Dhimma ijoo ta'etti seeni

Gamoowwan Betʼel Yuunaayitid Isteetisitti Argaman Akka Daawwattu Si Afeerreerra

Gamoowwan Betʼel Yuunaayitid Isteetisitti Argaman Akka Daawwattu Si Afeerreerra

“Guyyaa Betʼeliin itti daawwannee fi yeroo achitti dabarsine yoom iyyuu hin irraanfannu.” Yaada kana kan dubbatan hiriyoota gaaʼelaa odoola Vaanuʼaatuu jiraatanii fi gamoo dhugaa Baatota Yihowaa Yuunaayitid Isteetis keessatti argamu daawwatanii turani dha. Waggaa waggaatti namoonni kuma 70 ol taʼan waajjira kana kan daawwatan siʼa taʼu, isaanittis miiruma akkasiitu dhagaʼama.

Gamoo Betʼel Yuunaayitid Isteetisitti argamu daawwattee beektaa? Hin daawwanne taanaan akka daawwattu afeeramteetta.

Gamoowwan gurguddaa sadan keessatti maalfaa argita?

Waajjira Muummee, Biruukiliin, Niiwu Yoorki. Misiraachoo Mootummichaa isa addunyaa maratti raawwatamu haala gurmaaʼina qabuun qindeessuu fi deggeruuf carraaqqiin akkamii akka godhamu ilaali. Wantoonni ofuma keetii daawwattu lamas jiru. Inni tokkoo, mata duree “Saba Maqaa Yihowaaf Dhaabate” jedhu kan qabu siʼa taʼu, seenaa saba Yihowaa jaarraa jalqabaatii kaasee hanga ammaatti jiru argisiisa. Inni kan biraan immoo, “Macaafa Qulqulluu fi Maqaa Waaqayyoo” kan jedhu siʼa taʼu hiikawwan Macaafa Qulqulluu garaa garaa maqaa Waaqayyoo qabatanii jiran argisiisa.

Barumsa Tiʼookraasii, Paatarsan, Niiwu Yoorki. Waaʼee manneen barnootaa bakka kanatti argamanii, kanneen akka Mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu Giilʼaad fi Mana Barumsaa Miseensota Koree Waajjira Damee fi Haadhotii Manaa Isaanii baradhu. Akkasumas viidiyoowwan hojii waajjira kana keessatti hojjetamu argisiisan, kanneen akka ogummaa harkaa, tajaajila Audio/Video, Seeraa fi Kutaa Tajaajilaa argisiisan ni daawwatta.

Gamoo Barreeffamni Itti Maxxanfamuu Fi Feʼamu, Woolkiil, Niiwu Yoorki. Macaafni Qulqulluu fi barreeffamoonni Macaafa Qulqulluu irratti hundaaʼan bakka kanatti akkamitti akka maxxanfaman, walitti hodhamanii fi, gumiiwwan Yuunaayitid Isteetis, Kaariibiyaanii fi kutaa addunyaa kaanitti kan feʼaman akkamitti akka taʼe ilaali.

Gamoowwan kana daawwachuun yeroo hangamii fudhata?

Inni Biruukiliinitti argamu saʼaatii tokko; inni Paatarsanitti argamu saʼaatii lama; Inni Woolkiilitti argamu immoo saʼaatii tokkoo fi walakkaa fudhata.

Kan daawwachiisan eenyu faʼi?

Obboloota Betʼel keessa jiranii fi hojii garaa garaa irraa hojjetantu daawwachiisa. Obboloonni kun daawwachiisuun karaa itti hojii barumsaa addunyaa maratti hojjetamu itti deggeran keessa isa tokko akka taʼetti ilaalu. Hanga Caamsaa 2014tti, namoonni gamoowwan kana sadan keessaa hojjetan 5,000 kan turan yommuu taʼu, isaan keessaa 3,600 kan taʼan akka daawwachiisaniif leenjiin isaaniif kennameera. Daawwannaan kun afaan 40n kennama.

Daawwachuuf hammam kaffaluu qabda?

Kaffaltii tokko illee hin gaafatamtu.

Namni daawwatu miseensa Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuu qabaa?

Matumaa! Namoota daawwatan keessaa hedduun isaanii Dhugaa Baatota Yihowaa miti. Dhugaa Baatota Yihowaa kan taʼanis kan hin taanes yommuu daawwatan hojii Dhugaa Baatonni Yihowaa gurmaaʼinaan raawwatan gadi fageenyaan baruu dandaʼu.

Dubartiin Musiliima taatee fi biyya Hindiitii deemte tokko Paatarsaniin daawwattee turte. Erga daawwattee booda, “Utuun isin keessaa tokko taʼee baayʼee natti tola. Kabaja guddaa waan naaf kennitaniif baayʼeen isin galateeffadha” jetteetti.

Ijoolleen hoo daawwachuu dandaʼuu?

Eeyyee! Ijoolleen daawwachuun isaanii jireenya isaanii irratti jijjiirama guddaa fida. Joon inni Yuunaayitid Isteetis jiraatu akkas jechuudhaan barreesseera: “Ijoolleen garee daawwannaa keenya keessa turan erga manatti gallee boodas waaʼeedhuma daawwannaa sanaa dubbatu. Daawwachuu isaanii dura, Betʼel keessatti maal akka raawwatamu hin beekan turan. Amma garuu achi galanii tajaajiluuf galma baafataniiru.”

Gamoowwan ykn waajjira Dhugaa Baatota Yihowaa biyyoota kaan keessatti argaman daawwachuun ni dandaʼamaa?

Eeyyee! Biyyoota hedduu keessatti qophiin daawwannaa godhameera. Eessafaa daawwachuu akka dandeessu baruuf, Weebsaayitii kana irraa kutaa ‘Waajjiraa fi Daawwannaa’ jedhu ilaali. Waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa tokko dhuftee akka daawwattu kabajaan si afeerreerra.