Dhimma ijoo ta'etti seeni

Laga Shinguu Biratti Dhugaa Baʼuu

Laga Shinguu Biratti Dhugaa Baʼuu

Jalqaba Adoolessa 2013tti Dhugaa Baatonni Yihowaa 28 taʼan Biraaziil magaalaa Saaʼoo Feeliiksi do Shinguudhaa baʼanii gara naannoo namoonni Kaayaapoo Hindii fi Yuraanaa Hindii jedhaman jiraatan deeman. Bidiruu meetira 15 dheeratu irra taaʼanii, faallaa Laga Shinguu isa kiilomeetira 2,092 yaaʼee Laga Amaazonitti dabalamuun deemuu jalqaban.

Namoonni kun adeemsa kana kan deeman waaʼee Mootummaa Waaqayyoo namoota qarqara laga kanaatti argamanitti lallabuufi dha. Guyyaa sadaffaatti namoonni kun mandara kokriimooroo jedhamtu gaʼan. Keessummoonni kun namoota gammadoo fi keessummoota simachuu jaallataniin simataman. Dubartiin tokko mallattoodhaan isaan simatte. Namni karaa isaanitti argisiisaa turee fi nama naannoo sanaa taʼe tokko wanta isheen jechuu barbaadde akkas jechuudhaan ibseera: “Mallattoon ishee, ‘Hundi keessanuu kottaa. Isin beekuu barbaannaa!’ jechuu dha.”

Dhugaa Baatonni, warra tokko tokkotti afaan Poortugaaliin, warra kaanitti immoo mallattoodhaan lallabuudhaan namoota hundatti dhugaa baʼaniiru. Barreeffamoota fakkiiwwan babbareedoo qabanii fi Macaafa Qulqulluu irratti hundaaʼan qabachuun isaanii baayʼee kan isaan gargaare yommuu taʼu, namoonni mandarattii hedduun, keessumaa birooshura isa Waaqayyoon Dhaggeeffadhu jedhamu fudhataniiru.

Jerson, inni qajeelchaa addaa taʼee Saaʼoo Feliksi do Shinguu keessatti tajaajilu, namni naannoo sanaa tokko kitaaba, Kitaaba Koo Isan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu jedhamu akkamitti akka fudhate akkas jechuudhaan ibseera: “Erga ilaalee booda harka isaa lamaaniin ofitti qabe; yeroo muraasaaf illee lafa kaaʼuu hin barbaanne.”

Dhugaa Baatonni Yihowaa kitaabota, barruulee fi birooshuroota gara 500 taʼan namoota naannoo laga sanaa jiraataniif kennaniiru. Namoonni mandara Kaawaatiree keessa jiraatan abdii Macaafa Qulqulluu isa gara fuulduraatti lafti akka jannata taatu dubbatu fedhii guddaadhaan dhaggeeffataniiru. Toonjaayikwaa inni nama Kaayaapoo Hindii taʼee fi nama simachuudhaan beekamu, “Jannata keessatti namoonni akkuma keenyatti jiraatu” jechuudhaan dubbateera.

Namoonni magaalaa Saaʼoo Feeliksi do Shinguu keessa jiran hedduun waaʼee duula kanaa beeku turan. Siimoonii isheen namoota gara iddoo fagoo kana deeman keessaa tokko taate isheenis taate, namoonni ishee wajjin deeman mandaroota achitti argamanitti simatamuu isaanii namoonni naannoo ishee akka shakkan dubbatteetti. Haataʼu malee rakkinni isaan hin mudanne. Siimooniin, “Kan simatamne taʼuu isaa irra iyyuu, namoota hundumaatti lallabneerra” jetteetti.