Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaʼee Busaa Wanta Beekuu Qabdu

Waaʼee Busaa Wanta Beekuu Qabdu

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka tilmaametti bara 2013 namoonni miliyoona 198 ol taʼan busaadhaan kan qabaman siʼa taʼu, kanaan kan kaʼes namoonni 584,000 taʼan duʼaniiru. Namoota dhukkuba kanaan duʼan 5 keessaa gara 4 kan taʼan ijoollee umuriin isaanii waggaa shanii gad taʼe dha. Dhukkubni kun addunyaa maratti biyyootaa fi naannoowwan gara dhibba tokkoo taʼan kan sodaachisu taʼuu isaa irra iyyuu, namoota gara biliyoona 3.2 taʼan balaadhaaf saaxileera.

1 BUSAAN MAALI DHA?

Busaan dhukkuba dhortuudhaan ykn paaraasaayitiidhaan dhufu dha. Mallattoon isaa dhagna gubaa, qorrisiisuu, dafqisiisuu, mataa bowwuu, qaama caccabsuu, garaa hammeessuu fi hoqqisuu kan dabalatu dha. Mallattoowwan kun akkuma gosa dhortuu sanaatti, akkasumas hamma yeroo namni sun dhukkubichaan qabamee ture irratti hundaaʼuudhaan saʼaatii 48 hanga saʼaatii 72 gidduutti deddeebiʼanii mulʼachuu dandaʼu.

2 AKKAMITTI BABALʼATA?

  1. Dhortoonni busaa Pilasmoodiyaa jedhaman, hidda dhiigaa nama tokkoo keessa kan seenan yommuu bookeen busaa dhaltuun Anoofilas jedhamtu nama ciniintutti dha.

  2. Dhortoonni kun sana booda seelii tiruu nama ciniiname sanaa keessa seenanii achitti wal horu.

  3. Seeliin tiruu sun yommuu dhoʼu dhortoonni sun achi keessaa baʼanii seelota dhiiga diimaa nama ciniiname sanaa weeraru. Iddoo kanattis saffisaan wal horuu isaanii itti fufu.

  4. Seeliin dhiiga diimaa yommuu dhoʼu dhortoonni sun baʼanii seelota dhiiga diimaa dabalataa hedduu weeraru.

  5. Adeemsi seelii dhiiga diimaa weeraruu fi dhoʼiinsi kun itti fufa. Namni ciniiname sun yommuu seeliin dhiiga diimaa dhoʼu hundatti mallattoowwan dhukkuba busaa isa irratti mulʼatu.

3 OF EEGUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?

Bakka busaan dafee dafee itti kaʼu kan jiraattu yoo taʼe . . .

  • Saaphana siree ykn saaphana bookee busaatti fayyadami. Saaphanni kun

    • qorichi farra ilbiisaa kan itti biifame.

    • qaawwa ykn tarsaʼaa kan hin qabne.

    • guutummaatti firaashii ykn afattoo jala kan galfame taʼuu qaba.

  • Qoricha farra ilbiisaa mana keessatti biifamutti fayyadami.

  • Yoo dandaʼame balbalaa fi foddaa irratti saaphana godhi; akkasumas bookeewwan sun akka hin qubanne gochuu waan dandaʼuuf, meeshaa qilleensa qabbaneessuu fi afarsutti fayyadami.

  • Uffata adii guutummaatti qaama kee haguugu uffadhu.

  • Yoo dandaʼame, bakka dhooqaa bookeewwan itti qubatanii fi bishaan kuufamaa bookeewwan keessatti wal horan akka hin jiraanne godhi.

  • Dhukkuba kanaan yoo qabamte dafii yaalami.

Bakka busaan dafee dafee itti kaʼu deemuuf yaadaa kan jirtu yoo taʼe . . .

  • Achi deemuu kee dura odeeffannoo tibba sanaa argadhu. Gosti dhortuu busaa naannoo tokkotti beekamaa taʼe isa naannoo gara biraa irraa adda taʼuu dandaʼa; kun immoo qoricha isa caalaatti buʼa qabeessa taʼe fudhachuu irratti jijjiirama fida. Kana malees, seenaa fayyaa kee wajjin haala wal qabateen wanta beekuu qabdu ilaalchisee ogeessa fayyaa kee mariisisuun gaarii dha.

  • Yeroo bakka sana turtu qajeelfama barreeffama kana keessatti namoota naannoo busaan dafee dafee itti kaʼu jiraataniif kenname kana hordofi.

  • Yoo dhukkuba kanaan qabamte dafii yaalami. Mallattoon dhukkuba kanaa erga qabamtee torban tokkoo hanga torban afurii gidduutti mulʼachuu akka dandaʼu hubadhu.