Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kan Yeroon Itti Darbe moo Bara Isaa kan Durse?

Kan Yeroon Itti Darbe moo Bara Isaa kan Durse?

SAAYINSII

KITAABNI QULQULLUUN KITAABA SAAYINSII MITI; TAʼUS, SAAYINSIIN BIRA GAʼUU ISAA YEROO DHEERAA DURA IBSAWWAN SIRRII TAʼAN KENNEERA. FAKKEENYA MURAASA ILAALI.

Hawaan jalqaba qabaa?

Saayintiistonni beekamoo taʼan, kun akka hin taane cimsanii ni dubbatu turan. Amma garuu baayʼeen isaanii hawaan jalqaba akka qabu ni amanu. Kitaabni Qulqulluun kana ifatti ni dubbata.—Uumama 1:1.

Marsaan bishaanii maali dha?

Bara duriitti waaʼeen marsaa bishaanii hin beekamu ture. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun jaarraawwan hedduu dura waaʼee marsaa bishaanii akkana jedheera: “Lagoonni hundinuus gara galaanaatti in yaaʼu, galaanichi garuu hin guutu; lagoonni sunis gara dhufanitti in deebiʼu, achiis deebiʼanii in yaaʼu.”—Lallaba 1:7.

Hawaan yeroo booda badaa ni deemaa?

Aristootil inni Dh.K.D. jaarraa arfaffaatti saayintiistii Giriikii ture, samiin urjiidhaan guutame matumaa akka hin jijjiiramne ykn badaa akka hin deemnee fi badaa kan deemu lafa qofa akka taʼe barsiisa ture. Ilaalchi jaarraawwan hedduudhaaf fudhatama qabu kana ture. Jaarraa 19⁠ffaatti garuu, saayintiistonni yaada introoppii jedhamu ni qindeessan. Yaadni kun wantoonni samiis taʼe lafa irra jiran hundi akka badan ibsa. Saayintistoota yaada kana cimsuuf gargaaran keessaa tokko kan taʼe Loordi Keelvin Kitaabni Qulqulluun samii fi lafa ilaalchisee, “Isaan hundinuu akka uffataa in ciccitu” akka jedhu dubbateera. (Faarfannaa 102:25, 26) Keelvin akkuma Kitaabni Qulqulluun barsiisu Waaqayyo badiisni akkanaa uumamawwan isaa irra akka hin geenye gochuuf filachuu akka dandaʼu ni amana.—Lallaba 1:4.

Lafa keenya dabalatee pilaaneetota kan baatu maali dha?

Aristootil qaamonni samii hundi waan akka geengoo bifa cuquliisaa qabuun haguugamanii akka jiranii fi tokkoon tokkoon isaaniis isa isaanitti aanee jiruun haguugamanii akka jiran, lafti immoo hundumaa gidduu akka jirtu barsiisa ture. Dhaloota Kiristoos Booda jaarraa 18⁠ffaatti saayintiistonni yaada urjiileenii fi pilaaneetonni akkasumatti rarraʼanii akka jiran ibsu fudhachuu jalqaban. Haa taʼu malee, kitaaba Iyoob isa Dhaloota Kiristoos Dura jaarraa 15⁠ffaatti barreeffame irratti Uumaan, ‘biyya lafaa [jechuunis, lafa] homtuu utuu jala hin jiraatin akka rarraase’ dubbata.—Iyoob 26:7.

YAALII FAYYAA

KITAABNI QULQULLUUN KITAABA YAALII FAYYAA TAʼUU BAATUS, FAYYAA ILAALCHISEE BEEKUMSA GUDDAA QABATEERA.

Namoota dhukkubsatan kophaatti baasuu.

Seerri Musee namoota dhukkuba nadaayiitiin qabaman kophaatti baasuu ilaalchisee qajeelfama kenneera. Haa taʼu malee, doktaroonni yaalii fayyaa hamma dhukkuboonni daddarboon jaarraa 14⁠ffaattii fi 15⁠ffaatti namoota hedduu fixanitti qajeelfama hamma harʼaatti hojjetu kana hojii irra hin oolchine.—Lewwoota boqonnaa 13 fi 14.

Reeffa erga tuqanii booda dhiqachuu.

Hamma dhuma jaarraa 19⁠ffaatti, yeroo baayʼee ogeeyyiin fayyaa reeffa erga tuqanii booda harka isaanii utuu hin dhiqatin dhukkubsataa lubbuudhaan jiru ni tuqu turan. Akkana gochuun isaanii namoonni hedduun akka duʼan godheera. Haa taʼu malee, Seerri Musee namni reeffa tuqe kam iyyuu akka sirna amantiitti xuraaʼaa akka taʼu dubbata. Haala akkanaa keessatti akka sirna amantiitti qulqulleessuuf bishaan akka fayyadaman ni ajaja. Sirni amantii kun karaa fayyaas faayidaa argamsiisee akka ture ifa dha.—Lakkoobsa 19:11, 19.

Balfa of biraa fageessuu.

Waggaa waggaadhaan daaʼimman miliyoona walakkaatii ol taʼan dhukkuba garaa kaasaatiin ni duʼu; sababiin inni guddaanis daaʼimman kun bobbaa namaa isa karaa sirrii taʼeen of biraa hin fageeffamneef saaxilamuu isaanii ti. Seerri Musee bobbaan namaa bakka namoonni jiraatan irraa fageeffamee awwaalamuu akka qabu dubbata.—Keessa Deebii 23:13.

Yeroo dhagna qabaa.

Seerri Waaqayyoo daaʼimni dhiira taʼe tokko guyyaa saddeettaffaatti dhagna qabamuu akka qabu ni dubbata. (Lewwoota 12:3) Qaama daaʼima reefuu dhalate keessatti dandeettiin dhiigni itituuf qabu sadarkaa sirrii irra kan gaʼu torban tokko booda akka taʼe hubatameera. Bara duriitti gama kanaan yaaliin fayyaa argamuu isaa dura, utuu dhagna hin qabamin torban tokkoo ol turuun faayidaa argamsiiseera.

Walitti dhufeenya miira gaarii fi fayyaa qaamaa gidduu jiru.

Qorattoonni yaalii fayyaa fi saayintiistonni miirawwan gaariin kan akka gammachuu, abdii, galateeffachuu fi dhiifama gochuuf fedhii qabaachuu jiran fayyaa qaamaatiif hamma tokko faayidaa akka qaban ni dubbatu. Kitaabni Qulqulluun, “Garaan gammadu fayyina namaaf kenna, yaadni cabaan garuu lafee gogsa” jedha.—Fakkeenya 17:22.