Dhimma ijoo ta'etti seeni

Laayibirarii Qabatanii Deemuun Dandaʼamu

Laayibirarii Qabatanii Deemuun Dandaʼamu

Onkoloolessa 7, 2013tti Dhugaa Baatonni Yihowaa laayibrarii JW Library jedhamuu fi meeshaalee elektirooniksii qabatanii deemuun dandaʼamu irratti hojjetu, akkasumas Macaafa Qulqulluu dubbisuu fi qayyabachuuf gargaaru kalaqaniiru. Appilikeeshiniin Macaafa Qulqulluu tolaan argamu kun King James Version fi Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa dabalatee hiikkaawwan Macaafa Qulqulluu afaan Ingiliffaa jaʼa of keessatti qaba. a

Qopheessuun Maaliif Barbaachise?

Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman walqunnamtii fi hojiidhaaf ismaartifoonii, taabileetii fi meeshaalee elektirooniksii kaanitti fayyadamu. Haataʼu malee namoonni meeshaalee elektirooniksii bakkaa bakkatti qabatanii deemanitti fayyadaman, dubbisa Macaafa Qulqulluu fi qayyabannaadhaaf jw.org fayyadamuu utuma dandaʼanii JW Library qopheessuun maaliif barbaachise?

Tokkoffaa, al tokkaa itti feʼamnaan yeroo Intarneetiin hin jirrettis itti fayyadamuun waan dandaʼamuufi dha. Lammaffaa, keessumaa kan inni qophaaʼe namni tokko caqasa dafee akka baafatuu fi gadi fageenyaan Macaafa Qulqulluu akka qayyabatu gargaaruufi dha. Akkamitti?

JW Libraryn Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Irratti Ni Gargaara

JW Libraryn jalqaba yeroo banamu maqaa kitaabota Macaafa Qulqulluu argisiisa. Kitaabni Macaafa Qulqulluu tokko yeroo filatamu, itti aansee boqonnaawwan kitaaba filatame sanaa argisiisa. Kun immoo lakkoofsa ykn yaada boqonnaa sana keessa jiru salphaatti argachuuf gargaara. Appilikeeshiniin kun wantoota Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf gargaaran hedduu qabateera:

  • Miiljaleewwan ibsa gara biraa fi odeeffannoo dabalataa qaban

  • Caqasoota Macaafa Qulqulluu caqasa sanaa wajjin wal fakkaatan

  • Qabiyyee iddoo jechi ykn gaaleen tokko itti argamu barbaaduuf gargaaru

  • Ibsa jalqaba kitaabota Macaafa Qulqulluu hundarratti argaman

  • Saanduqa tokkoon tokkoon barreessitoota kitaabota Macaafa Qulqulluu, eessattii fi yoom akka barreeffame, akkasumas barreessuuf yeroo hangamii akka fudhate qabate

  • Kaartaawwan, gabateewwan, duraa duuba yeroo fi diyaagiraamota halluu garaa garaa qaban

Akkuma barreeffamoota Dhugaa Baatota Yihowaa kaanii JW Library tola argachuun ni dandaʼama. Apilikeeshiniin Macaafa Qulqulluu buusii fedhiidhaan kennameen qophaaʼe kun, hanga ammaatti siʼa miliyoona tokkoo ol garagalfatameera. (2 Qorontos 9:7) Atis garagalfachuudhaan laayibrarii adda taʼe kanatti maaliif hin fayyadamtu?

a Amajjii  2014tti appilikeeshiniin kun haareffameera. Amma Caqasa guyyaa guyyaatti dubbifamuu fi faarfannaa Dhugaa Baatonni Yihowaa itti fayyadaman of keessatti qaba.