Dhimma ijoo ta'etti seeni

‘Gocha Xinnoo Amanamummaa Argisiisu’

‘Gocha Xinnoo Amanamummaa Argisiisu’

 Afriikaa Kibbaatti Daaniʼelee ishiin Dhugaa Baatuu Yihowaa taate boorsaa maamilli ishii tokko mana bunaa keessatti irraanfatte argite. Boorsaa kana keessa boorsaan qarshii qabatee fi kireedit kaardiin jira ture. Daaniʼeleen boorsaa kana abbaa isaatiif deebisuuf waan murteessiteef, teessoo ykn bilbila nama kanaa kan barbaadde taʼus maqaa namichaa qofa argatte. Karaa baankii isaa namicha argachuuf kan yaaltee taʼus ishiidhaaf hin milkoofne. Taʼus Daaniʼeleen ammas utuu abdii hin kutatin, lakkoobsa bilbilaa nagahee doktara isaa irraa namichaaf kenname boorsaa isaa keessaa argattetti fayyadamtee bilbiltee. Keessummeessituun bilbila kana kaastes lakkoofsa bilbilaa Daaniʼelee namicha sanaaf akka kennitu walii galte.

 Namichis mana yaalaatii bilbilamee Daaniʼeleen boorsaa isaa akka argitee fi deebisuufii akka barbaaddu ittii himamu baayʼee dinqisiifame. Fudhachuuf yommuu dhufu, Daaniʼelee fi abbaan ishii nagaa isa gaafatan. Carraa kanatti fayyadamanii hamma kana isa barbaaduuf maaliif akka yaalii godhan itti himan. Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuu isaanii erga isaaf ibsanii booda, qajeelfama Kitaaba Qulqulluu wajjin wal simanii jiraachuuf carraaqqii akka godhan isatti himan. Yeroo hundumaa amanamoo taʼuuf carraaqqii cimaa kan godhan kanaafi.—Ibroota 13:18.

 Saʼaatii muraasa booda, boorsaa isaa fi boorsaa qarshii isaa waan deebisaniif ergaa gabaabaadhaan Daaniʼelee fi abbaa ishii irra deebiʼee galateeffate. Akkas jedhe: “Na argachuuf hammana dhamaʼuu keessanitti guddaan isin dinqisiifadha. Maatii kee fi sii wajjin wal arguu kootti gammachuu guddaatu natti dhagaʼama; gaarummaa fi michummaa nattii argisiistan yoom iyyuu hin irraanfadhu. Hammam akkan isin galateeffadhu argisiisuuf buusii isiniif gochuun barbaada. Waaqa tajaajiluuf jettanii aarsaa guddaa akka kaffaltanis beeka. Gochi Daaniʼeleen amanamtuu fi haqa qabeettii taʼuudhaan argisiiste, namoota gaarii taʼuu keessan mirkaneessa. Ammas irra deebiʼeen isin galateeffachuu barbaada, Waaqayyo tajaajila keessan isiniif haa eebbisu.”

 Jiʼoota muraasa booda, abbaan Daaniʼelee namicha sanaa wajjin kan wal argan siʼa taʼu, namichis yeroo muraasa dura yommuu boorsaa bade argee wanta isa mudatee itti hime. Utuu waa bitaa jiru boorsaa lafa buʼe jiru arge. Dubartii abbaa boorsaa kanaa taate yommuu argu, boorsicha ishiidhaaf erga deebisee booda wanta deebisuuf isa kakaase ishiidhaaf ibse. Boorsaa ishii kan deebiseef, dhiheenya kana namni amanamaa taʼe tokko borsaa qarshii isaa waan isaaf deebiseef akka taʼe itti hime. Akkas jedhe: “Gochi xinnoon amanamummaa fi gaarummaa argisiisu tokko nama kan biraattis ni darba, jireenyi namoota hawaasicha keessa jiru hundumaas akka fooyyaʼu godha.”