Dhimma ijoo ta'etti seeni

Lolaa Misiraachoo Fide

Lolaa Misiraachoo Fide

 Dhugaa Baatonni kudha lama bara 2017 Mosquito (Miskitto) ishii qarqara galaanaa Nikaaraaguwaatti argamtu irraa bidiruudhaan imala jalqaban. Bidiruun isaanii Stuuri Yaamni jedhama ture. Steefan inni imaltoota kana keessaa tokko ture wanta yaadatu yommuu dubbatu, “Galmi keenya Dhugaa Baatota muraasa bakka fagoo jiran jajjabeessuu fi naannoo balʼaa kanatti misiraachoo labsuu isaan gargaaruu ture” jedheera.

 Dhugaa Baatonni 12n kun piirl leegoonii kaʼanii gara Riyo Graandaa daa Maataagaalpaa isa kiloomeetira 200 fagaatutti adeemsa jalqaban. Maqaan bidiruu isaanii inni afaan miskittoodhaan “misiraachoo” jechuu taʼe namoota qarqara galaanaa jiraatan sanaaf hiika addaa akka inni qabu hin beekan turan. Dhugaa Baatonni kun isa halkan boqotan utuu hin dabalatin gara saʼaatii 12 erga deemanii booda iddoo deemaa jiran, jechuunis hawaasa Laakruuz daa Riyo Graandaa bira gaʼan. Dhugaa Baatonni naannoo kanaa jaʼa obbolootaa fi obboleettota hafuuraa isaanii kana miira hoʼaadhaan simatan.

 Galgala sana balaa uumamaa cimaan gaʼee ture. Obomboleettiin humna guddaa qabu bakka lagni Riyo Graandaa daa Maataagalpaa kaʼutti bokkaan cimaan akka roobu godhee ture. Saʼaatii muraasa gidduutti lagichi guutee qarqara isaa irra kan dhangalaʼe siʼa taʼu, guyyaa lamaafis dabaluu isaa itti fufeera. Kanaan kan kaʼes, Galmi Walgaʼii fi manneen hedduun Laakruuzaatti argaman lolaadhaan miidhamaniiru. Obboloonni kun namoonni naannoo kanaa lolaa kana jalaa akka oolan isaan gargaaraniiru. Baayʼeen isaanii halkan lama walitti aananiif mana obboleettii tokkoo buufatan.

Galma Walgaʼii Laakruuz isa lolaan keessa yaaʼe

 Halkan sadaffaatti bulchaan Laakruuz gargaarsa Dhugaa Baatota naannoo kana dhufanii gaafachuuf gara isaanii dhufe. Bidiruun laga guute kana irra imaluu dandaʼu Stuuri Yaamni qofa waan taʼeef, bulchaan kun obboloonni bidiruu isaaniidhaan namoota hojii gargaarsaa irratti hojjetan naannoo lolaadhaan miidhamanitti akka ceesisan barbaadee ture. Dhugaa Baatonni kun deggersa kana gochuuf fedhii qabu turan.

 Guyyaa itti aanu ganama Dhugaa Baatonni sadii garee gargaarsaa wajjin imaluu jalqaban. Steefan wanta yaadatu yommuu dubbatu akkas jedheera: “Yeroo kanatti lagichi humna cimaa qaba ture. Lagichi mukkeen gurguddaa bubuqaʼaan fudhee deema ture, geengoo guddaa uuma, akkasumas saffisni lagichaa saʼaatii tokkotti kiloomeetira 18 ol ture. Haalli rakkisaan kan jiru taʼus, bidiruun kun gandoota sadii bira gaʼuu dandaʼeera.

 Dhugaa Baatonni sadan kun carraa kana namoota naannoo gandoota sanaa jajjabeessuuf itti fayyadamaniiru. Kana malees Dhugaa Baatonni kun Dammaqaa! maxxansa 2017 isa yeroo sanaaf taʼuu fi mata dureen isaa “Yommuu Balaan Gaʼu—Tarkaanfii Nama Oolchuu Dandaʼu” jedhu isaaniif raabsaniiru.

 Jiraattonni naannoo lagichaa gargaarsa obboloonni karaa qaamaas taʼe, karaa hafuuraa isaaniif godhan baayʼee dinqisiifataniiru. Jiraattonni gandichaa tokko tokko, “Isaan yeroo rakkisaatti gargaarsa gochuuf fedhii qabu” jedhaniiru. Warri kaan immoo, “namootaaf jaalala dhugaa akka qaban hubachuu isaanii” dubbataniiru. Jiraattonni gandichaa hedduun carraaqqii Dhugaa Baatonni obboloota isaanii fi namoota kaan gargaaruuf godhan erga arganii booda ergaa Kitaaba Qulqulluu isa nama jajjabeessu dhagaʼuuf, caalaatti fedhii argisiisaniiru.

Maarkoo inni imaltoota keessaa tokko taʼe bidiruu Stuuri Yaamni irraa buʼee namoota naannichaaf misiraachicha labsuuf yommuu deemu

Bidiruun Stuuri Yaamni jedhamu naannoo lolaan uumame utuu dhaabatee jiruu