Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yeroo Baayʼee Na Barbaachisuttan Abdii Argadhe

Yeroo Baayʼee Na Barbaachisuttan Abdii Argadhe

Battalumatti fuula kootiin bishaan keessatti kufeen of arge. Qilleensa fudhachuudhaaf mataa koo ol qabuuf kanan yaale taʼus, mormi koo naa ajajamuu dide. Baayʼee naʼee, dugda kootiin garagaluuf kanan yaale taʼus, harkaa fi miilli koos na dide. Bishaan somba kootti seenuu jalqabe. Bona bara 1991 guyyaa hoʼaa kanatti, jireenyi koo guutummaatti jijjiirame.

KAABA baha Hangaarii, magaalaa Seereenchi keessatti kanan dhaladhe siʼa taʼu, mandara Tisaladaanii jedhamtu keessattan guddadhe. Bara 1991 Waxabajjii keessa, anii fi hiriyoonni koo bakka baayʼee baramaa hin taanee fi naannoo Laga Tiizaatti argamu tokko dhaqne. Bishaanichi gadi fagoo dha jedhee waanan yaadeef utaaleen mataadhaan keessa seene. Dogoggora guddaa ture! Lafeen morma koo fi lafeen dugda koo ni cabe. Hiriyaan koo akkan sochoʼaa hin jirre waan hubateef, utuun bishaaniin hin liqimfamin suuta jedhee harkisee na baase.

Waanan of hin wallaalleef rakkinni guddaan tokko akka uumame naa galee ture. Namni tokko tajaajila balaa tasaa waamee, heelikooptariin fuudhee hoospitaalatti na geesse; achitti doktooronni lafeen dugdaa koo caalaatti akka hin miidhamneef yaalii baqaqsanii hodhuu naa godhan. Sana booda, gargaarsa dabalataatiif gara magaalaa guddoo Hangaarii, Budaapeestitti na geessan. Jiʼa sadiif dugda kootiinan ciise. Mataa koo sochoosuu kanan dandaʼu taʼus, gateettii koo gaditti qaama koo sochoosuu hin dandaʼun ture. Umurii koo waggaa 20tti gargaarsa namaa malee sochoʼuun dadhabe. Baayʼee waanan abdii kutadheef duʼuu barbaadeen ture.

Dhuma irratti gara manaatti yeroon deebiʼetti, warri koo kunuunsa naa gochuu akka dandaʼaniif leenjii fudhatan. Taʼus na kunuunsuun karaa miiraas taʼe karaa qaamaa isaaniif ulfaataa ture; gara waggaa tokkoo booda dhiphinni sammuu na qabate. Yeroo kanatti, ogeessota irraa gorsa kanan argadhe siʼa taʼu, kunis ilaalchan hirʼina qaamaa kootiif qabu jijjiiruuf na gargaareera.

Waaʼee jireenyaa gadi fageenyaan yaaduus nan jalqabe. Jireenyi kaayyoo qabaa? Haalli gaddisiisaan akkasii kan na mudate maaliifi? Deebii argachuuf barruulee fi kitaabota dubbiseera. Macaafa Qulqulluus dubbisuuf yaalee kanan ture taʼus, hubachuuf natti ulfaate. Kanaafuu dubbisuu nan dhiise. Qeesii tokkoos haasofsiiseen ture; garuu deebiin isaa na hin quubsine.

Bara 1994, birraa keessa Dhugaa Baatonni Yihowaa lama dhufanii abbaa koo haasofsiisan; innis anaan akka haasofsiisan isaan gaafate. Kaayyoo Waaqayyo lafa jannata gochuuf, akkasumas dhukkubaa fi rakkina hambisuuf qabu natti himan. Wantin dhagaʼe baayʼee gaarii taʼus na shakkisiise. Haa taʼu malee, kitaabota Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf gargaaran lama fudhadheen ture. Ergan kitaabota kana dubbisee booda Dhugaa Baatonni sun Macaafa Qulqulluu akkan qayyabadhu na afeeran; anis afeerraa isaanii nan fudhadhe. Akkasumas akkan kadhadhu na jajjabeessan.

