin tajaajila ture. Akkasumas, barattoota Ingiliffa akka afaan lammaffaatti barachaa turan kanan barsiise ennaa taʼu, kunimmoo yeroo booda baayʼee na fayyadeera.

Umriikoo waggaa 16⁠tti, waaʼee tuuta afaan Kaamboodiyaatiin geggeeffamuufi Yuu.Eess.Ee., Kaalifoorniyaa, magaalaa Loong Biich keessatti argamuun dhagaʼe. Bakka sana ergan dhaqee booda afaan Kaamboodiyaa dubbisuun baradhe. Akkuman barumsa xumureen, qajeelchaa taʼee tajaajiluu kanan jalqabe siʼa taʼu, namoota afaan Kaamboodiyaa dubbataniifi naannoo keenya jiraataniif lallabuukoo ittan fufe. Waggaa 18 yommuun taʼetti, gara Kaamboodiyaa dhaquufan yaade. Bakka kana dhaquun balaa kan qabu taʼus, jiraattota biyyattii miliyoona 10 taʼan keessaa muraasnisaanii misiraachicha dhagaʼanii turan. Yeroo sanatti, guutummaa biyyattii keessa gumii babalʼistoota 13 qabu tokko qofatu jira ture. Jalqaba Kaamboodiyaa yommuun deeme umriinkoo 19 ture. Waggaa lama boodammoo, achi jiraachuufan murteesse. Of deggeruu akkan dandaʼuuf, guyyaa walakkaadhaaf Ingiliffa barsiisaafi hiikaan ture. Yeroo booda, haadha manaa galma akka kootii qabdun argadhe. Waliin taanee, namoonni Kaamboodiyaa hedduun Yihowaadhaaf akka of murteessan gargaarreerra.

Yihowaan ‘kadhata garaakoo naaf kenneera.’ (Far. 37:4) Namoonni duuka buutota Yesus akka taʼan gargaaruun hojii kamiiyyuu caalaa gammachuu kan argamsiisudha. Waggoota 16n Kaamboodiyaa keessa jiraadhetti, gumiin babalʼistoota 13 qofa qabu sun, gara gumii 12fi tuuta 4⁠tti guddateera!—Jeesan Bilaakweel akka dubbatetti.