Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE FUULA JALQABAA | MACAAFNI QULQULLUUN YEROO HARʼAATTI NI FAYYADAA?

Jaalala

Jaalala

SEERA BUʼUURAA MACAAFA QULQULLUU: “Jaalala waan hundumaa tokkummaa hirdhinna hin qabneen walitti hidhu qabaadhaa.”—Qolosaayis 3:14, Hiikkaa Waltaʼaa Haaraya.

FAAYIDAA ISAA: Jaalalli Macaafa Qulqulluu keessatti baayʼinaan caqasame jaalala saala faallaa miti. Kanaa mannaa, jaalala seera buʼuuraa irratti hundaaʼee fi amaloota kanneen akka obsaa, gara laafinaa, waliif dhiisuu, gad of deebisuu, amanamummaa, gaarummaa fi garraamummaatiin beekamu dha. (Miikiyaas 6:8; Qolosaayis 3:12, 13) Jaalalli kun, jaalala sinsinnii yeroo booda badu irraa haala adda taʼeen, yeroo hunda guddachaa deema.

Breendaan, isheen erga heerumtee gara waggaa 30 ishee taʼe, “Jaalalli namoonni reefuu wal fuudhan waliif qaban, jaalala gaaʼelli turaa yeroo deemu jiraatuu wajjin yeroo wal bira qabamu hammana miti” jetteetti.

Saam, inni erga fuudhee waggaa 12 isa taʼe akkana jedheera: “Anii fi haati manaa koo gorsi Macaafa Qulqulluu faayida qabeessaa fi salphaa taʼuun isaa nu gammachiisa, darbees nu dinqisiisa! Yeroo hojii irra oolfamu wanti hundumtuu gaarii taʼa. Haa taʼu malee, yeroo hunda hojii irra oolchuu kanan barbaadu taʼus, yeroo tokko tokko fakkeenyaaf yeroo miirri koo dafee miidhamu, yeroon hamma tokko ofittoo taʼuu fi yeroon dadhabu hojii irra hin oolchu. Yeroo akkasiitti, Yihowaan ilaalcha dogoggoraa of irraa akkan ittisu akka na gargaarun isa kadhadha. Achii haadha manaa koon hammadha; sana booda baayʼee utuu hin turin waan hundumtuu nagaa taʼa!”

“Ogummaan Waaqayyoo ija hojii isaatiin dhugaa argate”

Yesus Kiristos, “Ogummaan Waaqayyoo ija hojii isaatiin dhugaa argate” jedheera. (Maatewos 11:19) Kanaafuu, Macaafni Qulqulluun kitaaba ogummaa dhugaa of keessatti qabate dha jechuu ni dandeenya. Barumsii fi seerri buʼuuraa achi keessa jiru buʼa qabeessaa fi yeroon kan itti hin dabarre dha. Aadaa fi saba hunda keessatti ni hojjeta. Qaamni seerawwan kana baase uumama namootaa akka gaariitti akka beekuu fi namootaa ol akka taʼes nuu mirkaneessa; qaamni kun Uumaa keenya Yihowaadhaan ala eenyu iyyuu taʼuu hin dandaʼu. Dhugaa dha, namni tokko dhugaawwan kana mirkaneeffachuu kan dandaʼu, seerawwan kana yeroo hojii irra oolchu qofa dha. Macaafni Qulqulluun, “Gaarummaan Waaqayyoo attam akka taʼe, isin miyeeffadhaa ilaalaa!” jedhee kan nu afeeru kanaafi. (Faarfannaa 34:8) Afeerraa kana ni fudhattaa?