Waaqayyo dhuguma waaʼee koo akka yaadu mirkanaaʼaan taʼe

Marii keenya itti fufaa yeroo deemnu, gaaffilee koo hedduudhaaf  Macaafa Qulqulluu irraan kallattiidhaan deebii argadhe. Waaqayyo dhuguma waaʼee koo akka yaadus mirkanaaʼaan taʼe. Dhuma irrattis waggaa lamaaf ergan Macaafa Qulqulluu qayyabadhee booda, Fulbaana 13, 1997 meeshaa dhagna itti dhiqatan keessattan cuuphame. Guyyaan kun jireenya koo keessatti guyyaan baayʼee itti gammade dha.

Bara 2007tti bakka qaama miidhamtoonni keessa jiraatanii fi Budaapeest keessatti argamu keessa jiraachuun jalqabe. Gara iddoo kanaa dhaquun koo, wantoota gammachiisoo ani baradhe warra kaanitti himuuf carraa hedduu naa baneera. Yeroo haalli qilleensaa gaarii taʼutti, wiilcheerii mootoraan hojjetuu fi areeda kootiin oofutti fayyadameen gadi baʼee namoota haasofsiisa.

Gargaarsa qarshii maatiin gumii koo keessatti argamu tokko naa godheen, kompiitara sochii mataa koo hordofuudhaan hojjetu argachuu dandaʼeera. Meeshaan kun Intarneetiitti fayyadamee bilbilaan namoota haasofsiisuuf, akkasumas namoota miseensonni gumii koo manatti hin arganneef xalayaa barreessuuf na gargaareera. Karaa kanaan namoota gargaaruun koo namootaa wajjin wal qunnamuu irratti dandeettii koo baayʼee kan naa fooyyesse taʼuu isaa irra iyyuu, ofii koo irratti akkan hin xiyyeeffanne na gargaareera.

Meeshaa sochii mataa koo hordofuudhaan hojjetutti fayyadamee yeroon ergaa Macaafa Qulqulluu namootatti himu

Walgaʼii Kiristiyaanaa irratti iyyuu argamuu dandaʼeera. Yeroon gara galma Mootummaa dhaqu, obboloonni suuta jedhanii wiilcheerii koo wajjin na baatanii bakka walgaʼii, gamoo tokkoffaa irratti argamutti na geessu. Walgaʼii irratti obboloonni yaada akka kennan yommuu afeeramanitti, obboleessi na bira taaʼuu harka isaa naa baasa. Achii yeroon yaada kennu Macaafa Qulqulluu koo ykn barreeffama qayyabatamaa jiru ol naa qaba.

Dhukkubbii wal irraa hin cinnetu natti dhagaʼama; akkasumas wanta hunda gargaarsa namootaatiin alatti raawwachuu hin dandaʼu jechuun ni dandaʼama. Kanaan kan kaʼes, al tokko tokko abdiin kutadha. Haa taʼu malee, Yihowaan wanta na yaaddessu hunda yeroon itti himu akka dhagaʼu waanan beekuuf, michummaan isaa wajjin qabu na jajjabeessa. Macaafa Qulqulluu guyyaa guyyaatti dubbisuudhaan, akkasumas obboloota koo hafuuraa irraas jabina nan argadha. Michummaan isaanii, deggersa isaan karaa miiraa naa godhan, akkasumas kadhannaan anaaf dhiheessan gama yaadaa fi miiraatiin madaallii koo akkan eegu na gargaareera.

Yihowaan jajjabina kan naa kenne yeroo baayʼee na barbaachisetti ture. Addunyaa haaraa keessatti fayyaa guutuu akkan qabaadhus abdii naa kenneera. Kanaaf, yeroon jaalalaa fi gaarummaa isaa isa guddaadhaaf ‘asii fi achi adeemee, quruphisaa Waaqayyoon itti galateeffadhu’ hawwiidhaanan eeggadha.—Hojii Ergamootaa 3:6-9.